Oduu Haaraya

INA LILAH WO’INA ILEH RAJI’UN

Dr Muhamed Rashad Kabir Abdule Mamaya Carcar gama Akhirat deeman

Radio bbn Afaan Oromotin
Biyat Itophi’a keeysat yeero jalqabaf qurana qulqulu Afaan Oromoti hikudhaan hawasa muslimafi kitaaban kan maxansan Dr Muhamed Rashad Kabir Abdule Mamaya Carcar gamaa Akhirat deeman.

Dr Muhamed Rashad bara 1934 gandaa maqaan ise Jarjar jeedhamut kan dhalatanif barumsa amanta ykn dini ijoluman ture Abaa isaan Kabiri iraa kan baratan .Abaan isaanis ulama’ota gurgudoo iraa kan ta’anif imama masjidas turaan .
Dr muhamed Rashad magaala Dire Dawat gargaris yaala kan kenamafi ture yeena ta’u murte Rabii ta’e guyaa har’at Camsa 25/ May 25 gamaa Akhirat deemaniru .

Dr Muhamed Rashad beekumsa tafsira isanitin kan oli ta’anifi barumsa isaan Unversitiy Alhazart yeena xumuranis sadarka tokkofan xumuruudhan geeba harka Prezdanti Masri yeero san kan turan Obbo Jamal Abdul Nasir ira fudhatan ni beekama .

Dr Muhamed Rashad bara jireenya isaan keeysati hawasa muslimatifi hojiwan heduu kan gumachan yeena ta’u isaan keysa murasa isinif ha tuqnu .

– Hikaa Qurana qulqulu Afaan Oromotin qopheysan jiru .
-Hadisa Afurtama (Arba’ina) hikuudhan hawasaf dhaqabsan jiru .
-hikaa Towhida Afaan Oromotin barufi sagaleen dhaqabsan jiru .
-Galmee jechota Afaan Somale -Afaan Oromo qopheysaniru.
-Kitaaba akkata rawana haji fi umra iraa dubatu Afaan Oromotin qopheysaniru.
-Seena Rasula (s.a.w) Afaan Oromootin qopheysaniru.
-Seena Islaama Afaan Oromootin qopheysaniru .
-Galmee jechota Afaan Araba-Afaan Oromo qopheysaniru.
Dr Muhamed Rashad Kabir Abdule Mamaya Carcar hojiwan arman olit tuqaman kana hunda kan hawasa muslimatif gumaachan yeena ta’u, hawasa Oromo birat kan bay’ee jalatamanifi hawasin bay’een kan iraa fayadamefi beekumsa tafsira isaanitin hedun hawasa Oromoo kan isaanin hin bonin hin jiru ture ta’us lubun hundu du’a dhandhamu ishe kan iraa hin ole wanta ta’ef Dr Muhamed Rashad dhalatan hama dachi kanat dhufan umri isaan gutu hawasa muslima tajajila turan har’a Camsa 25 umri isaan 79 gamaa akhirat deeman jiru.

Yaa Rabbi Araramif !!!
Yaa Rabbi Araramif !!!
Yaa Rabbi Araramif !!!
Rabbin ha Araramuf !!!
Yaa rabbi Janatal Fardowisin nu qananis !!!
in sha Allah saganta Radio bbn Afaan Oromo irat saganta gutuu isinif dhiheysina !!

Check Also

baqqalaa gabraa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa …

2 comments

  1. Fuuli Rabbii it haa tolu Hayyuu Guddaa Jaalalamaa Oromoo, Abbaa Qubee Afaan Oromo’oo.
    Oromoo maraaf sabrii Rabbi haa khennu.
    AAA.

  2. *JAALATAMAA*