Oduu Haaraya

Biyya Ethiopia Qulqullinni Daandii Dhibuu Irraan Balaan Konkolaataa Ummata Gaaga’aa Jira

Gabaasa Oduu Gaddaa: Godina Jimaatti Ebla 10/2013 Balaan Konkolaataa qaqqabee irraa kan ka’ee namoonnii hedduun lubbuun wareegaman. Konkolaataan ‘Salam Bus” Jedhamuu Magaalaa Jimmaa irraa gara Finfinneetti namoota 60 fee’ee utuu adeemuu godina Jimmaa aanaa Sokorruu keessaatti garagalee lubbuun namotaa 45 batalummatti galafataman,namoonnii 10 akka malee madaa’uun du’aaf jereenyaa gidduutti argamu.

Balaa koonkolaataa kanaan namoonnii lubbuun galafataman irraa Caalaan Ilmaan Oromoo yoo ta’uu beektotaa fi Dokteroonnii akka Dokteer Warquu Mooraa yuunivarsiitii Jimmaa Mooraa Qonnaa Keessaatti Dokteraa Veternary hayyuu cimaa kan ta’anii fi Sabboonaa Oromoo dargaggoo Tarraafaa Matakkaa dabalatee ilmaan Oromoo sabaabaa jiruu fi Jireenyaaf oliif gadii deemaan ta’uun hubatame jira, akkasumaas Baratootni Yuunivarsiitii Jimmaa bara kanaa ebbiifamaanii fi hojii research garaagaraa hojjeechuuf deemaan kannee keessaatti argamaan balaa kanaan du’uu Gaddaa Guddaa Nutii dhagaa’ame ibsina, sabboonaa Dargaggoo Oromoo Tarrafaa Matakkaa Godina Lixaa Shawaa Magaalaa Amboo Ganda 06 keessaatti dhalatee Barumsaa sadarkaa 1ffaa Mana barumsaa Carii sadarkaa tokkoffaatti baratee sadarkaa 2ffaa mana barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaatti baratee, sanaa boodaa pooliisii ta’uun humna poolisii federaalaa keessaa hojjeechaa kan turee fi achii keessaatt illee sabaabaa Oromummaa isaattiin yeroo yerootti angawootaa wayyaaneetiin qoratamaa kan ture, fi ammas achumaa keessaa humnotaa Poolissii Feederaalaa Magaalaa Jimmaa keessaa qubsiifamanii jiran keessaa hojjeechaa utuu jiruu dhimmaa hojiif utuu konkolaataa kanaan garaa Finfinnee Deemaa jiruu balaa qaqqabe kanaan Umrii isaa wagga 27tti Lubbuun isaa darbuu gaddaa guddaa nutti dhaga’ame ibsina.

Dargaggoo Tarraafaa Matakkaa Sabboonuummaa fi Oromummaa isaaf umrii mana barumsaa Carii sadarkaa 1ffaa irraa egalee gumachaa qabsoon nama irraa barbadduu dargaggotaa Oromoo waliin qooda fudhachuun beekama, yeroo ammaa kanaattiis harka Lafa jalaan Sochii Qeerroo Dargaggootaa Oromoo keessaattii ijaaramuun dirqamaa Oromummaa isaa bahachaa utuu jiruu balaa akka tasaa mudatee kanaan wareegamuu isaa fi Ilmaan Oromoo utuu karaa deemaanii balaa tasaa maatii isaanii irraa gargar isaan baasee kanatti Hoggaansii Qeerroo Godinaa Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa Gaddaa Guddaa nutti dhaga’amee ibsanna, Maatii sabboonaa Oromoo Tarraaffaa Matakkaa fi Firootaan isaa akkasumaas Maatii fi Firoottaan Ilmaan Oromoo jiruuf jireenyaaf jedhanii utuu deemaa jiraanii balaa kanaan gaga’amaniif waqayyoo jajjabinaa haa kennuu jechuun gaddaa nutti dhaga’ame ibsina.

Biyyaa ammaa Ethiopia jedhamtuu fi Keessaattuu Oromiyaa keessaa daandiin konkolaataa sirriin hojjetamuu dhabuun Lubbuu lammiilee balaa kana fakkaatuuf saaxilaa jira. Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee kan maqaaf biyyaa bulchaa jirraa jedhuu maqaan daandii konkolaataattiin deeggarsaa biyyootaa Duuromaan kanneen akka China, Jaabbaan, Xaaliyanii, Amerikaa fi Biyyootaa dhiyaa irraa deeggarsii maqaa daandii konkolaataatiif kadhatamuu qarshii Biiliyoonaa hedduuttii tilmaamaama, Deeggarsaa kadhaa fi liiqiin biyyoota duuromaan kana irraa dhufuun mootummaan wayyaanee dantaa dhuunfaa isaaf olchuun Uummaannii biyyaattii mana ba’aanii deebii’anii galuu dadhabuun kunoo hedduun daandii irraatti wareegamanii hafaa jiru, Egaa Wayyaanee deegarsaa maqaa dandii konkolaataa, Bishaan Dhugaatii fi Fayyaa jechuun argachaa jiruu, gara qabeenyaa Dhuunfaa isaaniitti naanneeffaachuun duuromaa jiru.

Kutaalee biyyaattii keessaa yeroo ammaa kanaa rakkoo dandii konkolaataa, bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuu fi buufataa fayyaa kanneen qorichii fi ogeessii sirriin keessaa jiruu dhabuun kan midhamaa jiruu Oromiyaa Fi Ummataa Oromoo ta’uu dhugaan jiruu fi ta’iiwwaan qabatamaan mul’achaa jiran ragaadha, Liqii biyyotaa Duuromaan irraa maqaa dandii konkolaataa, bishaan fi
fayyatiin liqeeffaatamee 80% deebistee kan kanfaltuu garuu Oromiyaa ta’uun beekamaadha.

Nuti Qeerroon Dargaggoonnii Oromoo Ummatni keenyaa karaa dinagdee, karaa jireenyaa jireenyaa hawwaasummaa,karaa misoomaa, qabinsaa mirgaa dhala namaa , siyaasaa fi Bulchiinsaa sirna Dimookiraasii dhugaa dhabuun miidhamaa guddaa keessaa waan jiruuf qabsoo FDG egallee jabaannee itti fufuun haawwaasaa keenyaa rakkoo kana keessaa baasuuf kutannoon ni hojjennaa, Ummaannii keenyaas rakkoo Ulfaataa kanaa keessaa ba’uuf akka tokkummaan nu cina dhaabbatuu ni gafannaa jechuun dhaamsaa keenyaa dabarsina

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …