Oduu Haaraya

Gad-aantummaa aadaa fi Afaan isaaniitu isaan cinqa moo, diigamuu impaayaraatu isaan yaaddessaa?

 

Abdii Boruutiin

Erga uummatni Oromoo fi uummatootni biroo gabrummaa Habashaa jalatti kufanii kaasee hamma bara 1991tti ol-aantummaan aadaa fi Afaan Amaaraa walqabatanii itti fufaa akka turan seenaatu ragaa ta’a. Haa ta’u malee, ol-aantummaan Amaaraa ol-aantummaa Tigreetiin (Wayyaaneetiin) bakka bu’ullee, ol-aantummaan Afaan Amaaraa garuu hamma har’aatti itti fufaa jira. Wayyaanee saba bicuu keessaa baateen aangoon irraa fudhatamullee, karaa biraatiin garuu Afaan isaanii har’allee bakka guddaa qabaachuun Amaarotaaf ammallee harka ol aanaa akka qaban mirkaneessafi. Kanaaf, wanti biraallee yoo dadhabame, guddina Afaan kanaatiif karaa danda’amu hundaan halkani fi guyyaa ciminaan irratti hojjetu. Wayyaaneen hoo, maaliif guddina Afaan kanaatiif gahee guddaa taphatti?

 

Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, deebiin gaafii kanaa karaa sadiin ilaalamuu ni danda’a:

 

Karaa tokkoffaatokkoffaa, har’a Wayyaaneen lafumaa kaatee Afaan ofii (Afaan Tigree) Afaan biyyoolessaa fi Afaan hojii nan godha yoo jette (hawwii isaanii ta’ullee), kun hojiirra ooluu waan hin dandeenye dha. Lammaffaa, akka bal’ina uummataa fi biyya Oromootti, akkasumas akka teessoo lafa isaa fi qabeenya isaatitti, silaa Afaan Oromootu ol-aantummaa argatee, bakkee Afaan Amaaraa bu’uu danda’a ture; garuu Wayyaaneen kana waan hin barbaadneef, Afaan Oromoo dura ykn caalaa Afaan Amaaraa ol-aantummaa qabaatee akka itti fufu goote.

 

Karaa lammaffaa: karaa aangootiin Wayyaaneen bakkee Amaaraa fudhattee isaaniifis diina haa taatu malee, akka uummata gosa tokkootti (akka Habashaatti) Wayyaanee fi Amaaraan eenyummaa isaaniitiin waan boonanii fi saboota biroo waan tuffataniif, Afaan Amaaraa Afaan Oromootiif akka bakkee gad lakkisu (bakkee gadi dhiisu) hin barbaadan. Kanaaf, Wayyaaneenis guddina Afaan Amaaraatiif qooda ofii gumaachiti jechuu dha.

 

Karaa sadaffaa: tooftaa Wayyaaneen uummatoota ykn saboota addaan hirtee ykn qoqqooddee, umurii bittaa ittiin dheereffattuu dha. Kun maal jechuu dha? Gama Oromootiin, mootummaa sobaa kan uummataaf hin dhaabbannes haa ta’u (fake government), mootummaa naannoo Oromiyaa isiniif ijaarre; akka ofiif of bulchitan isin goone; jijjiirama guddaa isiniif fidne; nafxanyoota isinirraa kaafne; Afaan keessaniin akka hojjettani fi barattan taasifne jedhanii uummata keenya gowwoomsuu dha. Gama Amaaraatiin ammoo, aangoo isinirraa fudhanullee, kunoo aadaa fi Afaan keessan har’allee bakka guddaa qabatanii itti fufaa jiru jechuu dhaan akka walqixxummaa sabootaa eegan fakkeessanii isaanis karaa kanaan akkasuma gowwoomsuu yaaluu dha.

 

Tooftaan Wayyaanee kun kana qofaatti hin hafu; Afaan Amaaraa ol-aantummaa akka qabaatu godhuu fi Afaan Oromoo ammoo akka hin guddanne fi sadarkaa ol-aanaas akka hin geenye godhuun; waan Amaarotaaf falman fakkeessanii; tooftaa kanaan uummatoota lamaan kana (Oromoo fi Amaaraa) jidduutti nagaan akka hin uumamne; kan dur caalaa akka wal shakkiin jiraatu taasisuufi. Gabaabumatti Oromoo dhaan akka of bulchitu si godhe; Amaaraa dhaan ammoo, akka Afaan kee ol-aantummaa dhaan turu siif godhe jechuufi. Kanaaf, tooftaalee gara garaatti fayyadamanii Afaan Oromoo akka hin guddanne; guddachuun hafee, sadarkaa’uma amma irra jiru kanaanuu akka tuffatamu fi jibbamu godhuu yaalu; godhaa jirus. Wayyee kana Obboo Boruu Barraaqaa barruu mata duree “Toftaa Afaan Oromoo Hadheessuuf karaa TVO Calaqqisuu fi Duula Faallaa Kanaan Karaa ETV3 fi EBS Geggeeffamaa Jiru: Imaammata Dhokataa Ministeera Kominikeeshina Wayyaanee” jedhuun gaariitti ibsee jira.

 

Gara mata duree barruu kiyyaatti deebi’uu dhaaf, gaafii kana akkan kaasu kan na taasise, marii fi haasawa Adda Bilisummaa Oromoo – ABO (garee warra jijjiiramaa??) fi Ginbot 7 jidduutti godhamaa jiru ilaalchisee waan marsaalee intarneetaa tokko tokkorratti mul’atu arguu kiyya dha. Duraan dursee, asirratti wantin jechuu barbaadu, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, wanti irratti waliigalamu tokko fedhii uummatootaa keessumaayuu fedhii uummata keenyaa (uummata Oromoo) kan guutu yoo ta’e, mariin nagaa dhaan godhamu deeggaramuu qaba jedheen yaada. Kaayyoo bilisummaa Oromoo kan hin faallessine yoo ta’e, yaaliin akkanaa wanti hin deeggaramneef sababni natti hin mul’atu jechuu kooti. Waan adeemaa jiru kana ammaaf akkuma jirutti dhiisuu dhaan, garuu wantan hubadhe tokkorratti yaada koo dhiyeessuun barbaada.

 

Akkan waan tokko tokko, bakkee tokko tokkotti dubbisetti, waayee marii fi haasawaa kanarratti ilaalchi Habashootaa karaa lamaan waan mul’atu fakkaata. Akka namootni tokko tokko barreessanitti, qabsoon bilisummaa Oromoo (QBOn) hamma galii isaa ga’utti cimaa deema malee, akka hin laafne fi dhaabbachuus hin dandeenye Habashoota tokko tokkoof waan galeef ykn ifa ta’eef fakkaata. Kanaaf, otuu hin barbaadin, otuu hin fedhin dirqamanii dhugaa kanatti amanuu yaalu. Amantaan kun garuu bifa lama qabaachuu danda’a. Inni tokko, tooftaaf jedhanii yoo ta’u, inni biraa ammoo dhuguma dhugaa lafarra jirutti amananii furmaata waloo barbaaduuf waan yaadan ta’uu mala. QBOn cimaa fi jabaachaa deema malee, dhaabbachuu akka hin dandeenye sochiin qeerroo Oromiyaa biyya keessatti godhaa jiran ragaa quubsaa ta’uu danda’a. Kunis Habashoota otuu hin sodaachisin waan hafuu miti.

 

Karaa biraatiin ammoo, qabsoon bilisummaa saboota cunqurfamanii cimaa deemuun, isaan sodaachisees haa ta’u; yookaanis ammoo, ol-aantummaa aadaa fi Afaan isaanii dhabuun isaan cinqees haa ta’u; haasa’a jaarmayoota akka ABO, Ginbot 7 fi Adda Bilisummaa Biyyoolessa Ogaadee (ABBO) jidduutti godhamaa jiru ilaalchisee wanti Habashootni tokko tokko barreessan cinqama ykn yaaddoo isaanii waan agarsiisu fakkaata. Diigamuun Impaayarittii isaan yaaddessee; boqonnaa sammuu waan isaan dhoowweef (dhoorkeef), “boombii (dhoowaa) boru dhoowuu danda’u qabanii marii gaggeessuun tokkummaa biyyattii (impaayarittii) gaaga’uu danda’a” jedhanii barreessu. Marii fi waliin hojjechuu barbaaduun jaarmayoota kanaa (ABO, ABBO fi Ginbot 7) waliigaltee maalirratti akka hundeeffamu beekuun rakkisaa ta’ullee, jaarmayoota bilisummaaf qabsaa’an (ABO fi ABBO) waliin hojjechuun impaayarittii diiga ykn diiguu danda’a jedhanii waan yaadaniif ykn yaadda’aniif boqonnaa dhabu.

 

Impaayarittii diiganii saboota walaba ta’an ijaaruun hafee; sirna federaalisimii kan dhugaa ijaaruun kan danda’amullee yoo ta’e, kunuu isaaniif (warra bu’aalee hamma har’aatti argaman kanaa balleessuu barbaadaniif) dhukkuba mataa cimaa itti ta’a. Maaliif yoo jedhame, fakkeenyaaf, otuu sirni federaalisimii dhugaa uumamee; akka bal’ina biyya keenyaa (Oromiyaa) fi uummata Oromootti, Afaan keenya Afaan biyyoolessaa, Afaan Federaalaa, Afaan hojii akka ta’u godhame, kun ol-aantummaa aadaa fi Afaan isaaniirratti rakkoo waan fiduuf, ija’uma impaayarittiin diigamtee gara gara hiramtuutiin ilaalu jechuu dha. Kanaaf, karaa danda’amu hundaan qabsoo kana dura dhaabbachuuf yoo danda’an sirumaa dhabamsiisuuf yaalii godhu.

 

Ilaalcha Habashootaa, kan karaa lamaan natti mul’atu kana, walbira qabee yoon ilaalu fi hubadhu, wanti hundi isaaniituu waliin qaban tokko akka jirun yaada. Innis, hundi isaaniituu impaayarittiin akka diigamtuu fi gara gara hiramtu hin barbaadan. Fedhiin uummatootaa eegamee; waan hundaafuu furmaata waloo ta’uu danda’u tokkorratti waliigalanii wajjin hojjechuun garuu waan danda’amu hin fakkaatu. Gaafii, “Akka impaayarittiin hin diigamne fi gara gara hin hiramne, maal godhuu qabna?” jedhuuf deebii barbaaduu irratti garaagarummaan isaanii waan mul’atu fakkaata. Tooftaafis ta’ee, dhuguma furmaata waloo barbaaduufis haa ta’u, warri jaarmayoota bilisa baasota waliin haasofna jedhan, warra qabsoo bilisummaa fi sochii uummataa hubatan fakkaatu. Jaarmayoota kana wajjin yoo hojjenne malee, karaan biraa nu hin baasu jedhanii waan yaadan fakkaatu jechuu dha.

 

Warri kuun garuu, Wayyaanee dabalatee, humna fi qawwee dhaan malee, karaan biraa hin jiru jedhanii waan murteeffatan fakkaatu. Marii fi wajjin hojjechuu yaaluun Habashootaa fi jaarmayoota bilisa baasotaa (ABO fi ABBO) dhuguma humna cimaa uumanii; Wayyaanee kuffisuu kan danda’u ta’uu ykn ta’uu baachuu amma beekuun rakkisaa ta’ullee, kan dabre fi seenaarraa baratanii furmaata walii barbaaduun badaa miti. Haa ta’u malee, asirratti gaafiin banaa ta’ee jiru “maalirratti waliigalanii; Wayyaanee kuffisuu fi sana boodas qabsoo kana garamitti akka oofanii” dha. Akka ilaalcha kiyyaatitti, jalqabumarraa kaasanii waan tokko (kaayyoo barbaadan tokko) ifa godhuun garuu uummatootas amansiisee deeggarsa isaaniis cimsuu danda’a jedheen yaada.

 

Dhumarratti, QBO ilaalchisee kaayyoon Habashootaa ol-aantummaa aadaa fi Afaan Amaaraas haa ta’u; immiyyee Itoophiyaa isaaniis tokkummaa dhaan jiraachisuufis haa ta’u; karaa fedheenuu yaaliin hundaa haa godhanis; kanaafis hirriibas haa dhaban malee, sarana – kana booda QBO galii hawwamerraa hanbisuu waan danda’an natti hin fakkaatu. Diinas ta’e firrii QBO, dhugaa kana hubachuu qabu. Bu’aalee hamma har’aatti argaman kana balleessanii duubatti deebisuun yaalamullee, kun waan milkaawu hin ta’u. Dhalootni har’aa fi kan dhufuu, kan dur caalaa, qabsoo kana akka cimsan waan nama mamsiisuu miti. Kanaaf ammoo sochiin dargaggoota Oromoo (sochiin qeerroo) biyya keessatti akka ibiddaa boba’aa jiru fakkeenya ta’uu danda’a.

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

The Psychological Pathognomonic Syndrome of Settler-Colonial Abyssinia

Part II Odaa Hora “If the fish knows water, It has never urinated back to …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *