Oduu Haaraya

Fincila Diddaa Gabrummaa Ummata Oromoo Ilaalchisee: Bakka Gahamee, Waan Tahuu Maluu fi Kan Godhamuu Qabu.

Qabatamaan Bakka Amma Jirru:

– Sochiin Ummatni Oromoo godhaa jiru baatii tokko xumuree lammaffaa jalqabeera.
– Yeroo baatii tokko kana keessatti ummatni MP mormuu duwwaa osoo hin taane tarkaanfii bulchiinsa mataa isaa uummachuu bakka heddutti fudhateera.
– Kun kan agarsiisu sochiin godhamaa jiru kan MP dhaan mormuu duwwaa osoo hin taane gaaffii abbaa biyyummaa taheera.
– Sochiin kun guutummaa Oromiyaa keessatti tahuun humna ummatni Oromoo tokko tahee ka’uu qabu firaa fi diinatti agarsiisee jira.
– Warri Oromoo tuffataa turan amma isa kabajaniiru. Warri duruu isa sodaatan ammoo sodaan waan godhanii fi dhiisan wallaalchisaa jira.
– Ummatni Oromoo wareegama kaffalamaa jiruun osoo hin rifanne, jabinaan sochiicha haaromsaa deemuun guddaa kan nama boosuu fi abdachiisuu dha.
– Sochiin golee Oromiiyaa mara waliin gahe kun Oromoon tokko tahuu mirkaneessee jira.
– Sagaleen Oromoo daangaa Oromiyaa fi biyyota olla cehee addunyaa keessatti dhaga’amaa jira. Kun kan ittin boonnu dha.
– Sochiin ykn warraaqsi kun caasaa mootummaa keessatti shakkii uumee, lammiin Oromoo mootummaaf hojjatan warraaqsa cinaa dhaabatan dabalaa jira.

Waan Tahuu Malu Lamatu jira:

1. Sochii kana laaffisuun of duuba deebisuu
– Wayyaaneen humnaan sochii kana laaffisuun of duuba deebisuu ykn dhaamsuu
– Ummatni gochaa faashistummaa Wayyaanee irraa dandamachuu dadhabee sochii dhiisuu

Yoo warraaqsi kun dhaabbate ykn of duuba deebi’e:

o Wayyaaneen aarii guddaan ummata ni miiti.
o Akka ummatni lammata mataa ol hin qabannee godhuuf tarkaanfii adda addaa fudhatti.
o OPDO diigdee kallaatiin ofii bulchiinsa dhuunfatti.
o Saaminsa Oromiyaa bifa hamaa taheen gaggeessiti.
o Sabboontoota Oromoo mana hidhaatti guurtee gochaa sanyii duguggii gaggeessiti.
o Mootummaa Oromiyaa illee diiguu ni malti.
o Afaan Oromoo illee afaan hojii fi barnootaa tahuun hafuu mala.
o Kkf as bahuu mala

2. Sochiin furga’ee galii isaa gahuu
Warraaqsi jalqabe itti fufee mootummaa Wayyaanee bakkaa kaasuun galii isaa gahuuf wanneen godhamuu qaban:

– Sochiin kun adda cituu hin qabu. Tooftaa jijiiruun itti fufuu qaba. Qeerransa eegee hin qaban, qabnaan gad hin dhiisan.
Naannoo hundaatti akkuma amma duraatti ummatni socho’uu qaba. Naannoon tokko ka’ee kaan yoo cal’ise wal irra ilaaluu fi hamilee cabuun dhufuu mala. Kanaaf bakka hundaa sochiin itti fufuu qaba.
– Sochiin kun addunyaa biratti daran dhageetti akka argatuun naannoo FF irratti yoo jabaate gaarii dha. Karaa FF seenan shanan cufuu.
– Sadarkaa duraatti akka magaalaalee gurguddaan humna boba’aa hin argannee gochuuf bottee rukutuu. Botteen rukutaman kan kubbaaniyaa mootuummaa yoo tahan gaarii dha.
– Caasaa mootummaa diiguu keessa tokko Oromoota mootummaaf humna waraanaa, polisii, tikaa fi milishaa hojjatan akka lammii isaanii bira dhaabbatan waamuu. Yoo didan hawaasa keessaa isaa walabu: ummatni isaan lagachuu, uggura adda adda irra kaa’uu.
– Sabootni gara biraa akka sochii Oromoo bira dhaabbatan hawwachuu. Saboota olla wajjin wannen wal dhabbii uumu irraa of qusachuu.
– Oromoon qabeenya isaan qabsoo gaggeesuu. Omisha isaa gabaati baasuu dhiisuu.
– Qabeenya hojiif barbaachisu biyya keenyaa burqisiisuuf tattaafachuu
– Fakkeenyaaf caatiin akka gabaa hin baane guyyoota muraasaaf godhuun yoo danda’ame warreen akka Jabuutii fi Hargeessaa harka kennachiisuu dandeenya.
Oduu mootummaa afaanfajjeessu (rumors) gad dhiisuun mootummaa jaanjessuu.
– Moot. Irratti itti fufiinsaan olola oofuu – saaxiluu ummataa fi addunyaa biratti
Hub:
Wanneen godhamuu qaban itti fufiinsaa waliif dhaamna.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …