Oduu Haaraya

Wallee Haaraa Dhiyeenya kana Dargaggoo Amansiisaa Ifaatiin Qindaa’ee Weellisaa Hacaaluu Hundeessaatiin haala Ajaayibaa ta’een Weellifame irratti Yaada Kiyya.

 

https://youtu.be/x1_oSTg01DI

Akkuma Baayyeen keenya dhageenye Walleen Kun kan xiyyeeffate Oromoo Magaalaa Finfinneetti marsanii turan Maatii Warra Galaan ykn Qomoo Warra Galaan irratti dha.Maatii Warra Galaan keessaas Hangafa kan ta’e Abbichuu fi Abbichuutti aanee Tuulama irraa kan seera Waraabbate Maqaan Tufaa daddeebi’ee Wallee kana keessatti yoo dha’amu dhageenyeerra.Walii galatti garuu Maatiin warra Galaan intala Miidhagduu Galaanee Jedhamtuun Fakkeeffamee jira.

Maatiin Warra Galaan Oromoo Naannawaa Finfinnee Jiraachaa turan Maatii Gullallee irraa hanga Yekkaatti Gaara Abbichuu dhaan Marfamanii turani dha.Qomoon kun Qomoo hedduu wal jaallatan kan turanii fi Sirna Gadaa keessatti Tuulama keessaa Qomoo beekamanii fi Bakka Guddaa qaban turan.Waggoota Muraasa dura Gaara Yakkaa fi Gullallee marsee Maatii Warra Galaaniif Miidhagina ta’e Gaara Abbichuu irratti Bakka Maatiin kun itti wal argan Gabaa Galaaneen Sirba kana keessatti keessa teessee Faaya Oromoo fi Wantoota garaa garaa gurgurtu “Gabaa Abbichuu”tu ture.Abbichuu jechuun Maatii Galaan keessaa kan Hangafaati.Bakki Gabaa Abbichuu kun Gaara Abbichuu irratti kan Argamu yoo ta’u Bakka Dargaggoonnii fi Shamarran naannoo kanaa torbanitti si’a tokko itti wal argani dha.

Haa ta’u malee akkuma Weellisaa Hacaaluu Hundeessaa:-

“Diiganii Gaara Sanaa Gaara Diigamuu hin Mallee
nu baasan addaan baanee nu addaan ba’uu hin mallee…”

Jedhee ibsuuf Yaale,Maatiin Warra Galaan Qomoon Oromoo kabajamaa fi Ulfaataa ta’e naannoo Finfinnee Gullallee irraa hanga Yakkaatti Qa’ee isaarraa buqqa’ee,Gaarri Abbichuu Diigamuu dhaan Gabaan Abbichuu Seenaa ta’ee Hafee jira.Yeroo ammaa kana Gaara Abbichuu qa’een Warra Galaan Koondominiyemii “Yeka Site 24” jedhamuun uwwifamee kan jiru yoo ta’u Maatiin warra Galaan Qa’ee isaanii irraa buqqaafamii jiru.eessa dhaqan gaaffiin jedhu anaafis gaaffii waan ta’eef Gaaffii kana Mootummaa naannoo Oromiyaafin dhiisa.

Akkuma Suuraa Armaan gadii irraa argitan Qomoo Warra Galaaniif Ambaasaaddara kan ta’anii fi Gabaa Abbichuutiif Miidhagina kan turan Shamarran Maatii Warra Galaan kanneen akka Galaanee Maatii fi Qe’een isaanii waan addaan faca’eef akkasumas bakki itti wantoota garaa garaa gurguratanii ittiin maatii isaanii bulchan Gabaan Abbichuu Gaara Abbichuu waliin waan diigameef Warra Humna qaban,warra qa’ee isaanii irratti abbaa ta’aniif Dhagaa fi Ashawwaa Gamoon ittiin ijaaramu guuraa Ooluun dirqama itti ta’ee jira.Maatiin Warra Galaan Qomoon Ulfaataa fi Kabajamaa ta’e kun haala nama gaddisiisuu fi Saalfachiisu akkasii keessatti argamu.

Akkuma Hacaaluu Hundeessaa Dhuma irratti Ofitti fakkeessee Oromoo hunda ibsuuf yaaletti:-

Cuwwaa,Cuwwaa jetti Simbirroon Halkanii
Nama garaa hin naane Dirmammuu hin arganii
qotee qotee namichi sanyii darbatee
rafee hin bulu namni waan Ormaa Abdatee.
An hin jiruu,an hin jiruu
kukkutee na nyaate Tiruu…..

Jedheetu Galaanee dhaaf(Maatii Warra Galaaniif) yeroo isaan birmannaa dhabanii qa’ee isaanii irraa buqqa’an akka nuti hin jirree fi birmachuufii hin dandeenye Ibsa.Dhuguma Hin Jirru!! Baayyeen keenya faayidaa Muraasa harka lafa jalaan Orma irraa argannu abdannee yeroo Galaanee fi Maatiin ishee seeraan ala qa’ee isaanii irraa buqqa’an,Yeroo warra abbaa humnaaf ergamtuu ta’an,yeroo warra abbaa qabeenyaaf qa’ee isaanii laatanii dhagaa guuran akka nama hin arginee,akka nama hin dhageenyee ijaaf gurra qabannee bira darbine.kana hunda Garuu Seenaan uummata Oromoo ni Galmeessiti!!!

Kan Hacaaluu Hundeessaa akkuma jirutti ta’ee yeroo dhiyoo as Aartii uummata Oromoo irratti Direkteera,Ediitaraa fi Qindeessaa ta’uu dhaan Shoora Olaanaa taphachaa kan jiru Dargaggoo Amansiisaa Ifaa Wallee kana haala kanaan qindeessuu isaatiif Kabajni kiyya Guddaa dha!!!

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …

One comment

  1. nama garaa ‘hin naane’ ….miti , nama garaan dhaane dirmammuu hin argani. dhaane =garafee, rukute (adabe)