Oduu Haaraya

Duguuggii sanyii Ruwandaa fi Czechoslovakia keessatti raawwatame, oromiyaa keessatti raawatamuuf itti jiramuuf, jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo waanta hubachaa jiran hin fakkaatu ykn qaama rakkoo ta’uuf jiru.

Akkuma irra deddebi’amee beektotaa fi namoota gara garaan akeekame, haalli ummati Oromoo fi oromiyaan keessa jirtu eddu yaadeessaa dha. yeroo ammaa yaaddeessa irra darbee gara qabatamaatti cehuuf qarqara geenyee jirra. Siyaasi Empayera Itiyoophiyaa keessatti gaggeefamaa jiru, akkuma seenaa irraa hubataa jirrutti hundeen isaa ummata Oromoo fi oromiyaa bituu fi garboomsuu irratti kan of hutubee dha. haalli kun daran yeroo ammaa itti cimee deemaa jira. ka’umsi barreefama kiyyaa haala acuuccaan fi garbummaa ilmaan oromiyaa irra gahaa turee fi jiruu ibsuuf kan akeekkate miti. Amma waanta akka walooti nama dhuunfaanis ta’ee akka jaarmiyaa siyaasaatti qabnu irratti xiyyeefachuuf, badiinsa dorrobaa jiru irratti xiqqoo waa jechuuf. Rakkoo jiru walitti himuudhaan gaddinee wal gaddisiisuuf otoo hin taane,  haqa jiru hubannee fala waloo akka itti barbaannuufi.

Kana irratti jaarmiyaaleen siyaasa Oromoo, waldaaleen hawaasa Oromoo fi dhimmi Oromoo fi oromiyaa nagalcha ykn qaama falaa ta’uun qaba jedhu hunduu gadi fageessanii ilaaluudhan fala maddisiisuu dandahuu dha.

Fixiinsi sanyii Ruwaandaa keessatti raawwatame, kan yeroo dheeraa itti qopha’amee fi kaka’umsa siyaasaan kan durfamee dha. badiin qaqabe garuu, baatii muraasa keessatti ummata kuma dhibba saddeetii amma miliyoona tokkotti dhumate. Eega ta’ee booda addunyaan birmatteef malee, yeroo qophiin fixiinsa sanyiif itti qopha’amaa jiru namni waa jedhe hin jiru. garuu abbootiin siyaasaa fi beektotiin biyya sanaa dursanii fala kennuu dhabuu isaaniitiif eega dhimmichi raawwatee booda gaabbanii jiru. seenaa keessatti itti gaafatamoo ta’anii jiru.

Gara dhimma keenyaatti ykn oromiyaatti yoo deebinus yoo sobnee aguuguu barbaanne malee, haalli amma yeroo dheeraaf itti qopha’amaa ture kan Ruwaandaan wal fakkaataa dha. kan keenya tarii kan Ruwaandaa caala ammaataa fi suukanneessaa bifa ta’ee raawwatamuu mala. Kana kan muldhisaa jiru haala siyaasa biyyattii keessa jiruu fi qophii yeroo ammaa taasifamuu dha. akkasuma sadarkaa hubannoo fi jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo yeroo ammaa irra jiran kan agarsiisuu dha.

Baruun kiyya kun fedhii ykn dhimma ololaa kan ka’umsa taasifate ykn garee siyaasaa tokko deeggaruun kan biraatti quba qabuuf kan akeekkate miti. Amma hubannoo kiyyaatti haqa jiru lafa kahuudhaan fala akka ilmi Oromoo kamuu itti barbaaduuf hubannoo qabu waliif qooduu dha.

 

Mee maaltu ta’aa jira ykn fixiinsa sanyiif ka’umsa kan ta’an maaltu qophiin taasifamaa jira?

  1. A) haalli siyaasaa biyya itiyoodhiyaa guutumaatti jibbiinsa siyaasaa garee biraa irratti kan hunda’e otoo hin taane, giddu galli isaa jibbiinsa “sabaa” ka’umsa kan taasifatee fi saba tokko kan biraa irratti moosisuuf kan kaayyeffatee dha. kanaaf kaayyoon siyaasaa bittoota Itiyoophiyaa kaleessa turaniisa ta’ee, kan ardha jiru masakama siyaasaa olaantummaa murni bicuu saba wayyaba  irratti goonfachuuf taasifamuu dha. aangorra turuuf ykn aangootti dhufuuf dirqama sabni biraa jilbeeffachuu ykn garbummaa jala buluu qaba. Doctrine (hegemony) siyaasaa kun uumama Empayera itiyoophiaa irraa kan maddee dha. seenaa biyya sanaa keessatti amma yoonaa kan jiru sabni bicuu saba wayyaba humnaan bituu dha. haalli kun ammoo yeroo ammaa kana guddina siyaasaa biyyattii keessatti deemaa jiru irraa ka’ee, akka kana duraa sadarkaa murni bicuu saba guddaa garbummaa jala tursiisuu danda’u, gara raawwachuutti deemee jira. haa ta’uu garuu, ilaalchi siyaasaa ammas murni bicuu saba wayyaba garbummaa jalatti bulchuuf hawwu sadarkaa cabuu irra hin geenye. Kanaaf aangoo tursiifachuuf dhimma hundaatti dhamma bahaa jiru. seenaa Etiyoophiyaa keessatti amma yoonaa Aangoon siyaasaa fi dinagdee yeroo kamuu dhalataa kaaba biyyattii harkaa bahee hin beeku. Waldhibdeen isaanii yeroo hunda aangoo siyaasaa fi dinagdee humna dhalataa kaabaa harkaa bahee ummata wayyaba harka galuu qaba kan jedhu otoo hin taane, darabeen kiyya ta’uu qaba kan jedhu duwwaa hirratti wal dhabu. Yeroo aangoon siyaasaa fi dinagdee ummata wayyaba harka galuuf jedhu, humnootiin kana dura aangoo irratti wal dhabaa turan waliin dhaabbatu. Seenaa qabsoo biyya Itiyoophiyaa keessatti kan hargaa turre isuma kanaa dha. kanaaf yeroo kamuu aangoon siyaasaa fi dinagdee ummata wayyaba kan ta’e, Oromoo harka akka galu bifa kamiinuu eeyyamuuf qophii hin qaban. Faallaa kanaa ummata wayyaba kan ta’e Oromoo aangoo siyaasaa fi dinagdee irraa fageessuuf hojatu.
  2. B)  humna waraanaa fi tikaan ummata wayyaba caalan argamuu fi yeroo hunda ummati wayyabni (Oromoon) akka harka qullaa ta’ee tajaajiltuu sirna biyya sanaa ta’u haala mijeessu. Kan amma argaa jirrus isuma kanaa dha. egaa qabxiidhuma kana jalatti qophiin siyaasaa jibbiinsa sabaa irratti hutubame Itiyoophiyaa keessatti hundeen gadi dhaabbatee jira. kana hojiitti hiikuuf humna waraanaa fi meeshaa waraanan of qopheessuu akka qaban sirnaan waanta itti qopha’aa jiranii dha. faallaa kana ummati wayyabni ammoo dandeetti ittiin of ittisuu fi meeshaa isaaf malu hunda harkaa guuranii jiru.

Itiyoophiyaa keessatti mee qabiyyii meeshaa waraanaa fi qophii ifa ta’ee fi ifa hin taane kaafnee haa ilaallu.

 

Meeshaa rawaanaa

Ummati tigarayi akka amma himamaa jirutti baayyinni isaa gara miliyoona shaniitti tilmaamama.

Meeshaa waraanaa Walumaa gala ibsa
Kan sadarkaa mootummaatti beekamu Kan dhoksaan kuufaman ykn hidhachiifama
1,500,000 2,000,000 3,500,000 80% K47 (kilashinii)

Ummata Amaaraa akka tilmaamaa ammaatti gara 20,000,000 tilmaamama

Meeshaa waraanaa Walumaa gala ibsa
Kan sadarkaa mootummaatti beekamu Kan dhoksaan kuufaman ykn hidhachiifama
3,500,000 3,000,000 6,500,000 60% K47 (kilashinii)

 

Ummata somaalee (ogaden)

Meeshaa waraanaa Walumaa gala ibsa
Kan sadarkaa mootummaatti beekamu Kan dhoksaan kuufaman ykn hidhachiifama
100,000 300,000 400,000 90% K47 (kilashinii)

 

Ummata Affaari

Meeshaa waraanaa Walumaa gala ibsa
Kan sadarkaa mootummaatti beekamu Kan dhoksaan kuufaman ykn hidhachiifama
70,000 50,000 120,000 90% K47 (kilashinii)

 

Ummata oromiyaa gara 50,000,000 tilmaamaa

 

Meeshaa waraanaa Walumaa gala ibsa
Kan sadarkaa mootummaatti beekamu Kan dhoksaan kuufaman ykn hidhachiifama
36,000-50,000 20,000 70,000 30% K47 (kilashinii)

 

Kan olloota oromiyaa kan biraa dhiifnee isaanuma kana akka fakkeenyaatti fudhachuu qabna. Oromiyaa keessatti durumaa kaasee meeshaan waraanaa akka hin hidhatamne dhoowwaa ture. daranuu bara wayyaanee kana ammoo ummata irraa guutummaatti meeshaa hiikkachiisanii jiru. faallaa kanaa olla oromiyaa kamuu yoo fudhattan qabiyyiin meeshaa waraanaa isaanii kan oromiyaa wajjin yoo ilaalle, harka tokko fi isaa ol akka caalutti hidhachiifamanii jiru. kun egaa qophii fixiinsa sanyiif ammam oromiyaatti qopha’amaa akka jiru muldhisa.

Kanaaf yaa ilmaan Oromoo, yaa dhaabbilee siyaasaa Oromoo, yaa beektota Oromoo yeroon amma irra jirru yeroo qoosaa siyaasaa gaggeessinu miti. Haqa jiru beekanii waanta isaaf malutti qopha’uun eddu barbaachisaa dha. akka amma jirruutti meeshaa bitannee haala nutti qopha’amaa jiru kana dura dhaabbachuuf humna dinagdee akka sabaatti of harkaa hin qabnu. Garuu humna guddaa qabna. Humna qabnu kana ofirratti beeknee gara of ittiisuu fi akka Oromootti jiraachuuf fala dhahuun murteessaa dha.

Humni nuti qabnu tokkummaa fi tokkummaan dhaabbachuu duwwaa dha. tokkummaa, tokkummaa, tokkummaa ….. jedhamee yeroo hunda waanti faarfamuuf humni keenya isa duwwaa waanta ta’eefi.

Yeroo ammaa kana dhaabbileen siyaasaa Oromoo dhimma tokkummaa kana irratti waanta qoosaa jiran fakkaata. Tokkummaa jechuun egeree qabsoo sabaaf jecha tokkummaa sabaa uumuu jechuu dha malee bubuutuu siyaasaa argachuuf diraamaa walirratti hojatamu keessaa bahuun eddu murteessaa dha. qaanii tokko malee dhaabbileen siyaasaa oromiyaa hin fakkaanne ykn dhalataa oromiyaa hin calaqqisiifne (diversity) yeroo oromiyaa baldhoo bilisoomsuu fi walaboomsuuf dhaabbanne jedhan qaanii hin qaban. Sirumaa dhalataa oromiyaa naannoo biraa waanta dagachaa deeman fakkaata. Kun kan diinni dhalche irra nutii yeroo diina gargaarru itti qana’uu qabna.

Hunda dura dhaabbileen siyaasaa Oromoo qoosaa amma qoosaa jiran keessaa bahanii balaa amma akka sabaatti nutti jiguuf deemu kana qolachuuf of qopheessuu dha.  dhaabbileen siyaasaa tokko tokko  yeroo ammaa of “ ittiisuu irraa gara aleellaatti ceene” yeroo jedhani qaaniin tokko illee itti hin dhaga’amu. Sadarkaa aleellaa otoo hin taane, of ittisuufuu karaa isaa qabachaa hin jirru. Ni hadhawa garuu haqi jiru isa kanaa dha. taa’amee,  rakkoo Oromoo humna gochuu dadhabameef hundeedhaan irratti dubbachuu qabna.  Amma dubbiin dhimma jaarmiyaa maqaan isaa X ykn Y jedhamuu miti dhimma sabaati. Olola garuu, jijjirama kan hin finne waanuma baratame diina irraa nama lama, sadii kudhan, ….. ajjeefne  madeessine jennee wal sobuu fi wal irratti diraamaa hojachuu keessaa baanee, dadhabbina dhugaatti akka ji’a goobanaa nurraa muldhachaa jiru ifatti dubbannee fala oromummaa itti kennuu qabna. Kun gootummaa haarsaa gaafatuu dha. kana irraa dheensuu ykn miliquu yaallus haalli lafa jiru haquma kana ta’uu beekuun gorsaa nubarbaachisu.

Beektotiin Oromoo yeroo garee siyaaasaa qabatanii dhimma fayidaa ykn olola xixiqaaf jecha dadhabbina akka sabaatti qabnu wal dhoksaa fi aguugaa deemnu otoo hin taane, ifatti dubbannee badii irraa ummata Oromoo oolchuu qabna. “Rakkoo ilmi namaa dhalche ilmuma namaatu fala kenna”. Kanaaf beektotiin keenyaa fi abbootiin siyaasaa dhimma fayidaa garee keessaa baanee yoo dhugaatti ni yaanna kan taatu ta’e,  fala kumaatamatu jira. rakkoon guddaan nama dhuunfaa yeroo ittii komannu miti. Mooraa qabsoo Oromoo keessatti kan baratame, nama dhuunfaa ykn garee wahii maqaa dhoofnee, rakkoo hunda isa baachisuu yaalla. Dubbiin achi hin jiru. rakkoon mooraa qabsoo Oromoo bira jiru hunda keenyatu harka keessaa qaba. rakkoo nama biraa irra barbaaduu hin qabnu. Kuun qulqulluu ta’ee, nama biraa ykn garee biraa iraa xurii dhiquuf of qopheessa yoota’e, abbaan rakkoo ijootuu isuma ta’a.  kanaaf rakkoo waloo qabna. Fala waloos of harkaa qabna. Kana gochuuf murteeffachuun kan yeroon itti kennamu miti.

Gaafa gochaan suukanneessaa duguuggiin sanyii ilmaan oromiyaa irratti raawwatame gaabbuun ykn jedhee ture jechuun gatii tokko iyyuu hin qabu. qarqara duguuggii sanyii ilmaan oromiyaa irratti jalqabamee jiru ijaan argaa jirra. Dubbiin isa gabaasaa jiraachuu miti. Dubbiin falaa fi mala dhahuu dha.

Rakkoon guddaan mooraa qabsoo Oromoo keessa jiru system qabsoon keenya ittiin masakamaa jiru hundeen qorannee jijjiruuf murachuu (murteeffachuu) dhabuu keenyaa dha. baruma baraan diinni keenya yeroo jabaachaa deemutti nuti sababa laaffanneef ilaaluuf system amma lafaa qabnu ykn ittiin masakamaa jirru karaa nuqabsiisaa hin jiru. kanaaf hundeedhaan masakama qabsoo keenyaa ilaaluu qabna. “okkotee yeroo hunda marqaa marquuf hojametti, daakuu qamadii ykn xaafii itti naqnee, maaliif daabboo ykn biddeena baasuu didde” jennee komachuu hin qabnu. System okkoteedhaa, marqaa marquu malee, biddeena ykn daabboo nuuf baasuuf miti. Qabsoon keenyas maaliif yeroo hunda beektotiin siyaasaa, waraanaa, dinagdee hawaasummaa…. Kkf itti hirmaatanii otoo waa hin buusiin keessaa bahu ykn bu’aa malee wareegamu jennee ilaaluu qabna. Rakkoon jiru rakkoo namoota qabsootti hirmaatanii otooo hin taane, rakkoo system ta’uu isaa otoo irra hin dibiin hubachuu qabna. Yoo system sira’e waanti sorooroon bahuu danda’a. yoo system sorooroo dabaa godhee baasu jiraatee, isaan masakamna yoo ta’e, itti bahi keenya waanuma amma argaa jirruu dha. kanaaf system qabsoo keenyaa hundeen jijjiruuf of amansiisuu qabna. Yoo kana goone duwwaa duguuggiin sanyii oromiyaaf qopha’e irra aanuu dandeenya. Yoo kana hin taane agaruu akka amma jirrutti of sobuudhaan agoobara gandaa fi gosaa ykn amataa jalatti dhokannee qabsoo sabaa ykn bilisummaa fi walabummaa faarsaa jiraanna yoo ta’e, kun qoosaa ta’uu isaa beekuu qabna. Yoo akkanatti walitti himne malee waliif aguugnee balaa isa keessa deebii hin qabneef oromiyaa  affeeraa jirra. Humni nuti qabnu tokkichi tokkummaa dhugaati. Kanaaf of haa qopheessinu. Tokkummaa mana shahii fi MacDonald keessaa baanee tokkummaa qabsa’otaa haa ijaarru.

Note:- namoota barruun kiyya isin quuqe ykn akka isin hin feenetti barreeseef dhiifama. Ani haqa jiru malee nama gammachiisuuf ykn dallansiisuuf hin barreessine.

Injifannoon ummata Oromoof

Camadaa Hundee

camadaa@gmail.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Abbaan Seeraa naaf haa jijjiiramu’ waan jedheef qofa adabbii qarshii 500 irratti murteessee jira..

Dabalataan manni murtii guyyaa har’aa Jawaar Mohaammad Abbaan Seeraa naaf haa jijjiiramu’ waan jedheef qofa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *