Oduu Haaraya

Gaafa Eenniyyoon Bayee Dhaabate

Gaafa eenniyyoon bayee dhaabate

Leencatu fokkoree dhaadate.

Gamnuma nuu kenne gooytan haqaa

Goobanatu nu nyaate maqaa.

Gobeellee dhaqee Diimaan dhaadatee

Goobannis naasuun imimmaan dhiqatee.

Hin fudhannu nu kijibaa fi hamii

Oduun Goobee silaa mamii.

Dhara injifatee

Dhuga nu dhokatee

Barri jijjiiratee

Dhugaan qaqallattee

Qaqallattee cittee!

Reeffin badoo

Dhiira baasaa gadoo!

Eennu gaajafaraa

Eennu baase karaa?

Karaa jagna baasee

Sabas garaa raasee.

Keenna kuun jagnaa

Kuun illee gamnaa

Gaara feene baanaa

Bakka feene dhaqnaa!

Gamteessaa Sabaatin(A.T.)

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …