Oduu Haaraya

Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaatiif Godinaaleen Oromiyaa biroo GAMTAA fi TOKKUMMAA AMBOO barachuu qabun jedha

AMBOO KOO Asiimbaa fi Dadabiit Oromiyaa!!!!

Akkuma armaan olitti ibsuuf yaaletti OPDO’n waggoota 23’n dura haleellaa sirna nafxanyaa ofirraa faccisuuf holqa Asiimbaatti galuun Aangoo har’a bobaa wayyaanee jalaan argatee Uummata Oromoon bakka bu’a ofiin jedhu kan argate Asiimbaa dahoo godhachuuni. Gama biraatiin Wayyaaneen Taayitaa har’a qunxuuxxee jirtuuf Gammoojjii fi holqi fi holqi Dadabiit shoora ol-aanaa taphachaa akka ture seejaan ragaaa baha. otoo holqii fi Gamkoojjiij Dadabiit jiraachuu baattee wayyaaneen waxalaa fi haleellaa Dargii irraa hin haftu turte, Gara Ambootti yemmuun deebi’u:

Uummanni Amboo Wayyaaneedhaafis ta’e OPDO wayyaanee Gaachana godhatuuf gaaf-tokkollee jilbiiffatee kan hin beekne fi yeroo mara Gaafii mirga Abbaa Biyyimmaa,mirga dhala namummaa, wabummaa qabeenya isaatiif adda dureedhaan kan falmatuu fi Qaanqeen fincila diddaa gabrummaa Abidda ta’ee Amboo keessaa laboobu yeroo kamiyyuu kan hin qabbanoofne fi hin dhaamne ta’uu isaati. Maarreekaa dhekertichi Mallas Zeenaawiinis yeroo tokko Caffee/Paarlaamaa/ keessatti ifaan akkas jedhe: አምቦን በደማችን ጎንደርን በብራችን Amboo dhiiga keenyan Gondar Qarshii keenyaan binne” jedhee. Otoo akka Amboo Uummanni wallaggaa,Jimmaa, Arsii, Baalee,Harargee, walloo/karrayyuu/tokkummaadhaan warraaqee silaa dur Oromiyaan HIREE ishii MURTEEFFATTE.

Asirratti Godinaaleen kunniin qabsoo taasisas hin jiran jedhee dhugaa jiru hin waakkadhu.Buburrees ta‘u darbee darbee wantoonni mul’atan ni jiru. Hamma barbsadamu miti jechuu kooti. kanaafuu Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaatiif Godinaaleen Oromiyaa biroo GAMTAA fi TOKKUMMAA AMBOO barachuu qabun jedha. Viva Amboo, Biravo Ambo keep it on ur marvalous struggle!!!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …