Oduu Haaraya

Dhiiga Ummataa Dhangalaasaa Jiraachuun Amala Bittoota Itophiyaa ti.

OROMO LIBERATION FRONt

Gaafa:   31-03-2014

Date:

Lakk.:    02/stm-abo/2014

No.:

Dhiiga Ummataa Dhangalaasaa Jiraachuun Amala Bittoota Itophiyaa ti.

 

Ibsa Adda Bilisumma Oromo

Oromiaa fi ummatni Oromoo bittoota Itophiyaan nagaa dhorkatamuun dhaloota sadii oliif lola, jeequmsa, hiyyummaa fi wallaalummaa keessa jiraate. Impaayera humnaan ijaaramte  kana keessatti hanga ammaattis nagaa hin argatne.  Bittootni Itophiyaa jalqabaa hanga har’atti mul’atan impaayera humnaan ijaarratan kana  humna qawwee, sirna ukkaamsaa fi ummatoota walitti buusuun tikfataa yoonaan gahuu seenaa bittoota Itophiyaa irraa dubbifama. Keessattuu handhuura siyaasaa impaayera Itophiyaa kan tahe Oromiyaa fi ummatni Oromoo impaayera kana jireessuuf gatiin baasifamee fi baasaa jiru kan ummata kamuu caalaa suukanneessaa fi hadhaawaa dha

Impaayer ijaaruu keessatti ummatni Oromoo mirga isaaf falmatuu irraa jumulaan ajjeefameera. Harki goototaa ciramee, harmi haadholii murameera. Lafa isaa irraa buqqaasuun nafxanyootaaf qoodameera. Kun hundi irratti raawwatamee iyyuu nagaa hin arganne. Akka deebi’ee mirga isaa hin gaafatanneef olloota isaa hunda diina irratti taasisuun akka Oromoo diineffatan, sodaatanii fi shakkan gochuun bittaa impaayerummaa lubbuu dheeressan.  Waan taheef gabrummaa jala jiraatuuf illee wareega lubbuu fi qabeenyaa baasuu gaafatame.

 

Mootummaan Itophiyaa kamuu dhufu, sirna bulchiinsaa kamuu diriirsu, ummata Oromoof diina malee fira tahuu akka hin dandeenye gochaa Wayyaaneen olitti ragaan hin jiru. Mootummaan Wayyaanee bara

1991 humnaan aangootti dhufee eegalee ummata Oromoo diina duraa godhatuun  hammeenyaa faashistummaa fi diinummaa hedduu irratti raawwate.  Maqaa guddinaa fi misoomaan ummata Oromoo kuma kodhanootaan lafa isaa irraa ari’uun ittiin duroome. Ummata Oromoo  beekaa fi barataa dhabsiisuuf kaa’imman dhibbootaan barnoota irraa ari’eera. Dhibbootaan hidhaatti guuree irratti roorriseera.

Oromoota hedduu ukkaamsee dhabamsiise. Kuma Kudhanootaan biyya alagaa keessatti baqattummaan akka dararamu taasiseera.

 

Mootummaan farra ummata Oromoo kun baroota dheeraaf ummatoota ollaa Oromoo hidhachiisee lolchiisaa, gama kaaniin ammo araar-buusa  fakkaatee dhihaachuun qumaara siyaasaa taphataa akka ture, ummatni Oromoo lola  Somaalee fi Oromoo, Gumuzii fi OromooOromoo fi Geeda’oo, Oromoo fi Burjii, Oromoo  fi Affaar gidduutti uumeen lubbuu galaafatamee fi qabeenya barbadaa’e fi barbadaawaa jiru hin dagatamu. Ilmaanuma Oromoo sababaa adda addaan walitti buusuun dhiigni dhangala’aa bahe seenaan galmeessee jira.

Mootummaan farra ummatootaa fi abbaa irree kun yeroo ammaas  ummata Oromoo gargar qooduun wal lolchiisuu irratti argama.  Akka kanaan Oromoo Booranaa fi Gujii gidduutti lolli Godinaa Gujii keessatti akkuma bakka biraatti tahamaa ture shira tika  Wayyaaneen eegalame lubbuu hedduun  lakkaa’aman galaafatee jira. Qabeenyi danuus lola ummata tokko gidduutti adeemsfamaa jiruun kanaan dhabamaa jira. Lola kana dhaabsisuun nagaa buusuun dirqamaa fi gaafatama mootummaa tahee osoo beekamuu guyyootaaf lolli kun akka itti fufee deemuu callisuun Wayyaanee, mootummaan kun hangam ummata Oromoof diina akka tahe akka gaaritti hubachiisa.

ABOn lola ummata keenya Booranaa fi Gujii gidduu diina  shiran kana qabsiise lubbu dhibbaa ol galafata jiru kana jabeessee balaaleffata. Lubbuu gaaga’amee fi qabeenya dhabameef gaddi itti dhaga’amuu beeksisaa kanaaf  kan itti gaafatamu Wayyaanee tahuu hubachiisa. Ummatni keenya Booranaa fi Gujii kan isaaniin wal lolchiisaa jiru diina tahuu  hubatuun lola kana daddaffiin dhaabuun akka nagaa buusan  waamicha isaa dabarsaa

Manguddootni,  beektotni, darggaggootnii  fi barattootni Oromoos shira diinaa tokkummaa Oromoo laaffisuu fi umrii bittaa isaa dheereffatuuf raawwataa jiru kana irratti dammaquun, lolli hin barbaachifne kun  shaffisaan dhaabbatee araarri akka bu’u  qooda lammummaa irraa

eegamu akka bahatan ABOn yaadachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof! Adda Bilisummaa Oromoo Bitootessa 31, 2014

P. O. Box 6973 Asmara, Eritrea |Tel  2911 153848 www.oromoliberationfront.org, www.oromoliberationfront.info

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …