Oduu Haaraya

Dr.Sheik Muhammad rashaad arra du’aan addunyarraa galanis, wanni inni nuuf godhe yoomiyyuu sammuu keessaa nun baddu.

Amantii isaa nama akkaan jaalatuu fi saba isaatiifis nama hadoodu ture. Qubee Afaan Oromoo laatiinirraa gara afaan keenyatti akka nuuf mijjaawutti nama uumee bakka ammaa kanaan nuuf gahe. Garuu seenaan yoomiyyuu hin dhokattu. Warreen seenaa dharaatiin gurra nu duuchaa turaniif rabbi jazaa haa kafalu.
Dr.Muhammad rashaad Abdullee Abbaa qubee Afaan Oromoo tahuu isaa O.P.D.O lleen bara 2001 ragaa baateefii Madaaliyaa warqii fi xalayaa ragaa kanniteefii turte. Warreen seenaa nama guddaa kanaa dhooysanii ukkaamsuu yaalan humaa hin tarre. Seenaan hin dhukattu. Nama hayyuu addunyaa fi mootoota beekkamuu addunyaa biratti dhageettii guddoo qabu kana akka isaanitti dhooysuu fedhan.
Osoo qubee tanaan namuu hin baratin inni biyya Somaliyaa irraa qubee tanaan kitaaba maxxansee ture. Ragaan kana hundaa galmee seenaati.
RABBI JANNATAAN HAA QANANIISU!!

xalayaa ragaa mohammed rashaad

Check Also

baqqalaa gabraa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa …

2 comments

  1. ODUU GADDISISAA

    Doktar, Sheekh, Muffisir, Muhammad Rashaad Abdullee Kabiir Maammayyaa Carcar Guyyaa arraa ganama Magaalaa Dirree Dawaatti Akhiiramanii jiran.

    Sheekni Keenya Hayyuun Kitaaba Rabbii jecha Allaahaa Afaan Oromootiin barruu fii Sagaleen qopheeysuun Oromoo Tafsiiraan wal barsiisee jira.
    Namni Oromoo kan Isa hin beyne Tafsiira Isaa ni beeka.

    Sheekni Beekkamaan kun Umrii Isaa Islaamaa fii Saba Isaa khaddamaa jiraate.
    Kitaaboota 22 Afaan Oromootiin qopheeysee jira.

    Waggoota 4n dabran Adaamaa jiraataa kan ture tahus yeroo gabaabaa dura Ahbaashii irraa waan qulqullaawee labsa baaseef, mana Adaamaatti keessa jiraataa turee Mootummaa fii Ahbaashootaan ari’ame Dirree Dawaatti godaanee dhukkubni Isaa itti jabaate Arra duuti nama hundarraa hin hafne Isa fudhattee jirti.

    Rabbiin Jannata Isaa keessa isa haa qubsiisu.
    Adawwiin Sheekaa humaa Isa godhuu hin dandeessu sheekni Kitaaboota Isaatin yoomiyyuu nu waliin jira. Aqiidaan Isaatis “Aqiidaa xahawiyyaa” keessatti nuuf adda bahee jira.

    Rabbiin rahmata Isaatiin Isa haa qeebalu.

    Seenaa Sheekaa Dubbisuuf : http://rashaad.org/seenaa_rashaad.htm

  2. Sheekhni kheenya kan yeroo dheeraaf ummata oromoo amantiin wal barsiisuuf,afaan oromoo guddisuuf fi bilisummaa ummata kheenyaatiif rakkachaa ture,har’a boqatee jira.YAA RABBI IRRA OL’AANAA JANNATAA KENNIIF,MAATIISAATII FI UMMATA OROMOO HUNDAAF JABINA KENNIIF,NUTIIS WARRA BEEKUMSA INNI NUUF DABARSERRAA FAYYADAMU FI WARRA QABSOO INNI IRRATTI DARARAMAA TURE GALMAAN GAHU NUHAA TAASISU!!!