Oduu Haaraya

Qabsoo laafte tokkummaa dhaan haa cimsinu jechuun, odeeffannoo diina sooruu miti

 

 

Abdii Boruutiin

 

 

Barruu gabaabaa kana akkan dhiyeessu kan na tasise, barreeffama mata duree “Hokkoon yeroo hundaa gara keessaatti” jedhuun Birmaduu Biyyaatiin dhiyoo kana dhiyaate fi marsaa bilisummaa.com irratti maxxanfame dha. Qabiyyeen barreeffama sanaa walumaagalatti yoo ilaalame, dhimma keenya ilaalchisee intarneetarratti barreessuun faayidaa akka hin qabne; bilisummaas fiduu akka hin dandeenye agarsiisullee, addatti kan xiyyeeffate garuu anatti yookaan barruuleen ani dhiyeessaa turetti akka ta’en hubachuu danda’e. Birmadummaan Biyyaa barreeffama isaa keessatti akkana jedhe: “…Gidduu dabre, Namni Abdi Boruu jedhamu , “yeroo hundaa kan katabu” Qabsoon Oromoo maaliif laafate jedhee waa heddu tarrisee jira. Namni kun yeroo hedduu katabu isaa irraa maalan baradha? kan jedhu natti hin fakkaatu…” itti fufees, “…Egaa Abdiin Boruu, rakkoo har’aa hiikanii furmaata hegaree keeyyachuudha malee, odeeffannoo diina sooruu miti…”

 

Duraan dursee, barruuleen ani hamma ammaatti dhiyeessaa ture, harki caalaan isaanii waayee tokkummaa fi akkasumas laafina qabsoo keenyaarratti ta’anillee, dhimmoota gara garaa irrattis, fakkeenyaaf, waayee guddina Afaan Oromoo; waayee amantii fi Oromummaa irrattis yeroo adda addaa keessatti barreesseen ture. Birmadummaan barruulee kiyya hundaa ilaaluu fi walbira qabees hubachuu yoo barbaade, fakkeenyaaf  http://gadaa.com/oduu/?cat=416  tuqee ykn seenee dubbisuu ni danda’a. Wantan barreesse irraa maaltu baratamuu akka danda’u yookaanis hin dandeenye, yaada kana dubbistoota barruulee kiyyaatiif dhiisuun barbaada. Qabiyyeen barruulee kiyyaatis odeeffannoo diina sooru ta’uu ykn ta’uu baachuu isaatis akkasuma dubbistootaafan dhiisa. Barruuleen kiyyaa bakkee isaan dhimma keenyatti sakaallaa ykn gufuu ta’anii; rakkoolee har’a qabnu hiiknee furmaata egeree akka hin barbaadne kan taasisan eessa akka ta’e; akkasumas dhuguma odeeffannoo diina soorus akaa ta’an abbaan fedhe natti himuu ni danda’a. Anis balleessa kanaaf ittigaafatama fudhadhee, dubbistootas dhiifamma gaafachuu dhaaf qophii dha.

 

Birmaduun Biyyaa akkana jedhee: “Yeroo hedduu Namoonni waa katabuuf yennaa jedhan, eessa irratti? maal nu fayyada? maal nu miidha? eenuttan maal himaa jira? yaada waloo qabu moo,dhunfaa ? dhalootaaf maal fayyada ? rakkoo keessa keenyaa intarneeta moo, waltajjii irratti haasofnaa ? kkf…”barreeffama isaa gaafiilee hedduu dhaan jalqabe. Ani barreessaa gaarii ta’uuf dandeettii hin qabun ta’a. Gara kanaan na gorsuu yoo barbaade, gorsa kanas galata guddaa dhaan fudhadha. Haa ta’u malee, mee barruuleen hanga ammaatti dhiyeessaa ture wajjin walqabsiisee, gaafiilee’uma inni kaase kana isumatti deebisee gaafachuun barbaada. Barruuleen kiyya hunduu yoo ilaalamani, kan biraa hafanii, waayee tokkummaa fi Oromummaa ilaalchisee wantin barreessaa ture, maaltu nu hin fayyadin? Isa kamtu nu miidhe? Isa kamtu qabsoo kana gaaga’e? Eenyuttan maal himaa ture/jira? Yaadni ani dhiyeessu kan waloo ta’uu hin danda’uu? Yaadni fi ilaalchi kiyya kan dhuunfaa haa ta’u malee, qabiyyee fi dhaamsi isaa kan walii ta’uu hin danda’uu? Dhalootaaf homaa hin fayyaduu? Rakkoolee jiranii furmaata ta’uu yoo baatanillee, akka wal gorsuutti ilaalamuu hin danda’anii? Tokkummaa dhaaf iyyuun; Oromummaa dhaaf dursa haa kenninu jechuun faayidaa hin qabuu? Furmaata egeree hoo ta’uu hin maluu? Yoo kun millkaawe, kan miidhamu diina malee Oromoo dhaa?…. Eessa odeeffannoon diina sooru??

 

Barruu ani mata duree “Qabsoo bilisummaa Oromoo maaltu laffise ykn laaffisa?” jedhuun baatii tokko dura dhiyeesse yoo ta’es, achitti qabxiilee kudhan lafa kaa’uu kanan yaale, waanuma dhugaa dhaan lafa jiru fi dhugaa firas ta’ee diina jalaa dhokachuu hin dandeenye dha. Kun iccitii miti; dharas miti; waanuma uummatni keenyas beekuu dha jedheen yaada. Yoo ni dhokfanna ykn dhokfachuu qabna kan jennullee ta’e, ifatti bahuun isaa hin oolu. Dhugaan jiru dhokatee hin hafu jechuu dha. Waayee kana barressinus dhiisinus wanti diina jalaa dhokatu hin jiru. Nu caalaa diinatu waayee keenya sirriitti beeka yoon jedhe dhara hin ta’u. Asirratti, wanti Birmadummaa Biyyaa wajjin irratti waliigallu, dhimmoota keenya hundaa keessumaayuu waan iccitii ta’an fi namoota keenyas ta’e qabsoo kana miidhuu danda’an intarneetarratti baasuu irraa of eeguu dha. Kun dhugaa waliigalaa ti.

 

Barruuleen ani dhiyeessaa ture keessaa wanti iccitii keenya diinatti baasan maaltu jira? Barreeffamoota ykn barruulee intarneetarratti maxxanfaman keessaa kan koo maaltu adda isaan godhe? Kiyya qofaan akkamitti odeeffannoo diina sooran ta’uu danda’an? Mooraa QBO keessatti keessumaayuu mooraa ABO keessatti wal qeequuf, wal komachuuf, wal abaaruuf, wal arrabsuuf akkasumas wal saaxiluuf barruulee addaa addaa meeqatu marsaa intarneetaa irratti bahaa turan? Mana paltalk keessatti waa meeqatu haasa’amaa turan? Kun hunduu waanuma intarneetarratti mul’achaa turani dha. Isaan kuni hoo odeeffannoo diina sooru ta’uu hin danda’anii? Barruulee Abdii Boruu qofaan maaliif akka yakkaatti ilaalamu? Birmadummaan Biyyaa maaliif akka fakkeenyaatti ana qofaa kaase? Dhugaa dha, akka waliigalaatti yoo ilaalame, marsaalee intarneetaa barruulee dhaan guutuun furmaata rakkoolee ta’ee, qabsoo kanas cimsuu hin danda’u.

