Oduu Haaraya

Motuummaan wayyaanee namoota diaspora jiraatan tokoo tokko qabachudhaan ummata oromoo addaan qoqqoodee umri bittaa...

Posted by Musa Dawud on den 13 juni 2015

Dassu Tafarraa: “deebisaa warraa maqaa koo balleessanii”

Motuummaan wayyaanee namoota diaspora jiraatan tokoo tokko qabachudhaan ummata oromoo addaan qoqqoodee umri bittaa dheereffachuuf akka dalagaa jiru beekamaa dha. Toftaa isaa kanas galmaan gahuuf namootni diapora jiraatan biyyatti deddeebi’anii dhiimma haawaasuummaa irrratti akka isaan dalaganiif gargaarsa maallaqaa fi logistikii barbaachisaa ta’e mijeessaaf.

Namootni akka Desu tooftaa dinaa kana galmaan gahuuf soocho’an yeroo biyya deeman hoojii haawaasuummaa ummata dura qabudhaan ummata biratti beekkuumsa akka argatani fi sana booda oloola faallaa qabsoo saba keessatti akka facaasaniif dhiimma itti bahuun kun kan jalqabaa miti.

Namootni dhugaatti qulquulluummaa dhaan biiyya galani hojii haawaasuummaa irratti boobba’ani saba isaani oguummaa qabaniin tajaajiilan kan akka Obse Luboo faa maqaa dhahuun gahaa dha. Namootni akka Obse projektii irratti dalagaa jiiran uummata diaspora jiraatuuf ifatti dhibsuudhaan maallaqa projecti isaani galmaan gahuuf oolu ummata isaani irraa sassaabbachaa akka tuuran hundi keenyi ni beekna.

Dhiimma Dassuu kan adda isa taasisu waan inni waggaa dheeraaf biyyatti deeddebi’udhaan maqaa project jeedhuun dalagaa bahe ummata diaspora jiraatuuf icciti ta’uu isaa dha. Namni kuun waan amma yoonaa dalagaa bahee haanga surri inni Abbaay Tsahayiye dukaa ka’ee social media irratti faca’eetti iccitidhaan deemsisaa tuure. Videon mucaan kuun tiibbana bakka jiru isaa taa’ee professional akka ta’ee ibsachuu dhaan waraabee maxxanse dhugaa diirree jiru tasa haaluu hin danda’u!!

Akka nam tookootti dhiimma Dassu ilaalchisee yaadan qabu akka armaan gadiitti cuunfeen dhiyeessa:

1. Akkuuma huundi keenyi beeknu naannoo DC community oromo lamatu jiira. Mucaan kuun maqaa oromo community center video kana keessatti kaasuun isaa oromoo nannoo DC jiraatan fi kan community lamaan qulquulluummaan tajaajiilan bakka lamatti qodudhaan akka isaan pro Woyane fi pro Oromo jeedhani wal qoqqodan fi communityin lamaan akka laaffatan ta’ee jeedhame kan taasiisame fakkaata. Dessuun waan dalagee fi dalagaa jiruu ibsachuun miirga isaa ta’uus maqaa community video kana keessatti tuquun isaa hoojii dinummaa itti jiiru gama community oromootti maxxansu dhaan oromoo diguuf ta’ee jeedhe tooftaa itti fayyadame fakkaata.

2. Namootni Community center DC tti tajaajiilaman muraasni mucaa kana ofitti qabachuun isaani kan isaan mufachisee Oromootni tokko tokko barulee yaaddoo isaani ibsu tiibbana website oromoo irratti maxxansuun isaani ni yaadatama. Dhimmii Dassuu media gubbaatti ijoo duubbii kan ta’ee turee baati lamaan duura haata’uuyyu malee video kana amma maxxansuun isaa maaliif akka barbaachisee fi maqaa community video kana keessatti kaasuun isaa barbaachisummaan isaa maali?

3. Namootni naannoo DC jiraatan akka naaf ibsanitti dhumaatii barattoota oromoo mormuuf jeecha yeroo hirirrii qophaahaa ture alaabaa Ethiopia qabanne bahu qabna jeedhe okkara barbaachisaa hin taane akka kaasaa ture dha. Kan inni video kana keessattii “Namoota credit argachuf feedhan” jeedhe cilee itti dibuu barbaadee jarreen kana natti fakkaata. Kanaaf namootni mucaa kana dhiheenyaan hin beeknee fi waan inni lafa jalaan dalagaa jiru kan hin huubatiin video kanaan dogoggooruun waan hin oolle. Kanaaf jeecha dalagaa gaari fakkaataa namootni tokkoo tokoo biiya deemani dalagan jala bu’anii qoorachuun diiggaa wayyaanootni diaspora keessatti dhumuuf irratti dalagaa jiiran duura dhaabbachuuf waan barbaachisu natti fakkaata.

4. Dhugaadha namni biiyya galee oogummaa qabuun saba isaa tajaajiluu barbaadu kamuu motuumma san dukaa haariroo qabaachuun ni feesiisa. Ammoo Dasuun walgahii qondaalootni gurguuddo irraa qooda fuudhatan keessatti hirmaate Abbaay Tsahaayiye dukaa toora tokkooffaa irra taa’uun isaa Dassuun woyyaanotaaf haagam nama muurteessaa akka ta’e hin dhibsuu laata? Dassuun video isaa keessatti walgahiin kuun kan beektoota oromodha haa jeedhuyyu malee akka sura irraa argitanitti hirmaattoonni walgahii kanaa dabballoota OPDO alaabaa isaaniin faayamani. Mucaan kuun oguummaan isaa fayyaa irratti kan xiiyyeeffate ta’ee osoo jiruu walgahi dabballootaa irratti akka keessuummaa kabajaatti dhihaachuun isaa maaliif barbaachise? Gargaarsa inni barbaadu silaa kan keennuufi biiroo eeguumsa fayyaa oromiyaa dha moo Abbaay Tsahaayiye dha laata?

5. Namootni community center maqaa xureessu irratti boobbaanees kaayyoo mucaa kanaaf kan biiroo galmaan gahu irratti boobba’uu waan ta’eef kana irraa dhaabbachuun barbaachisaa dha. Amman beekuutti namootni center kana gaggeessaa jiiran sabboontoota ilmaan oromoo ta’u isaani dha. Garuu namootni community center kans irraa tajaajiila argatan tokko tokkoo Dessu fi namoota motummaaf dalagan biroof center kuun goolga akka ta’u irratti dalagaa jiiru. Sabboontoonni ilmaan oromoo centera kana gaggeessan maqaa jaarmiiyaa kanaa tiksufiis ta’ee qoqqooduumsa barbaachisaa hin taane haanbisuuf osoo dalagan gaari natti fakkaata.

Dhuuma irratti Dassuun yeroo barataa Pennsylvania tuure nama akkami akka ture kan dhibsu eergaa mucaan isa dukaa barate karaa inbox koo naaf eerge siniif qoodudhaan barruukoo goolaba.

“Hi Musa akkam? Namichi ati post goote kun, kan ani Oromofiin hojjedha ja’ee asirraa odeessu kun kijiba isaati, nama akkanaa kana ofirraa eeguun barbaachisaadha. Maqaan isaa Solomon dassalegn jedhama. Mana barumsaa keystone job corps kan Drums, Pennsylvania jedhamu bara 2005-2007 keesa waliin barachaa turre. Yeroo saniti habashoota 70 ol kan tahanii fi oromota 8 qofaatu ture. Yeroo yaroo saniti nutii fi habashoonni bayyee wal lolaa turre, jaarmaya dargaggoo dhaabbanee isaani walin yeroo dheraaf walitti dulaa ture. Garuu inni warraa habashoota waliin deemaa ture. Amma garuu ani oromoo dha je’e asirraa hasaawa. Ofirraa eeguun baayyee barbachisaadha.”

Note: The third person in black suit to the right of Abbay Tsehayie is Dessu.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Dassuu nami jedhamu kun dhugumaan hojii diinummaa kan hojjetuu fi Wayyaanee waliin hidhata qabudha gochaa isaarraa.

    Nami tun osoo hawaasa Oromoo naannowa Washington DC keeysatti hojjaa kamiinillee qooda hin fudhatin, bakka inni dhufes tahe eessa akka turee fi amma naannawa DC maaliif akka dhufe osoo hin beekamin tasuma bara dabre ji’a Caamsaa 2014 keeysa hiriira nagaa waamnee geggeessina jedhee Oromoota bebbeekaman takka takkaan bilbilee waan sobaa hasa’uudhan maqaa isaa torban lama jidutti beeksifate. Torban lama jiduutti hoogganaa Oromo nannoo tana godhee if shuume. Akkuma beekamu, hiriira nagaa takka geggeeysudhaf ykn qindeysudhaaf nami mata durumaan yaada kana dhiyeessuu fi anatu qindeessa jedhu dursa hawaasa san keessati beekamuu fi qooda fudhannaa hojii hawaasummaa qabaachuu qaba. Dassuun garuu keessa beekkannoo aadaa fi jireenya hawaasa Oromoo irraa kan ka’e waliin rukutee dirqama itti kename bahuuf salphaadhumatti sosso’e. Nami hawaasa tokko dhimma hawaasicha ilaalu kamuu irratti sossoosuuf qaama hawaasa sanaa tahuutu irraa eegama. Kana ta’uu yoo hafe, akkuma Dassuu Wayanenis hawaasa Oromo ergamaadhuma takka ergitee goyomsuu fi waan feeyte hojjisiisuf dandeessi jechuudha.Hawaasti Oromoos sa’aa ykn horii miti kan abban fedhe lafumaa ka’ee, eessaa dhufteen isaa osoo hin beekamne gara barbaadetti sossoosuuf ykn geggeessuuf mannaaggatu.

    Kan nama ajaa’ibu nami kun dargaggoota Oromoo nannawa DC yeroo quunname akka sagantoota dargaggoonni DC qopheessaa turanitti qooda fudhataa ture dubbataa ture. Garuu dhugaan jirtu, nami kun yeroo qooda fudhadhe jedhe sanitti hanga bara 2014 ji’a Caamsaatti nannoo DCtti sagantaa dhimma hawaasa Oromoo ilaalu irratti akka qooda hin fudhanne beekameera.

    Ammas video kana yeroo waraabee dhiyeessu maqaa isaa fi bakka dhaloota isaa ibsuun eegala. Dhalooti Oromoo harawan sabboontoti yeroo ammaa kana bakka dhaloota isaanii Oromiya jedhu malee ganda kana ganda sana hin jedhani. Dassuun garuu hojii diigumsaa dhoksaan hojjechuuf yaalee naannoo kanatti irratti dammaqamnaan isa jalaa faashale kara biraa itti fufuuf bakki dhaloota koo ‘Amboo’ dha jedhee eegale. Kun kaayyoo mataa isaa qaba. Oromoota bakka dhaloota isaa dhugaatiin saaxilamee tufamnaan, Oromoo naannoo biraan qabadha jedhee Oromoo lagan qooduuf tooftaa itti fayyadamedha. Waa’ee bakka dhaloota isaatii ilaalchisee dhugaan jirtu garuu mucaan kun akka Wallaga Bahaa, Naqamteetti dhalatedha. Ilma nafxaanyaati! Tooftaa inni ittiin adeemu yeroo nama naannoo Amboo quunnamu ani Ambottan dhaledhe jedha, yeroo nama Baakkoo argu, ani Baakkoottan dhaladhe jedha, yeroo nama Naqamtee argumoo ani Naqamteettan dhaladhe jedha. Ijaajjiis maqaa ni kaasa. Dassuun bakka hundaatti dhalate.