Oduu Haaraya

Bineensi Bineessuma!

Baarentuu Gadaa Irraa

Bineessi ykn waraabechi maqaa akkamiituu baafatu, maqaan akkamiituu
itti mogga’u bineessuma!

Haala kam keessattuu bineessi bineessummaa
isaa jijjirreechuu hin danda’u. Garaa isaa guttachuuf qurxee nama
nyaachuu,dallaa namaa diigee, mooraa namaa seenee loon abbaa qabu
yaasurraa duubatti hin jedhu. Bineensummaan isaa umamarraa waan
ta’eef, maqaa masoo akkamiituu itti baasan, Itillee, ykn Gogaa beelada
kamiituu yoo itti uwwusan keessi  isaa bineensuma waan ta’eef wanti
bineensummaa irraa isa jijjiiru hin jiru. Eenyuyyuu maaliyyuu
jedhu,maqaa akkamiituu itti moggaasu bineensummaa ykn waraabechummaa
isaa umamaan qaburraa isa hin jijjiiru. Wayyaaneenis kanuma!
Wayyaaneen bineessa! waraabeecha dargaggoota Oromoo waggoottan 24n
darbaniif qarxamsitee nyaachaa turte!. Bineessa qabeenya Oromoo
heeyyama ummata Oromoo malee saamtee nyaachaa fi Tigraayitti
guurrachaa turtee fi jirtuudha! Wayyaaneen bineensa ija hin qabne,
bineensa Oromoof gara laafina tokkolleen hin qabne, bineensa jira nama
nyaachuuf hamummattuudha. Bineessa nagahee hin beekne, bineessa quufee
hin beekne, Bineensa Soraati!.

Wayyaaneen saamichaa fi ajjeechaa malee nagahas, misoomas,
dimookiraasis hin beektu. Wanti waggoottan 24n darbaniif Impaayeera
Itiyoophiyaa keessatti keessumaawuu addatti ummata Oromoorratti
xiyyeeffattee wanti gaggeessaa turtee fi jirtu  hidhaa, ajjeechaa fi
saamicha  qofaadha. Oromoon haala kanaan Wayyaanee beeka. Dhugaan
har’a biyya Wayyaaneen bulaa jirtu keessa jirus kanuma.Dhugaa kana
haalanii Wayyaaneen abbaa misoomaati,abbaa nageenyatti, abbaa
dimookiraasiti jedhanii hololuun ammoo yoo of gowwoomsuu ta’e malee
saboota cunqorfamoo biyyattii keessa jiran, keessumaawuu ummata Oromoo
moogsuun hin danda’amu.Oromoon Wayyaaneen bineensa ykn waraabecha
goggaa hoolaa uffatee mooraa loonii seene ta’uu eenyu caalayyuu ni
beeka!

Murna akkanaa;murna waan namni namarratti ni raawwata jedhamee hin
yaadamne ummata Oromoorratti raawwachaa turee fi jirtu tanammoo
eenyuyyuu, karaa kamiinuu maqaa abbaa misoomaa,abbaa nagahaa, abbaa
dimookiraasii jedhee itti moggaasus, dhaqee daawwatus ummanni Oromoo
kaleessarraa kaasee hammeenya ishii,beneensa gogaa hoolaa uffate ta’uu
ishii beeka waan ta’eef gurra itti hin qabu! Oromoon oduu akkasii,
holola bineesa ciibsee nama nyaatun abbaa nageenyati, abbaa misoomaati
jedhuuf gongumaa akka iddoo hin laanne eenyu jalaayyuu dhokataa miti!
murna  isaa fi ilmaan isaa qayee fi qabeenya isaarratti hidhaa,
dararaa, ajjeesaa fi biyyaa baqachiisaa turteen, Murna saamichaa hanga
hin qabne  biyya Oromoorratti gaggeessaa turtee fi jirtuun eenyuyyuu
maqaa akkamiituu itti  moggaasu, yoo yeroof sobee faarsu ta’e malee
dhugaa ummanni Oromoo beeku hin jijjiru. Gootota Oromoos qobsoorraa
hin dhaabu.

Wayyaaneen  bineensa bosona galu caalaa hamtuu dha.  Bineensa Oromoo
qayee fi qabeenya isaarraa buqqisaa turtee fi jirtudha. Bineensa
akkanaa; bineensa ifatti ummata Oromoo qayee fi qabeenya isaarraa
buqqistee ajjeesaa, nyaachaa turtee fi jirtun ammoo; namni kamuu maqaa
barbaade yoo itti moggaase Oromoon bineensummaa ykn Waraabeechummaa
Wayyaanee sammuu isaa keessaa hin haqu,ykn hin haalu.
Oromoon murni tun; murna ilmaan isaa qacalee boruuf bakka nabu’a
jedhee eeggatu qarxamsitee nyaatte ta’uu tolcheet beeka. Beekuu qofas
osoo hin ta’in bineensa gara laafina tokko malee dhiiga ilmaan isaa
dhugaa turtee fi jirtu tana ofirraa buqqisuuf qabsoo walirraa hin
cinne gaggeessaa jira. Gootonni ilmaan isaa halkanii-guyyaa, baddaa
gammoojjitti qabsaawaa jiru. Qasoo ummanni Oromoo gaggeessaa jiru
kanaanis oolee haabulu malee  bineensa ykn waraabeecha gogaa hoolaa
uffatee nama gowwoomsuuf yaaltu caccabsee mooraa isaa keessaa baasuun
hin hafu! Yeroof haafakkaatu malee daawwannaan Baaraak Huseen
Obaamaas ta’ee  ofumaa of faarsuun Wayyaanee kun gongumaa bineessa
gogaa hoolaa uffatee mooraa loonii seene ta’uu Wayyaanee kana hin
haguugu. Murna saamichaa, murna hidhaa, murna ajjeechaa fi dararaa
ta’uu isii hin dhiksu,Gaafatama jalaayis hin baasu. Ummanni Oromoo
qabsoo isaa jabeessee itti fufnaan gogaan sobaa kun  irree  mulqamee
waaroo salphinaa uffachuun Wayyaanee waan hafuu miti. Eenyuyyuu murna
guyyaan, addabaabaayitti  ummattoota biyyattii ajjeesaa, biyyaa
baqachiisaa fi kumootaan hidhuu fi dararuun “Ati malee’ika” jedhullee
dhugaa biyyattii keessa jiru jijjiruu hin danda’u. qabsoo ummataas
laaffisuu hin danda’u!
Faaruun sobaa har’a Wayyaaneen ani abbaa dimookiraasiti, abbaa
misoomaati jettee ittiin of faarsaa jirtus ta’e, daawwannaan
Pireezidaantii Ameerikaa  baaraak H.Obaamaa gongumaa Wayyaanee
kufaatiirraa hin oolchu! Gama kamiinuu qabsoo ummanni Oromoo, qeerroon
dargaggoon Oromoo, WBOn  bilisummaa ummata Oromoof gaggeessaa jiran
daran yoo jabeesse malee kan daqiiqaa muraasaafilleen harkifachiisuu
miti, kan danda’us miti. Amma Wayyaaneen  saamicha, hidhaa, dararaa fi
ajjeechaa akkasumas biyyaa baqachiisuu ummata Oromoorratti  gaggeessaa
jirtu dhaabdutti, amma biyya Oromoo gadi dhiiftee baatutti, amma mirgi
hiree ofii ofiin murteeffachuu galama gahutti ummanni Oromoo qabsoo
bilisummaaf egale jabeessee kan itti fufu ta’uu shakkiin hin
jiru!,Qabsoon walirraa hin cinne cimeet itti fufa! Lammiin Oromoos
ta’e deeggartoonni bilisummaa Oromoo bakkayyuu jranis holola diinaa
bubuutuu/Yartuu/ tanaaf osoo gurra hin kennin, Bineensi yoomiyyuu
bineessuma ta’u hubachuun qabsoo bilisummaa eegalame galamaan gahuuf
waan danda’e hunda gumaachuu, qasaawoota cinaa haadhaabbachuun Dubbii
Fardiidha! //

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …