Oduu Haaraya
abdunaasir suufiyaan hussen

Baqataan Oromoo tokko biyya Yaman keessatti guyyaa arraa 04/11/2014 lubbuu isaa harka saatiin addunyaa irraa of dabarse,

ODUU GADDAA,

Guyyaa Arraa kana Magaalaa Sana’a Keesatti Baqataan Oromoo Tokko maqaansaa, ABDUNASIR SUFIYAN HUSSEN, kanja’amu Sababii Ji’a kudhan dura naannoo Magaalaa RaDaa ja’amtutti rasaasni Lafee Duydaa dhawamuun mudhii gadiin Laamshaawee ture,Kanaas tahee Baqataan kun sababa Xalayaa enyummaa Baqattummaa (mandate) waan hinqabneef Waajjirri UNHCR dameen Sana’aa Wallaansa sadarkkaa duraa malee(rasaasa keesaa baasuu) qofa kannaniif yootahe, Baqataankun achiin booda Ji’a Sadihii ol tajaajila fayyaatiin ala haala rakkoo akkana ja’amee himamuu hindandayamne keesa jiraataa ture, achiin booda waajjira IOM dameen yaman Tajaajila Fayyaa akka manayaalaa (Nashwaan) itti yaalamu hayyameefi ture, garuu Baqataa kanaaf jijjiiramni fayyaa qaama isaaratti dhufe hinjiru waan taheef Baqataan kun Abdii jiruu fuula duraa isaa dhabuudhaan guyyaa arraa 04/11/2014 lubbuu isaa harka saatiin addunyaa irraa of dabarse,

Yaa jiruu Biyya Ormaa…

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Heddu nama gaddisisa rabbin rahmata ha godhufi nuti ilman oromo biya tenyarra facane biyya amba kessati nama gadi tane sare gadi tane jirachun kenna wan heddu nama gaddisisu rabbin biyya tenyarrati abba ango nuha godhu