Oduu Haaraya

Bifa, fii uffata namaa ilaalanii ni bareedda jechuun salphaadha

Hin dubbadhu jedheen ture. ‪#‎Obaamaan‬ erga gara biyya Itiyoophiyaa dhufee sa’aatiiwwan lakkoofsiseera. Namoonni baay’een oduu waa’ee dhufaatii Baarak Obamaa kana haasa’uu fi dhaadhessuu erga jalqabanii bubbuleera. Anis maaliif dhaadhessuu laata jedheen taajjabaa ture.
SIMANNAA DILBATA GALGALAA
Pirezedaantiin Ameerikaa Baarak Obaamaan daawwannaa isaanii biyya Keeniyaa erga xumuranii booda imala isaanii akka lakkoofsa sa’aatii habashaatti guyyaa keessaa sa’aatii 11:40 gara Itiyoophiyaatti eegalan.
Obamaan gaafa Itiyoophiyaa dhufu simannaa ho’aa taasisaniifii turan.
Kanaan booda bakki boqonnaas kennameef. Qilleensa Oromiyaa magaalaa finfinnee habbuuqaa bule. Kuni gaafa sanbata guddaa(dilbataa) sa’aa 12:20 kan raawwateedha.
OOLMAA GUYYAA WIIXATAA
Baarak Obamaan boqonnaa isaa erga xumuree booda wiixata ganamaan ka’ee Mana Mootummaa(Beta Mengist) daawwate. Itti fufee Muummicha Ministeera Itiyoophiyaa obboo Hayila Maariyaam Dassaaleny waliin marii xiqqoo taasise.
Sana booda #Obaamaan Itiyoophiyaan biyya kabajamtuu fi dimokiraasiidhan hundoofteedha jedhee dubbate.
Wayyaaneen(TPLF) waggaa 24 guutuu nu goyyomsitee,nu gabroomsitee,mirga keenya nurraa mulqite.
Akkatti jirru nutu beeka. Obaamaan garuu sa’aatii 24 osoo hin guutiin Itiyoophiyaadhaaf afaan guutee ragaa ba’e.
Maal argeeti laata? Waanuma simatameefi moo galma mootummaa qofa daawwatee jennaan biyya guddatte itti fakkaatee laata?
Anaaf gaaffiidha.
_Baarak Obaamaan daandiiwwan Oromiyaa keessattuu gara Qeellam Wallaggaa,Gindabarat fi kkf nama geessu osoo daawwatee hoo?
_Osoo dargaggeessa Univaristii eebbifamee finfinnee naannoo Haannaa Maariyamii dhagaa falaxu osoo argee hoo maal jedhaa laata?
_Rakkoo uummata finfinnee geejjiba dhabee,sukkaaraa,zayitaa fi kkf dhabee halkanii guyyaa hiriira qabatee dhaabbatu osoo argee hoo?
_Uummata ykn Qeerroo Oromoo mana hidhaa Qaallittii,Qilinxoo,Maa’ikalaa
wwii,Ejeree fi kkf keessatti yakka malee buddeena gidiraa nyaatan osoo argee hoo maal jedhaa laata?
Anas kanatu na aarse. Duuba,bifa,uffata namaa ilaalanii ni bareedda jechuun salphaadha.
Oolmaa wiixataa kanaan haa gabaabsinu.
OOLMAA GUYYAA HAR’AA(KIBXATAA)
Guyyaa har’aa mootummaan wayyaanee pirezedaantii USA guutuu magaalaa finfinnee daawwachiisaa turan.
Yeroo daawwannaa kanatti humnoonni waraana biyyatti akka hoomaa hawwaannisaa magaalaa finfinnee weeraran.
Uummatni kamiyyuu suuqii,kaaffee,
hoteela fi bakka hojii isaa cufuu akka qabu ajajan.
Namni kamiyyuu mandara keessa oliif gad akka hin deemne fi keessattuu daandii gurguddaa(aspaaltii) irratti akka hin baane dhorkamee ture.
Konkolaataan kamiyyuu akka hin soochone godhame.
Namni fi konkolaataan karaarra adeemu kamiyyuu sakkatta’amanii oolan.
__Kabajamtoota lammiilee keenya anis yeroo kana kanin waa taajjabe.
Innis maali jettuu laata?
Biyyi Itiyoophiyaa kun kabajamtuu fi dimokiraasiin kan hundoofte erga taatee humni waraana biyyattii maaliif uummatni manaa gad akka hin baane dhorkaa?
1.Dimokiraasiin guutumatti waan jirreef
2.Uummatni sagalee isaa dhageessisaa laata jedhanii waan shakkaniif
3.Miidhaa waggoota 24 guutuu raawwachaa turan waan beekaniif
Biyya nagaan jiru fi dimokiraasiin jiru walii galtee fi wal dhaga’uu malee humna waraanaa hin barbaachisu turen jedha ani.
Kanaaf Itiyoophiyaa keessa Dimokiraasiin hin jiru. Ani yaada Obaamaa nan morma.
Isin hoo?

Dargaggo Abdulaxiifin

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …