Oduu Haaraya

BAGA GAMMADDAN—YUNIVARSIITII BULEE HORAA KEESSAA HAYYUU TOKKICHAAN KITAABNI LAMA BAHE!!!

Barreessaan kun hayyuu jabaa aadaafi seenaa Booranaafi Gujii caccabsee nyaatedha. Qorannoo guddoo inni waggaa kudhanii oliif gadi fageenyaan xiinxale kun waa’ee siyaasa Afriikaafi Kan Oromoo gadi fageenyaan kan agarsiisedha. Seenaa dargaggoo kanaa gabaabinaan kunoo….

Obbo Guyyoon Yuniversitii Finfinnee irraa barumsa ‘Philosophy’tiin digrii lamassoo qaba. Bara 2000-2002tti barsiisaa Yunivarsiitii ‘Baahir Daar’ ture. Kanaan dura barreessaa kitaaba; ‘The quest for regrounding African Philosophy between the two Camps,’ jedhuutif ‘Artikiloota’ garagaraa yoo ta’u, firiiwwan qu’annoo hedduu sadarkaalee fi dhimma garagaraa irratti hojetee dhiheessaa ture. Akkasumas, koree kudhannan hojii raawwachiiftuu hawaasa ‘Philosophy’Itiyoophiyaatiifi Miseensa hawaasaafi hariiroo ‘Philosophy’ adunyaati. Yeroo ammaa kan Yunivarsiitii Bulee Horaatti, hoogganaa Waajjira dhimma uumataafi hariiroo biyya alaa ta’ee hojjataa jira. Dabalataanis hayyuun kun biyyoota garaagaraatti waraqaa qorannoosaa dhiyeessaa tureera. Waraqaawwan qorannoo sadarkaa isaanii eeggatanis joornaalota ciccimoorratti hedduusaanii maxxansiisee jira. Ammas haala ajaa’ibaan Yunivarsiitiisaa keessatti hojii boonsaa dalagaa jira….mee teessoo armaan gadii kanaan oonnachiisaa; sicinaa jirra jedhaa; kitaabsaas harkaa fudhadhaati namaafis dabarsaa, warreen miidiyaan harka keessan jirus gaafannoo taasisaafi…baga gammaddan…baga gammaddan Oromoo!!!!!!
Teessoo Barreessicha!
Mob. No. 0926192125
Email. guyo_doyo@yahoo.com

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …