Oduu Haaraya

Baratooti oromoo hedduun hadha pooliisii federaalaan reebamanii jiru.

Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Muktaar kadiir fi hooganaan Farra Malamaltummaa Itoophiyaa Alii Suleemanii magaalaa Naqamteetti guyyaa kaleessaa 26/04/2014 walgayii adeemsisuun himame. Magaalittii keessatti hiriirri mormii fi wolitti bu’iinsi university wallaggaa keessatti ture.

Guyyaa kaleessaa barattoonni Oromoo namni jaha poolisiin reebamanii madawaani hospiatala galaniiru. Lola eda galgaala baratoota oromoo tiif habashaa itti yaadamee kan godhamee jedhama. Baratooti oromoo gaaffii gaafataniif dhaadannoo qofa dhaggeesisanii waan deebi’aniif karaa ittiin ukkaamsan barbaachaa baratoota habashaatiin gaaffiin keessaan sirrii miti baratoota hin ibsuu jedhaa dura dhaabbadhaa jedhaniin barattoota Oromoo dura akka dhaabbatan godhame. kanatti wolitti bu’iinsaaf sababa taa’e jedhama.

Baratooti oromoo hedduun hadha pooliisii federaalaan reebamanii jiru. Dubartoota 4 fi dhiirrii 25 hidhamanii jiru. Akuma nu dhaqqabeen oduu biraalleen isin biraan geenya.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …