Oduu Haaraya

Hiriyaa malee michanii – Geggeessaa malee galan

Hiriyaa malee michanii – Geggeessaa malee galan

Jiituu Lammii

Dur dur, ilmoolee qeerransaafi re’eetu walitti michi jedhama. Guyyaa guuyyaa waliin taphataa oolanii galgala gara gara warra isaaniiti galu. Gaaf kaanittiin qeerransi   “…har’a eessa oolte….?” Jettee ilmoo ishee gaafannaan, ilmoonis eenyu waliin akka oolte tokkoo lamaan itti himti. Gaafa kana haati hedduu aartee “…kana booda yoo isaan argite toftaan ittisiqii qabii nyaadhu…!” jettee gorsiti. Akkuma kana edaa haatii re’ees mucaan ishii eenyu waliin akka ooltu waan barteef, “… ilaa yaa mucaa koo, diinni hamaan  sanyii keenya lafarra fixaa jiru warra kanaa, lamuu fuullee jara sanaatti hinbayiin.…” jechuun  jabeessitee akeekkachiifte.

Gaaf kaanittiin ilmoon qeerransaa barii kaatee,  fuulleetti baatee, “…yaa ijoollee kaleessaa…. Koottaa nitaphannaa…” jettee sagalee jabaadhaan waamte. Ilmaan re’ees dursanii dubbii jiru waan baraniif, “… isa haatee  sii malte…  keenyas haati nuu malteettii… nagaatti… nagaattii…!!” jedhaniin jedhama. Warri wal dhagahu, warri mala waliif himu akkasiin badiirra wal oolfata. Gara dubbii koottan darba.

Bara 2002, xalayaa seena qabeessa tokkotu mata duree ‘A¼S yìN LÐ{ nN!?’ jedhuun magaala Finfinnee keessatti Gamtaa  barattoota Oromoon qaamolee adda addaatiif faca’e. Yerichatti  walitti bu’insa barattoota Tigreefi Oromoo gidduutti ta’e tumsuuf komaandoon waraanaa ‘Aashawu’jedhamu, kan dantaa saba tokkoo qofa tiksuuf dhabbate mooricha cabsee seene. Humni kuni dogoggoree ilmaan saba isa akka hinmiine keettoo fuulaafi maqaa ilaaltee “YU y¼ nW! ¶ y¼ aYdlM!” jettee sanyiin gargar footu of fuulduraa qaba ture. Akka kanaan ilmaan Oromoo sanyiin warra kaanirraa fooyamanii miidhaa guddaan irraa gahe. Maarree, ilmaan Oromoo haala kana ilaalan “ Nutoo ilmaan eenyuti!?”  yoo kaammoo akka jaarri jedhanitti ‘…A¼S yìN LÐ{ nN…’ jechuun gaaffii murteessaa tokko gaafatan. Barattoonnii kun deebii gaaffii kanaa  wallaalaniit miti.  Eenyu akka ta’an  of beeku. Saba isaaniis, biyya isaaniis, seenaa-aadaa isaaniisi qajeellootti beeku. Garuu waatokkotu  hafe. Nama gaaffii kana  of gaafatee barbaadee of arguun ittijirutu ture. Jara kana fakkeenya ho’aa kanaan dhugaa jiru ittihimanii ofitti akka deebi’an taasisuu akeekkatan. Dhugumattuu gaaffiin kun yerichatti balbala namoota hedduu seene. Warri gaafficha of gaafatanii deebii argachuun lafa salphinaatii bahan amma hinqaban. Warri dubbichatti dugda galalanammoo  gaafa ormi balbala itticufatee bineensatti gadi hari’u, seenaarraa deebii argataniiru.

Firoottan kiyya, “Nuti ilmaan eenyuuti!?” Haala ittijirruufi keessa jirruun otoo hindaangeffamne miira walaba ta’een gaaffii kanaaf deebii haqaa keennuu danda’uu qabna. Gaaffii kana yoo deebifne lafa oolluufi abbaa waliin oollu beekna. Ulfina keessaatti of tiksina. Dubbii kana dagachuun ykn. gurra kennuufii dhiisuun karaa malee nama  offee akka malee gatii nama baasisa.  Ilmaan Oromoo hedduun kana dagachuun bakka isaaniif hinmallee of dhaabanii karra ormaa duratti salphataniiru. ‘Lallaba gowwaa firatu qaana’a.’ akkuma jedhan nullee seenaa isaaniitti qaana’uun keenya hinoolle. Dhiyeenya kana nama yeroo baay’ee dhimma Oromoo dubbachuun beekamu tokkotu waa’ee Oromoof seenaa Itoophiyaa mari’achuuf Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, Sagantaa Afaan Amaaratti   warra  Itoophiyummaa gateettii ormaarratti ijaarrachuu baran waliin  “marii” yoo taasisu dhagaheen seenaa warra hiriyaa malee michee geggeessaa malee galee kaasuuf dirqame. Orma baroota dheeraaf saba Oromoo tuffachaa ture fuuldura dhaabatanii dhugaa saba ofii dubbatachuun jagnummaadha. Kun kan ta’u garuu  yoo maal akka dubbataniifi hiriira diinni ittiin namatti dhufu dursanii akeekkatan; eeboo dubbi diinni namatti darbatu gahumsaan ofirraa qolachuu danda’an qofa.  Sanaan achitti dubbichi faallaa ta’’a. Xiyyeeffannoon kiyya waa’ee marii kana miti. Warra hiriyaa malee michee geggeessaa malee gale seenaa keessaa yaadachuuf malee. Dogoggora namni kaleessa hojjatee darberraa inni har’a jiru barachuun hammeenya hinqabu.  Seenaa akkasii kaasanii walbarsiisuun-walirraa barachuun  dirqama dhalootaati. Adeemsa kana keessatti maqaan namaa garuummaanis ta’e gadhummaan kaafamuu mala. Akkuma hojii isaatti jechuudha. Dirqama seenaatu  akka kana. Barreefama kana keessatti namoonni maqaa dhahamanis  akeekuma kanaaf malee faayidaa biraa akka hinqabne dursee hubachiisuun  fedha. Turtii gaarii.

Baalchaa Saafoo bara jireenya isaa (1863-1936) keessatti, uumamaan leenca bitaa-mirga lolu ta’uu seenaa dhokachuu hindandeenyetu ragaa baha.  Lola Xaaliyaanii tokkoffaa  jedhamu keessatti:

Hanga  jedhamutti laphee ormaa keessaallee ta’u leelloo sobaa argatee ture. Haata’u malee Balchaan yerichatti “Ani Ilma eenyuuti!?” jedhee of gaafateera otoo ta’ee, sammuun isaa, “ …ati ilma Oromooti. Sanuu kan maatiin kee weerartoota  diinaan qe’ee isaaniitti sirraa dhuman, kan daa’imummaa keetti booji’amtee gabrummaan harka diinota keetti guddatte, hunduma caalammoo… kan  sanyiin kee akkka badu qaamni saala keetii akka korma loonii tumame….. ati nama gochaan sanyii ballee irratti raawwate… ilma Oromooti….!!” jechuun dhugaa hedduu ittihima ture.  Yeroottii kan of gaafachuu dhabuun  orma salphina kana hunda isaafi  saba isaarratti oolef umrii  guutuu ergamaa hafe.  Hangan ani beekutti sareenillee lafa ittikolaasan umrii ishii guutuu otuu lagattuu, otoo baqattuu hafti. Keenya namni hagasillee hanqate.

Qusee Diinagdee (1851 – 1927), akkuma Baalchaa diinni maatii irraa fixee ijoollummaan  booji’e. Yerootti gaaffii kana of gaafachuu dhabuun eenyummaa isaa dagatee bara dheeraaf diina saba isaa qalu wajjin duulaa duulchisaa hafe. Gaafa umriin dhumee, ormi karra itticufatu barbaadee of argee, eenyu wajjin akka tureefi maal hojjataa akka ture hubatee gaabbiin “…teenyee ol fannifnee, ol kaaneeyyuu buusuu dadhabne!” Jedhe jedhama. Namni hiriya malee miche gala gaabba mitiiree!? Ammas warra yerootti “… nuti ilmaan eenyuuti??” jedhee of gaafachuu dadhabee erga yeroon darbee bool’a qaanii keesatti of argee gaabbee keessa hanga tokko ilaaluu yaalla.

Birgeedar General Tafarii Bantii (1921–1977) Oromoota orma tajaajilaa turanii afaan bineensaatti hafan keessaa tokko. Tafarii Bantii (Sadaasa 28, 1974 –  Bitootessa 3, 1977) Perezedantii impaayera Itoophiyaafi durabu’aa paartii Dargii  ta’anii maqaaf muudamanii ture. Namoonni inni waliin dhaabateefi lafti inni dhaabbate akka isaaf hinmalle, kan obboleewwan isaa qarriffaa dhoksaatiin waraantee fixxe ta’uu dursee kan ubate  uummanni isaa tarii yoo galeeffillee jedhee:

‘Hoolaa dhaltii of eegi  yaa Tafarii Bantii!
Warri Toophiyaa nama gantii!

Jechuun tikseen looniillee otoo hinafne amala diinaa dursanii akeekuufii yaalaniiru. Gorsi kun yerootti fudhatamuu baatus gaafa warrumti maqaa tokkummaa biyyaan isa waliin kakataa turan akeekkachiisa tokko malee akka bineensa hamaa guyyaa saafaa  rasaasaan tuman4 tokkummaa jaraa duuba maaltu akka jiru Tafariif galuufii hinoolu. “Erga naan galee naa gale.” Jette jedhan intalli. Jeneral Damisee Bultoo, akkuma kana qawwee diinaa baatee diina fira fakkaatu waliin bara dheeraa dabarse. weerara Somaalii ittisuu dabalatee Warra maqaa tokkummaa biyyaan sobanii kaakatan waliin bu’aa bayii hedduu keessa darbe. Gaafa irribaa dammaqee eenyummaa warra waliin dhaabatuu hubachuu jalqabu reeffumti isaallee hanguma du’a sareellee  ulfina dhabe. Hiriyaa malee michanii geggeessaa malee galan.

Seenaa darbe ilaaluun, siinxaluu, galmessanii kaahuun, irraa waa hubachuufi dhaloota barsiisuun adeemsuma dhallii namaa seenaa isaa keessatti dabarsee, har’as harkaa qabu, borus ittijiraatu ta’a.  Kanaaf  seenaa keessa taateewwantu (events)  kaasanii walii himuun qajeelummaadha. Dhugaa jiru otoo hindabsiin abalu bara akkasii waan akkasii raawwate… biyya akkasii, iddoo akkasiitti  waan akkasiitu ta’e …” jedhanii dhaloota yaadachiisuun yakka hinta’u ykn hammeenyummaa hinqabaatu. Dhugaa jiru kaasuun dhalota jiru dogoggora fakkaataarraa deebisuuf  seenaa Oromoo keessatti warra “Nuti ilmaan eenyuuti….!?” jedhanii otoo of hingaafatiin karaa malee deemanii akka malee ta’an yaadachuuf ammas waa xiqqoo haa ilaallu.

Hiryaa malee michanii  gaabbiin quuqamaa galuun maal akka fakkaatu caalattii baruf seenaa Dr. Nagaasoo Gidaadaa hubachuun kana warra kaanii caala barnoota gaarii waan kennu fakkaata. Dr. Nagaasoon seenaa isaanii keessatti humnoota maqaaa tokkuummaa biyyaan kakatan waliin hojjachuuf nuffii tokko malee yoo inni tokko fuula dhoowwattu isa kaanitti makamuun yaalii  hedduu, garuu milkii tokkollee hinqabne  erga taasisanii booda dhiyeenya  kana “… habadan lamuu dubbii jara kanaa…” jechuun erga aduun dhiitee waakkachuu isaanii dhageenyeerra. Akkuma kana, obbo Juuneddiin Saaddoo orma garaa gahuu  seenaa fokkuu meeqa erga hojjatanii booda gatiin dadhabbii isaanii maal akka ta’e yaadachuun seenaa jirtuu namuu qalbii keessaa qabu natti fakkaata.

Egaa yaa fira, seenaa du’a obbo Alamaayyoo Atoomsaa dabalatee fakkeenyi hiriyaa malee michuun maal akka ta’e nu barsiisan qalbii keenya keessaa ykn. Yaadannoo seenarraa wal yaadachiisuu mallu hanga hinqabu.  “gorsii… gorsii didu gara inni fedhutti gorsi.” Akkuma jedhan warra karaarraa maqan ykn. maquu kajeelan,  “…lakkii yaa ilmaan firaa  akkuma dhaqa baddan galas badduu…” jennee waliif himuun waan dhufteen jiru. Isa didee guuleenammo “ …ittihiman didduun du’a hindiddu.” Jennee hagam garaa nu nyaatus biraa hafuun keenya hinoolu.  Hiriyaa malee michanii Geggeessaa malee galuu Waaqayyoo nu haa oolchu!! – Xumureera

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *