Oduu Haaraya

EENNU MUUDAMAA EENNU MUDDAMAA?

 

Eennu muudamaa eennu muddamaa

Eennuu hin muudamuu eennuu hin muddamuu!

Eennu hin shaaramuu eennu hin shuumamuu!

Jarri bar nugusaa

Eennu isaan kaasa?

Kan inni kaayatu isumaa dalagaa

Rakkoo sabaa waa laalee argaa

Kanaaf sabni baldhaan naaf ragaa!!(2)

Sabni jedhee isin hunduu ka’aa

Teessoo irraa bu’aa

Aangoo irraa harca’aa

Sabatti taatanii bar ba’aa!!

Rakkoon keessan hammaataa

Hundaa sabni bar yaadataa

Yoomumaa woy isin irraanfataa!!

Aangoon bara kanaa

Kamtu dura taa’aa kamtu itti aanaa

Hunduu hadheessee kunoo waakkannaa

Gaafa rakkoon ifa bayee muldhannaa!!(2)

Uummatattiin hin deeminaa mankaraarsaa

Duraa wallaalchisee warra aangoo eennu adda baasaa

Amma ammo 300 muududhaaf nutti karoorsaa

Kun karoorallee hin ta’uu fakkeessaa, odeessaa!!(2)

Sabni ammas dubbataa

Sirriis tolchee akeekkataa

Burjaajjoftee maalumaaf dhamaata

Uummata jalaa eessatti dhokattaa!!(2)

Aangoo bara kanaa

Kamtu dura taa’aa kamtu itti aanaa?

Itti aanaan sadii tokko mana ciisaaa

Tokko biiroo taa’ee kunoo waakkatiinsaa

Tokko ammo fagoo jiraa bashannaniisaa

Sabni ayyaanlaallatummaa  jiraa mormiinsaa!!(2)

Dhimmi  keenna ofii tokkumaa

Nu deddeebisuu si’a kumaa

Waajjira jiruu nama saddeettamaa

Kana hundaanuu rakkoon waa furamaa

Kunis rakkomaa sunis rakkomaa

Saba miitanii malaan maltummaa

Yaa Rabbi nurraa kaasi kaaso simaa!!(2)

GAMTEESSAA SABAA

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …