Oduu Haaraya

Dubbitu dubbii kaasa – Erga kaatee garuu haa dubbatamtu!

Summii Tibbanaa…!

Dubbiin ijoon tibbana ilaalaa arku tan Gandummaati. Dubbiin tun duruu turte, bara hundaa daarama keessa gangalatteet marguudhaaf dhidhiitatti.

Ajandaan tun qaama sadih irraa dhufti

– Warra Ajandaan Siyaasaa koo Oromoo gandaan qoqoodu malee galma gahuu hin dandahu jedhee yaadu irraa;

– Warra Qabsoo Oromoo keessatti nu malee inni kan biroo homaa hin beeku jedhurraa;

– Warra Oromoo hunda wal dandeessisee, walitti dhiheessee yaada madaalawaadhaan Ummata gaggeessuu dadhabe irraa;

…….

Eegaa

Namuu dalga goree wal akaayuu, yookin immoo walirraa qolachuuf wal eeggata. Keessattuu erga warri KFO hidhaadhaa bahee, gariin hidhaatti hafanii as, sanirraa dabree hoggansi KFO miidiyaarratti gadi bahanii waan tokko tokko dubbachuu erga eegalanii as, inumaa san bira dabree erga Biyyoota alaa kanatti sagantaawwan garagaraa gaggeeffamuu eegalanii as rakkoo guddaatu mul’ataa jira.

Bu’uurri rakkoo kanaa hedduudha. Ijoon bu’uuraa garuu Ilaalcha Siyaasaa mooraa Oromoo keessa jiruudha. Ummanni Oromoo mootummaa biyya bulchaa jirurraa yeroo abdii kutatetti, yeroo kallattiin Oromoo kamuu mootummaa kana qolachuudhaaf humna malee falli biraa hin jiru jedhutti mooraan qabsoo karaa nagahaatti amanna jedhu ifaan ifatti nagaha labsuun miira garagaraa uume. Rogeeyyota Oromoo irraa eegalee hanga hoggantoota siyaasaatti miirri walitti mufannaa dagaage. Dubbiin Alaabaa koo hin tuqinaas maddi isii waan kana.

Ummanni Oromoo waggoottan lameen dabran kana keessa miira hedduu garaa nama nyaatu keessa ture. Ummanni hoggansa malee akka hafu godhamuun, qabsaa’onni jajjaboon hundi kuun ajjeefamuun, kuun hidhamuun, kuun abdii kutatee bosona seenuun dhugaa qabatamaa lafarra jirtuudha. Wantin an jala sararee eenyuma durattuu dubbadhu, Ummanni keenyas tahee Qeerroof Qarreen Oromoo sirna kana cabsuudhaaf falli humnaan ofirraa qolachuudha yoo jedhe waan nama ajaa’ibuu miti.

Hoggansi KFO dhugaa qabatamaan lafarra jirtu eenyuyyuu ol arguu akka dandahu amantaa guutuun qaba. Qaamaanis argee, hamma dandeen waliinis haasahee dhugaa hedduu hubachuudhaaf dandaheera. Haasaa isaan qaamota garagaraa waliin godhanis dhageeffadheera. Namoonni ani qaamaan beekus, kanin qabsoo keessatti hedduu amanus, ifattis tahee dhoksaan yeroo ejjannoo KFO morman dhagaheera. Komiin kaatu bu’uura dhugaa waan qabduuf warra kanarra ilaaluun hin dandahamu.

Siyaasni Itiyoophiyaa akka biyyaatti sadarkaa hammaataa keessa jira. Siyaasa kana tasgabbeessuudhaan of dura tarkaanfachiisuuf waamichi kallattii garagaraatii godhamu yeroodhaa gara yerootti dabalaa adeemaa jira. Waraanni Wayyaanee waliin godhamu akka dhaabbatuuf, rakkoon biyyattii guutuu keessatti mul’atu karaa nagahaatiin akka furmaata argatu, Wayyaanee malees qaamonni hidhatanii falmataa jiran kanneen akka Waraana keenyaatis akka qaama kanaa tahan waywaata guddaatu jira.

Jaal Marroon yeroo hedduu irra deddeebi’ee akka dubbatetti qawwee kan baadhataniif dirqamanii malee jaalatanii miti. Yoomiyyuu taanaan mariin amansiisaafii qaamni walabaa eddoo jirutti nagahaan mari’annee siyaasa nagahaatti deebi’uuf qophiidha jedhe. Wanti Jawaarifii Baqqalaan faantis jedhan qaamni hunduu gara nagahaatti haa deebi’aniidha. Tokko tokko Jaal Marroo malee kan biraa dhagahuu hin fedhu, tokko tokkommoo Jawaar faa malee kan biraa dhagahuu hin fedhu. Warri miira kana keessa jiran immoo warra qoqqoodinsa babal’isaniifii karaan keenya malee hin adeemisu jedhaniidha. Kun balaa hamaadha!

Odeeffannoo qabatamaa ani qabuun hoggansi waraana biyyattii Wayyaanee waliin waraana marsaa biraa hin barbaadu. Lolli kallattii kamiinuu jiru nagahaan akka furamu barbaadu. Gama biraatiin Isaayyasifii Amaarri lolli akka dhaabatu tasuma hin barbaadan. Sababa kanaan wal dhibdeen Abiy, Isaayyaasiifii Amaara jidduu jiru hammaatee jira. Abiy mataan isaas rakkoon WaraanaB Orom. waliin jirus karaa nagahaatiin akka furamu akka barbaadu himama.

Gareen Shimallis faa haala nama ajaa’ibsiisuun sirriitti wal ijaree hamma Abiy Ahmad mataa isaa sodaachisu akka gahe himama. WaraanniBOro. akka maqaan isaa shororkeessummaarraa ka’ee qaama marii araara biyyoolessaa hin taaneef Shimallis faanti garee Amaaraa waliin wal tahuudhaan Ummata Walloo kan Wallaggaa jiraatu akka fixan himama. San godhuudhaan duula jibbiinsaa humna Jaal Marroo fa’aa irratti gaggeessuu barbaadu. Ittis jiru. Abiy dubbii tana quba akka qabus ni himama. Tarkaanfii maalii fudhatuuf jira kan jedhu waanuma waliin arguuf jirru taha.

Gareen Oromiyaarratti wal ijaarte tun waan hedduun laaqamtee jirti. Gandummaadhaan wal ijaaruu, qabeenya Wayyaaneen dur toohataa turte irraa bitanii dhuunfachuufii daldala hamaa keessa galuun isaanii iccitii aduun dhooyte. Cancalli hamaan isaan ijaaratan sadarkaa hamaa irra gahee jira. Isaan garuu miira laftis qabeenyis keenyaa [ kan gandaa] keessa jiru. Duulli Hangaasaan faan gaggeessan cancala hannaafii ajjeechaa Oromiyaa irratti ijaarame kana diiguuf duula gaggeeffamaa jiru akka tahettin hubadha. Duulli kunis humnaaf hidhata kan qabuudha. Hangaasaan faan qulqulluudha jechuu kiyyaa miti.

Ammaaf wanti hundi haala wal xaxaa keessa jira. Kanaaf yeroof ajandaan jajjabni waan Uumamuu hin dandahiniif, wanti guddaan dhoohuuf jiru yeroon isaa waan hin beekkamneef namni keenya, keessattıu kan marsaa hawaasaa kanarra jiru sadarkaa nama gaddisiisuun gadi bu’ee waa’ee gandaaf gosaa haasa’aa jira.

Namni Qabsoo Oromoodhaa hubatu, ajandaan akkanaa tuni maalifii eessaa akka kaatu hubatuu dandahuutu irra jiraata. Akka Oromootti kan qabsoofnuf akka Oromootti wan cunqurfamneefi. Akka Oromootti yoo qabsoofne firii buusuu waan dandeenyufi. Namni Gandaaf gosa keessaa dhalate hin qabneefii hin jaalanne hin jiru. Gandaaf gosti qabsaa’aaf qabsooftuu dhugaa hin qabne hin jiru. Gandi gantuufii hattuu hin qabnes hin jirtu. Sadarkaa isaatitu garagara taha malee hunduu waan hunda keessaa gahee qaba. Tana jala sararanii beekuunis, qabatamaan keessa ofiitti himuunis dirqama.

Kana hogguu jennu carraa waanuma argate qofaaf kan ganamaaf galgala waa’ema gootummaa ganda tokkoo leellisuu barbaadu hin jiru jechuu miti. Kan ilaalcha ofii qofa dhaadhessaa ooluu barbaadu hin jiru jechuu miti. Haala gargaraatiin anatu siyaasa kaan caala hubata, yookin anatu isa kaanirra qaroomaadha jedhee kan yaadufii yaada sanas haala garagaraatiin kan faacaasu hin jiru jechuu mtii. Kuni guuteera! Kan akkasii gammachiisuun ajandaa isaa jalaa fuudhanii facaasuudha. Keessattuı dhaloonnii koo kana tarkaanfachuun dirqama!

Oromummaatu tokko nu godha! Oromummaa keenyaan qabsaa’aa as geenye. Ganda keessaa dhalanne jaalachuun, yaaddawuufin, waan humnaa godhuufiin dirqama bu’uuraati. Badii kan tahu gaafa qabeenyi biyyattis, aangoon biyyaatis anaaf qofa jechuun eegalamteedha. Qabsoo keessattis anatu caala, anatu Oromoo fakkaata, anatu siyaasa beeka, anatu si dura ifa arge, anatu baraarsadha gaafa jechuun eegalamte qofa dubbiin dhalata.

Eegaa karoora koo malee hedduu dubbadhe, isinis dadhabsiisuun kiyya hin oolu. Dubbachuun dirqama waan taheef dubbadhe. Osoo beeknuu warri duduba kana keessatti kufnu, eddoo itti kufnee haa kaanuun dhaamsa kiyya. Warri cichinee adeemsa akkanaa kana dura dhaabbataa jirtanis galatoomaa, jabaadhaa! Daandiin dhugaa daandii jaalalaa, tan wal qixxummaafii tan kabajaadhaati!

Galatoomaa

Kanuma

Keenyas Oluma

#HawiAnole

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *