Oduu Haaraya

Baraat hammaate moo Numaatu hammeessee?

Bara barri hammaatee
dubbiin gara galte,
Bara wanni hundi
faallaatti geeddaramte,
Hamileen duraanii
hundi qabbanooytee
Wanti jechaa turan
hundinuu hanqattee
Dubbiin duraaniitis
hundi qaqallattee,
Tan hamilte malee
tan biraan moo’amte.

Baraat jijjiirame moo
Maal ta’eeti namni?
Gowwaatu guungumaa
Ni dhabamee gamni?
Eessa nurraa kutte
Hamileen duraanii?
Hundi buburrooytee
Akka dur hin jirtuu
Tan duraan oowwituu
Hoggaa diilallooytu,
Sababni isaa maali
Maaliif hin qorattuu?

Maaltu nutti bu’e
Maa harka maranne?
Osoo galman gahin
Qaata dadhabannee?
Moo goluma keessaa
Namuutuu geerara?
Danta-dhaban taatuu
Dirqamaa nu jiraa
Furmaata barbaadaa
Dubbii keessa baraa!

Baraat hammaate moo
Numaatu hammeessee?
Nutti jabaatte moo
Maaltu nu laaffisee?
Onnee guutuudhaan
Onnachuu maa dhiise?
Dhiiroon callisinaa
Barbaadaa furmaata
Onnee dhabanillee
Sombaa nama dutaa.
……_______________

Najiib Zannuun/Marsimoonaa

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …