Oduu Haaraya

Baddanii Badaa yaa warra badoo!!

 

 

Abdii Boruutiin

 

Dubbisttotni barruu kiyyaa, yoo mata duree kana argan rifachuu yookaanis Abdii Boruu maal maal jedhaa?! Maal jechuu barbaade? jedhanii gaafiilee kana kaasuu malu jedheen yaada. Wantin har’a dhiyeessu garuu akka mata dureen jedhutti waan badaa miti; hin yaadda’inaa!  Inni asitti dubbistootaaf dhiyaatus akka yeroo biraa waayee siyaasaa (polotikaa) miti. Mee har’a waan biraa, waan dubbistoota xinnoo kofalchiisuu danda’un dhiyeessa. Sababni ani barruu (tapha) gabaabaa kana dhiyeesseef, Dilbata (Sanbata Guddaa) dabre kana, Adoolessa 14, Raadiyoonii Hawaasa Oromoo Melbourne, http://www.3zzz.com.au/  qophii dargaggoosagantaa dargaggootaa fi shamarranii, sagantaa ajaa’ibaa “sheekko sheekkoo” jedhurratti, waayee namoota gowwaa afurii Aaddee Ayyaantuu Mahaammadiin dhiyaate tokko dhagayuu kiyya dha. Tapha kana ijoollummaa kiyyarraa kaaseen beeka. Haa ta’u malee, naannoo Oromiyaa bakkee ani itti dhaladhee guddadhetti kan jedhamus ykn haasa’amus, kanuma wajjin kan walfakkaatu ta’ee; garuu kan ani beeku (another version) xinnoo ni dheerata. Bakkee itti walirraa goru fi garaagarummaa qabus jira. Inni ani beeku akka armaan gadii ti.

 

Dubartoota lama kan obboleettii ta’an turan; takka gowwaa kan biraa gamna. Isaan lamaanuu dhiira lama (partners) argatu. Dhiirota lamaan kana keessaa’iys  inni tokko gamna yoo ta’u, kan biraa ammoo gowwaa dha. Inni gamnichi intala gamna, gowwichis intala gowwaa fuudhu; walitti heerumu jechuu dha. Yeroo kana hunduu mana ba’anii, mana kophaa kophaa ofii qabatu. Otuma akkanatti jiraatanuu, intalli gowwittiin ulfooftee mucaa tokko deessi. Amma namtich gowwichi (dhirsi intala gowwittii) gara mana warra gamnootaa deemee, obboleettii niitii isaatti gammachuu kana hima. Yeroo kana intalli gamnittiin akkana jettiin, Baga gammaddan, baga ilma argattan, ilma loon isiniif eegu (tkisu) argattanii, amma akka ka’ee bobba’u godhaa” jettee itti qoosti.

 

Gowwichis amma manatti deebi’ee, niitii isaatiin akkana jedha, “Hayyoon ilma loon isiniif eegu ykn tiksu argattanii; akka inni bobba’u godhaa jettee; ka’ii waan nyaatamu kenniif mucaan haa bobba’uu”jedhaan. Kana dhageenyaan niitii gowwittiin mucaa fuuldura buddeena (biddeena) gootee, “nyaadhutii ni bobbaataa!” jettiin mucaa dhaan. Mucaa sabiyyiin amma dhalate biddeena nyaachuu waan hin dandeenyeef, ajaja kana otuu hojii dhaan hin agarsiisin hafa. Ammas namtich gowwichi (abbaan mucaa) ka’ee warra gamnoota bira deemee, akkana jedhaan, “Ayyaaoo, mucaan waan kennameef nyaachuu dide” jedhaan. Yeroo kana gamnittiin ammas qoosaa dhaan “Bobba’uu diduuf nyaachuu dida; harka isaa eegee sa’aatti hidhaatii akka loon wajjin bobba’u godhaa” jettiin. Gowwichi kana dhaga’ee, gara mana isaatti deebi’ee, niitii isaa gowwaa dhaan “Erga nyaachuu dide, bobba’uu diduufii; harka isaa eegee sa’aatti hidhaa jette; ka’i akkas goonaa” jedheenii mucaa fuudhanii eegee sa’aatti hidhanii akka inni bobba’u godhan.

 

Galgala yeroo loon galan, saanis mucaa asii fi achi daddarbaa oolee qaama isaa kukkutee, harka mucaa tokko qofaa fidee gala (akka itti hidametti jechuu dha). Amma dhirsii fi niitii gowwaan (warri mucaa)“uu’uu, uu’uu,…” jechaa iyyuu fi booyuu jalqabu. Achumaanis yeroo kana isaan lamaanuu wal qabatanii, iyyaa fi booyaa, gara mana warra gamnootaa deemu. Yeroo achi ga’anii badii kana isaanitti odeessan, niitii gamnittiin (obboleettiin gowwittii fi adaadaan mucaa) akamalee rifachuu fi gadduu dhaan“Baddanii badaa yaa warra badoo!!” jechaa ishiinis iyyuu fi booyuu jalqabdi. Amma akka dur qoosaaf otuu hin taane, rifaatuu dhaan kana dubbatte.

 

Gowwootnis (dhirsaa fi niitii gowwaan) “Aayyoon baddanii badaa nuun jettee, gara mana keenyaatitti deebinee, galaa qopheeffannee badnaa!” waliin jedhu. Gara manaattis deebi’anii, galaa qopheeffatu. Galaan isaan qopheeffatan bassoo dha. Erga qophii xumurani, ka’anii baduuf deemu. Bakka itti badan garuu hin beekani. Otuma karaa dheeraa deemaa jiranuu, amma beelli isaanitti dhaga’ama. Waan bassoo kana ittiin tolfatan bishaan barbaaduu jalqabu. Akka tasaa ta’ee garba tokko bira ga’u. Bishaan arganne, asumatti bassoo keenya tolfannee nyaanna jedhanii taa’u; achumaanis boqonnaa fudhachuufi. Amma bassoo sana qunxuranii, qunxuranii bishaanitti darbuu jalqabu. Akkana godhaatuma galaa harkaa qaban hundaa fixan. Waan godhan dhabnaan, namtichi niitii isaatiin “Ka’ii bishaan keessa lixii, bassoo keenya nuuf fidi” jedhaan.

 

Niitiinis bishaan (garba) keessa lixxee achumatti hafte. “Akkasii edaa!! Na dhokattee nyaachuufi!” jedhee aaree dhagaa (dhakaa) guddaa fuudhee bishaan keessatti darba; niitii isaa dhawuufi. Kunis hin oolle; niitii mataa ishii dhayee buruqsa (madeessa). Yeroo kana dhiigni ol dhufee bishaan baddaatti mul’ata.“Akkasii, siriidhaa barbarree itti gooteeti kophaa nyaattii?!” jedhee aaraan bishaan (garba) keessatti utaala. Bakkee’uma niitiin isaa haftetti innis hafa. Hundi isaaniituu mucaas galaafatanii ofiifis badanii hafan jedhama. Kanaaf, “baddanii badaa yaa warra badoo” jedhamee akka taphaatti haasa’amas.

 

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruuaboruu@gmail.com

Check Also

toophiyaa31

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do …