Oduu Haaraya
bbcao

BBC AFaan Oromoo Tamsasaa isaa bara haaraa Dhufu keessa 2017 Akkaa eegalu ifaa taheeraa.

Kana jechuun Qabsoo goone keessa isaa tokkoodha kun jechuun injjiffannoo guddaa dha.
Ilmaan Oromoo hundii keessanuu hojii Kana irratti kan hirmaattanii fi kan hirmaachistan galannii keessan bilisummaa haa ta’u.
Gabaasa BBC as tuqaa laalaa1f447👇
http://www.bbc.com/news/entertainment-art

BBC’ (British Broadcasting Corporation)n tamsaasa Afaan Oromoon jalqabuuf
Sagantaan tamsaasaa kunis babal’ina bara 1940 dhaabbatichi akka lakkaawwii Faranjootaatti taasisee as, inni kuni isa jabaadha jedhameera.
Tamsaasni haaran kunis afaan Oromo, Amaaraa, Tigraay, Iigboo, Yooruubaa fi afaan Naayjeeriyaa Piidgiin jalqabama.
Babal’inni kunis fandii mootummaa ‘UK’ irraa argateen akka ta’e himameera.

Tamsaasni haaran kunis bara 2017 akka jalqabamu ‘BBC’n odeessera.
Daayreektarri olaanaa ‘BBC’ Toonii Haal akka jedhanitti babal’inni ammaa kuni, seenaa dhaabbatichaa keessatti 1940n booda isa jalqabaa fi jabdicha.
Jalqabbiin ammaa kuni sagantaa bashannanaa fi barnootaa akka sumas oduu dhaabbatichi ittiin beekamu hawaasa biiliyoona biraan ga’uuf murteessadha jedhani jiru daayreektarichi.

Osoo diinni afaan nu qabuuf tattaafatuu miidiyaan addunyaa guddichi BBC’n Afaan keenya dubbachuuf ifatti murteesse. Oesmos Nasib, Ayub Abubkar, Abubakar Mussa, Haylee Fidaa, Shek Mohammed Rashaad Abdullee fi kanneen biroo kan afaan kun akka raadiyoo hin cabsine mirkaneesseefi guddisuuf osoo xaaruu wareegaman, har’a jannata keessaa yeroo gammachuudhaan seeqatan natti muldhata. Kanneen umrii isaanii guutuu afaan kana guddisuu irratti dabarsan, kan har’as lubbuun jiran, kan akka Ibsaa Guutamaa, Mahdii Muudee, Dr Abdulsamad Mohammed fi kkf gammachuun isaanii dacha dachaa akka ta’e nan abdadha. Warri karoorri BBCn baafate hojiitti akka hiikamuuf duula milkaayaa ta’e gara social media gootanis saba keenyarraa galata guddaa qabdan.

Sabni Oromoo, biyti Oromiyaafi Afaan Oromoo guddinni isaanii ammas oluma!

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …