Oduu Haaraya

Dargaggoon Oromoo lama rasaasa askara Sa’uudiitin ajjeefaman

ODUU Gaddaa,

IJoollee Oromoo Lama Kanneen Enyummaan isaanii Hin beekkamin isaanii Gara Sa’udi Arabiyaa Deemaa jiru, Guyyaa 11/12/2014 Daanggaa Biyya Sa’udi Arabiyaa Qaxxaamuruun Naannoo NAJRAN ja’amtutti Rasaasa ibiddaa Poolisii ittisa Daanggaa Biyya Sa’udii tiin Rukutamuun Ajjeefamuun isaanii mirkanaawe.

Namoonni Suuraa iJoollee tanaa Daawachuun Beektan yoojiraate akka Warraa maatii isaanii beeysiftan Dirqama Oromummaatiin Khabajaan Isin gaafanna.

Dabalata: Dhaabbiilee fi Miidiyaaleen ummata Oromoo Biyya Ambbaa jirtan martinuu akka Yakka kana mootummaa Sa’udi Arabiyaa Gaafattan Khabajaan isin Gaafanna!!

Galatoomaa,

Koree Waajjira Kominiiti Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ollaa: Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association

IMPORTANT UPDATE: OLLAA is always seeking for opportunities to engage with Oromo communities around the …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *