” Durdur obboloota lamatu waliin turan jedhama. Inni tokko Gorsaafi kaan immoo Didaa jedhamuun waamamu. Gorsaan hangafa Didaati. Didaa caalaa beekkumsa nama qabu ture. Obboleewwan kun lamaan abbaafi haati isaanii irraa waan dhumniif yeroo dheeraa rakkachaa jiraatu turan. Kanaaf gaaf tokko Didaan obboleessa isaa gorsaadhan akkas jedheen. “ani siwaliin as taa’ee rakkachurra biyya gad lakkisee baduu filadheera waan ta’eef nagaan naaf turi,” jedheenii itti dubbate.
Kana booda eeboo fudhatee biyyaa baduuf qajeele. Haa ta’u malee, obboleessi isaa gorsaan deemsa isaa kana waan hin jaallatiiniif didaa dura ba’ee, “maaloo obboleessakoo warri keenya walitti nu dhiisanii nurraa dhumanii ati eenyutti na gattee baduuf deemta? Rakkinas taanan qabsoofnee yoo hojjanne keessaa bahuu dandeenyatii adaraakee beenu gara mana keenyaatti deebinaa,” jedheenii itti wawwaate. Didaan, “kutannookooti” jedheenii dubbiifi gorsa obboleessa isaa tuffatee biyyaa bahuuf murtee karaa seene.
Didaan meeshaa isaa baadhatee osoo deemuu halkan waraabessatti dhufe. Waraabessi kun immoo ilmaan isaatiif nyaata barbaacha deemaa jira ture. Didaafi waraabessi akkuma wal arganiin lamaan isaanituu sodaan moo’amanii turan. Lameenuu wal sodataniiru. Booda garuu sossodaachaa osoo fageenyarraa ija keessa wal ilaalanuu Didaan, “akkam jirta obbo waraabu,” jedhee obbo waraabon nagaa gaafate. Innis “ani nagaadha, maal garam deemta?” jedheenii itti dhihaachuu eegale. Didaanis “rakkadheetin waan nyaadhu dhabe; otoo obboleessikoo hin deemiin naan jedhuu didee biyyaa bahuuf deemaa jira” jedhee, waraabotti hime. “bakkakee an haa rakkadhu, maarree beenukaa biyyakoo waliin dhaqna” jedheenii wal fudhatanii haasa’aa gara mana obbo waraabootti deemsa isaanii itti fufan. Mana warra waraaboo erga gahan booddee, “mana keenya yoo olseenan meeshaa lafa kaa’atanii of duuban ol seenu waan ta’eef, meeshaakee lafa godhadhuuti of duuban ol seeni” jedheen. Waraabo Didaadhan. Didaan meeshaa isaa lafa kaayee of duuban mana waraabotti ol lixe.
Sana booda waraabessi ol seenee ilmaan isaatiif bifa walalootiin dhaamsa isaa akkas jedhee dabarfate. “gootni jira abbaan keessani, eeboofi wantee hin sodaanne jiraa fidee dhufe abbaan ilmaanii, gurra, onneefi ija malee martuu keessanii kunoo taphadhaa Didaa waliinii,” jedheenii bahee sokke. Ilmaan waraaboo ergaa abbaa isaanii hubataniiru. Didaan garuu hin hubanne; kanaan booda ilmaan waraaboo waliigalanii Didaa irratti yaa’anii nyaachuun ajjeesan. Itti aansee ilmoon waraaboo takka, “waan abbaan keenya nutti dhaammate hunda dura addaan foo’uu qabna,” jettee dubbatte; yeroo kana inni hangafaa yoo inni nutti dubbate waan jedhuun natu beekaa callisaatii nyaadhaa,” jedheen. Isaanis osoo hin hanbisiin hundasaa nyaatanii fixan. Dhumarratti abbaan isaanii galee ol seenee “waan ani isinitti dhaammadhee deeme sadan as kennaa,” jedheen. Ilmi hangaftichaa akka waan rifatuu ta’ee ol utaalee bar abbaakoo namtichi waan ati nutti dhaamte tokkollee hin qabuu” jedhee deebiseef. “Akkanitti ilmakoo” jedhee sagalee ol fuudhee irra deebi’ee gaafate. “tole abbaakoo baga nagaafatteetii siifan deebisaa sirritti nadhageeffadhu” jedheenii haasaa isaa itti fufe. Onnee ati nutti dhaamte namtichi osoo qabaatee eeboo osoo harkaa qabuu siwaraanuu sodaatee siwaliin galaa? Gurras osoo qabaatee yeroo obboleessi isaa isa gorsu dhagahuu didee deemaa? Akkasumas ija osoo qabaatee mana waraabessaatti ol seenaa? Jedheenii dubbii isaa haala kanaan goolabe jedhama. Egaa gorsa didduun du’a hin diddu akkuma jedhamee mammaakamu Didaan gorsa obboleessa isaa diduun dhumarratti lubbuu isaa dhabee akka hafu isa taasise jechuudha.”
Beekan Guluma Erena
PhD Student at Addis Ababa University
In Documentary Linguistics and Culture
Email: beekanguluma@gmail.com
misganuguluma@gmail.com
Skype name: misganu.guluma
Face book. misganun.guluma@facebook.com
Tel. 0911074437
MIRGI ABBENTAA HAWAASA OROMOO ISA ODUU DURII KANA KALAQEDHA!
ULFAADHAA