Oduu Haaraya

Oromoo sabakoo maalif gowwaa taata Kankee lammiin harca’e ati Ormaaf ergamta !

Maqaaf kaayyon diina xiqqoo qaban qabaa hin guunne sanii sun Adda Bilisa Baasa Uummata Tigraay ture. Ammas maqaansaanii kun hin haqamin jira. Hiika maqaa dhaabasaanirraa yoo kaanu, kan uummata tigraayin qofa bilisoomsuf jalqaban amma maalif Oromiyaaf itoophiyaa gallakkisuu didan ??????
Garuu kaayyof ejjennoonsaanii amma irra gahame kun kaayyoo ganama qabatanii manaa bahanii ol ta’ee milkaa’anii argamani.
Sababnisaas Orma nujaallachiisa, firammoo nujibbisiisa. Xiqqaa guddaan keenyas habashaa jala baaxxisa. Kanaaf maqaa sobaa Opdo.tin taayitaa, lafaaf albuuda Oromootti boo’an. Damma ofii nyaachun gowwaa afaan dibu ta’e dubbiin. Gowwaan hin dhalatin dhalatus hin guddatin, na’oofkalchaa !!

Namni loon ykn horii mooraa tokko qabu tiksee takkaan eegsifata. Horiinis tiksuma sanaan raafamee jiraata, yookanis qalmaaf dhihaata. Osoo horii keessaa horiin gaaffidhaan osoo hin taane gaafa fi miillan walabummaa gonfatee, horiin horii ta’ee hin hafu ture kan kolfaa taane.

Akkuma suuraa kana argitan uummanni xiqqoon tigraay miiliyoona 3 hin guunne sun baay’ina uummata keenya miiliyoona 50 ol ta’aa jiru lakk. guddicha kana halkanuma takkoon saffisa guddaatin gad buusuf jecha gamnummaaf mala ammayyaawaa hin muul’anne irrattis hin beekamin qabatee ka’e.

Tigreen sabni bicuun sammuu handaaqqon qabdu hin qabne sun, gamnummaan nucaalun akkas jette.
” ka’i Oromoo, uummanni Somaaliyaa alshabaabin ajjeefamaa jiraatii birmadhuuf ollaan yoomifi?” Jechuun ergite.
Waraanni Oromoo maqaa sobaa Opdo.tin ijaaramee ture sun kumaaf miiliyoonan lakkaa’amee Somaaliyaa geenyan ijaadhuma Oromoo ta’aniif achi geenyan dubbiin garagalchoo taate !
Edaa wayyaanen uummata nagaa somaaliyaa waliin wal taatee hidhachiisun akka irratti hin beekamneef waan alshabaabin waraanuf ka’an fakkeessun loltoota Opdo tigreen shakkite, kan oromummaaf sabboonummaattis ol guddachuun cunqurfamoo sabasaaniif gungumuu jalqaban fixuufi !!!
Eenyu haabirmatuuf ABO dhaa ????
Osoo atiif sabnikee cunqurfamaan, saba xiqqoo tigraayin gabroomfamnee jiraannuu biyya namaa bilisoomsuf du’a hin duune duute. Ilbiisa dheena abiddaat taate, biyyoon sittaasalphattu. Osoo dhuguma Opdo.n kan oromoo ta’ee maaf sabboontonni kunniin akkasittiin dhuman ??? Harki harka hin nyaatu, harkimmoo harka nyaatu harka miti !
miseensonniif deeggartoonni Opdo gorsiif dubbiin sabaa siniif galuu dide dammaqaa. Dhaabni dhuga qabeessi oromoof jiraate ABO qofadha.

WBO.n garuu dhiira
gaachana sabaati
jaallattus jibbitus
Oromiyaan ni Walaboomti.

ka’i oromookoo
harka wal qabadhu
diinni dheena hin taatu
cireef olkaawwadhu
***********
firaa’oliin
diddu gobiin !!
************

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Waamicha Dhaabbotii Oromoo maraaf.
    Attam jirtu Hooggantoota Qabsoo Oromoo.
    Ani akka nam tokkoottii komii guddaan isin warra maqaa ulfaataa qabsoo uummata hammana ga’uu, saba xiqqaa kanaan isin fuulduratti akkasitti ijoolleen keessan lafa irraa duguugamaa jirtu ustanii taa’uu keessantu na ajaaiba. mee maqqn isin baattan kun yoomiif hojjetaa?moo dhiiga ilmaan oromootu isinitti dhaga’amaa hin jiruu?
    yoo xiqqaate, mee yeroo ammaa uummanni isin in hoogganna jettan iyyuu garaa garummaafii kan wal lolaa ture iyyuu sababa keessaniin amma bukkeetti dhiisee Oromummaan ka’ee falmaa jira. isin warri beekoon, dhimma siyaasaa Oromoof dhaabbane ofiin jettan waa’ee dhiiga dhanggala’aa jiruu kanaaf ilaalcha laarraniifii maaf walitti dhuftanii wal hin mari’atne? mee yoomiif teessuu?gaafa Oromoon lafa irraa dhume Lafa qullaa bulchuuf of qopheessaa jirtuu?????
    Oromoon waan murteefatee ka’eef booda rakkoo oromoo gidduuttii, uummamuuf itti gaafatammi isin ta’uu asuma irraa hubachaa adeemuun gaariidha.
    Waan hedduudhaan wal qeequuf teenya booda.Amma haama ta’eefuu mee wal dubbadhaa, ABO SHANEE Jettanii tuffattanis 10/0 isaa hojjechaa hin jirtan. mee wal haasa’aatii qaawwaa keessan kana cufadhaa.
    Galatoomaa!
    OROMIAN KAN OROMOOTI