 

Asirratti waan tokko hubachiisuun barbaada, akkuman kanaan duras barruulee adda addaa keessatti ibsuu yaales, ani barumsas ta’ee muuxannoo fi ogummaa saayinsii siyaasaa hin qabu. Gara jaarmayaa ykn dhaabaatiinis yoo ilaalame, ani miseensa jaarmayaa ykn dhaaba siyaasaa tokkootuu miti; ta’eellee hin beeku. Waayee uummata keenyaa (uummata Oromoo) fi qabsoo isaa ilaalchisee yaada koo barreessuu kanan jalqabes, waggota lamaa dura dha. Wantin barreessus ilaalcha fi yaada dhuunfaa kiyyaa; waanan adeemsa qabsoo bilisummaa fi hawaasota Oromoo keessatti arguu fi hubadhuu dha. Akkana jechuun ammoo, waanuma ifatti mul’achaa jiru malee, iccitii jaarmayaa ykn dhaaba tokkoo keessa jiru; keessa isaa beekee; diinaaf saaxiluu miti. Kanaaf, akka Birmadummaan Biyyaa“…warri Intarneeta irratti akka nama eebba Piroofesarummaaf qorannoo gaggeessuu, keessa dhaabaa fi Ummataa qoratanii gabaa Intarneetaaf dhiheessuun…” jedhetti wantin yaalii godhe hin jiru; jiraachuus hin danda’u. Warri jaarmayaa Oromoo, keessumaayuu ABO keessa turani fi iccitii jirullee beekanuu, kunoo achii baanan iccitii jaarmayichaa diinaaf dabarsaa jiru. Isa kanatu odeeffannoo diina sooru ta’a malee, wanti ani barreesse waan balaa nurraan gahe natti hin fakkaatu.

 

Wal qeequun, dadhabbii fi laafina ofii hubatanii walitti himuun; akka barumsi fi muuxannoo gaariin irraa argamu taasisa malee, rakkoo jiru dhokfachuun furmaatas ta’uu hin danda’u. Waayee keenya diinni hin dhaga’in jechuun eessanuu nu hin ga’u. Kanas sodaannee yaada keenya ibsachuu dhiisuun qabsoo kanaafis furmaata hin ta’u. Yoo kan danda’amu ta’e fi carraan argame, bakkee addaatti, bakkee diinni odeeffannoo argachuu hin dandeenyetti, waliin mari’achuun yaada gaarii fi kan deeggaramuu qabu dha. Carraan akkanaa yoo hin argamne garuu, manuma keenya cufannee, taa’uu wayya yaadni jedhus furmaata waan ta’u natti hin fakkaatu. Laafina fi dadhabbii hin qabnu jennee otuma dhiifneeyyuu, haalli nuti keessa jirruu isaan kana ifatti waan mul’isuuf, diinni keenyas kana otuu hin hubatin hin hafu.

 

Barruu kiyya xumuruu dhaaf, ani kanan jedhu, waliigalaa, tokkoomaa; yoo tokkooman malee humna cimaa ykn jabaa qabaachuun ykn horachuun hin danda’amu; humna cimaa fi abdachiisaa dhaan malee qabsoon keenyas cimee galii hawwame ga’uu hin danda’u jechuun; wal gorsuu fi wal jajjabeessuu dha malee, wanti diina jabeessee hamilee uummata keenyaa cabsu maali? Ganda, kutaa fi naannoo dhaan akkasumas amantii dhaan gara gara wal hin hirinaa; wal qoqqooduun diinaaf bu’aa fida malee, uummata Oromootiif faayidaa hin qabu jedhanii yaada ofii barreessuun ykn dubbachuun, tooftaa diinaa dadhabsiisuuf malee, odeeffannoon diina sooru asirratti maali? Barruulee Abdii Boruu keessaa isa kamtu odeeffannoo diina sooru agarsiisa? Dhumarratti, Birmadummaa Biyyaabarruu ani yeroo hedduu katabu irraa maalan baradha? jettee gaafii kaafteef, ati asirraa barachuu ykn barachuu dadhabuun waan biraa ti; garuu akka odeeffannoo diina sooruutti ilaaluun kee maal akka ta’e tokko tokkoon ifa gootee natti himuu qabda. Anis gara fuulduraa, kanarraa baradhee akkan of eegu na taasisuu danda’a. Kan kanarraa hafe, waanuman barruulee hedduu dhiyeesseef, dimshaashumaan akka fakkeenya gadheetti na dhiyeessuun kee sirrii miti.

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruuaboruu@gmail.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …