Oduu Haaraya

Gaazexaa Maqaa Islaamaatiin Kallattii Qabsoo keenyaa jijjiiruuf dhufe kana bituu dhiisuun shira Mootummaa kana haa fashaleessinu!!

Oduu Ho’aa

Mootummaan Kallattii Qabsoo Hawaasa Musliimaa Jallisuuf “Bedr Islamawi Gazexaa” jechuun Gaazexaa haaraa Guyyaa Har’aa Gabaarra Oolchuuf akka qophaa’e beekame

Jumaha, Caamsaa 8/2006

Mootummaan “Bedr Islamawi Gazexaa” jechuun gazexaa maqaa Islaamaa itti baasuun gabaa irratti baasuuf akka qophaa’e beekamee jira. Gazexaan kun Gaazexaa Dhimma Musliimootaa hordofee gabaasuu fakkeessuun guyyaa har’aa Gabaa irra oola jedhamee eegama.

Mootummaan Gaazexaan kana Gaazexaa Dhimma islaamaa hordofee gabaasu fakkeessuu fi qalbii Musliimootaa akka harkisu gochuun Fuula dura gaazexaa kanaa irratti gabaasa guutuu adeemsa murtii Koreewwan keenya Jaallatamoo kan barreesse yommuu ta’u, kaayyoon duraa gaazexaa kanaas kaayyoo Qabsoo Musliimaa cimsuuf qophaa’e taassisanii qopheessuun isaanii beekameera.

Gaazexaa kana irratti Barreeffamni dhimma Musliimaa ilaallau kan “Face Bookii” irratti barreeffamaa ture akka irratti barreeffameef, adeemsi gaazexaa kanaas gabaasa Qabsoo Musliimaa ilallatu barreessuun qalbii hawaasa erga fudhatanii booda kallattii qabsoo Musliimaa jijjiiruuf akka deemama jiru bira gahamee jira.

Barreeffamni Gaazexaa kana irratti barreefamu barreeffama qalbii Musliimaa harkisan gochuun Musliimoonni dheebuu midiyaa waan qabaniif hawaasichi gaazexaa kana baay’inaan ni bitata jechuun qarshii hedduu walitti qabachuuf deemaa akka jiranis bira gahameera.

Gaazexaan kun yeroo Namni mirga isaa gaafate hundi mana hidhaa seenetti, yeroo Gazexoonni waa’ee mirgaa dubbutan hundi cufamanittii, fi yeroo namni waan “face bookii” irratti barreesseef itti gaafatamaa ta’utti “Sagalee Uummata dhageessisna fi waa’ee qabsoo Musliimaan gabaasa” dhaadannoo jedhu qabatee dhufuun isaa dhugumatti kaayyoo Mootummaa dhoqate ifatti kan agarsiisu dha.

Yeroo Mootummaan nama Paampileetii “Dimtsachin Yisema” dubbisuu fi nama Paajii “Dimtsachin Yisema” banee dubbisu hordofuun yeroo mana hidhaa galchaa jirutti, Yeroo Mootummaan Gaazexoota Musliimaa hunda cufee fi hojjettoota gaazexoota Islaamaa mana hidhaatti dararaa jiruttii fi akkasumas Yeroo Mootummaan Koreewwan Keenya dabalatee Musliimoota Kumaatamaan lakkaa’aman himannaa sobaa uumuu fi ragaa sobaa irratti baasuun Mana hidhaa keessatti hiraarsaa jiru kanatti “Gaazexaan Islaamaa” dha jedhee maqaa baasuun gabaa irra oolchuun isaa ilaalcha badaa Mootummaan Hawaasa Musliimaaf qabu agarsiisa.

Nuti Musliimoonni yeroo hammaa kana yeroo itti goowwomsamuu hin dandeenye irra geenye jiraachuu keenya Mootummaan kun quba hin qabu??

Gaazexaan guyyaa har’aa maqaa Islaamaatiin daldalaaf dhihaatu kun Finfinnee Naannoo Masgiida Anuwaarii fi Naannoo Masgiida Nuur (benin)’tti baay’inaan gabaaf akka dhihaatu bira gahamee jira.

Nutis Gaazexaa Maqaa Islaamaatiin Kallattii Qabsoo keenyaa jijjiiruuf dhufe kana bituu dhiisuun shira Mootummaa kana haa fashaleessinu!!

Nuti Abshaaloota miti, Abshaaloonni garuu nu hin gowwomsan!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …