Oduu Haaraya

GABAASA GUUTUU – Korri Gamtaa ABO Amerikaa Kaabaa Bara 2015 Milkiin Xumurame

==================================================

Korri Gamtaa ABO Amerikaa Kaabaa Kan Bara 2015 Milkiin Xumurame.
(GABAASI GUUTUUN) akka itti aanutti dhiyaatee jira:

Addi Bilisummaa Oromoo erga caasaa isaa biyyoota alaatti bifa haaraan diriirsee asitti Korri Amerikaa Kaabaa inni 19ffa bara 2015 magalaalee lakkuu, Minnesota keessatti bifa adda addaan Hagayya 4 – 7tti geggeeffamaa ture milkii guddaa argachuu isaa qophessitootnii fi hirmaattotni mirkaneessan.

Kora waggaa ABOn bifa kanaan bara 1996 irra eegale cinaatti qophiileen Oromoo biroos kanneen akka wal-dorgommii Kubbaa Miilaa (OSFNA) Federeshinii Sporti Amerikaa Kaabaatiin qophaawan wal-cina deemaa as gahuun carra ittiin ummatni Oromoo wal-gahu banuu irra darbee torban Korri ABO itti taasifamuu fi akkasumas wal-dorgommiin sporti itti taasifamu TORBAN OROMOO ta’uun ayyana waggaa dhaabbata ta’aa dhufuun bu’aalee walitti dhufeenya Ummata Oromoo ABOn taraare ta’utu himama.

Torban Oromoo magalaalee lakkuu kun waluma galatti qophii Hagayya 1-8tti Kora ABO wagga, waldorgommii sportii fi qophiilee Aada fi bashannanaa kan artistootni Oromoo Adunya mara irra itti hirmaatan ture.

Korri ABO kan eegale Hagayya 4, bara 2015 galgala sirna baninsaa Irbaata WBOn yeroo ta’u sagantaan Irbaata WBO madda galii maallaqaa kan guutummaatti Waraana Bilisummaa Oromoof oolu ta’ee, kunis haala tilmaamameen olitti milkaa’uun addeeffame.

Hagayya 5 fi 6, bara 2015 Korri miseensotaa kan Amerika, Kanadaa fi akkasumas Auropaa irratti argaman mooraa University Minnesota galma Anderson keessatti geggeffame.

Miseensotni, Qondaalotnii fi Hoogganni sadarfkaa adda-addaa kan irratti argaman korri miseensotaa kun guyyoottan lameen kana gabaasaa hoji kan wagga erga dhaggeeffateen booda hanqinoota fi jabinoota gabaasaalee irratti maree godhuun gudunfe. Itti aansuun dhimmi Dhaaba ABO kan keessa fi alaa, dhimma Jaarmiyaa, dhimmi tarkaanfii waraanaa fi akeeka baroota dhufuu irratti marii gadi-fageenyaan taasisuun murtii fi ejjennoolee dabarfatuun Korri Miseensotaa goolabame.

Hagayya 7, 2015 Korri waliigaalaa Hawaasa Oromoo bal’aa hirmaachisee akkasuma bakka deggertootni, miseensotni, hooggantonnii fi hayyuuleen garagaraa argamanitti bifa hamilchiisaan geggeffame. Guyyaa kana barnootni bal’aan haala Dhaabota Oromoo wali-galaa fi dhimmi ‘Master Plani’ Finfinnee balaa akkamii akka qabuu fi qabiyyeen plaanichaa gad- fageenyaan barsiifame. Dr. Asfaw Bayyanaa San Diego State University irraa akkasumas Dr. Gizaachoo Teessoo University of Texas irra barnoota bal’inaan kennan irrattis dabalatee hawaasicha mariisisan.

Walgahii ummataa guyyaa kanaa irrattis Videon WBO jaalli tokko ji’a lameen darban keessa Kanadaa irraa ka’ee Zooni Kibbatti qaamaan argamuun haala WBOn zoonichaa itti jiru bal’inaan fidee dhufe agarsiifame. Irra caalaa Video kana irratti dhaamsa miseensota WBOtu dhaggeeffatame.

Waligala Ibsa Hoogganaa, murtii miseensotaa fi dhaamsa Miseensota WBO irraa kan addatti calaqqisu xiyyeeffatnaan hojii dhaabichaa addatti gara tarkaanfii waraanaa babal’isuu fi of-ittisuu irraa (defensive) WBOn garaa haleellatti (offensive) tarkaanfachuun QBO ABOn hogganamu boqqonnaa haaraatti ceesisu akka ta’etu mirkanaa’e.
Guyyaa kana irratti Ummatnii hamilee dhaan deggersa WBOf kan oolu battala sa’a tokko hin guutne keessatti $56,000.00 (Doolara kuma Shantamii ja’aa ol) gummachee jira. Gumaachi kun galiiwwan Galgala Hawwisoo irra argame, $4,500, kan galii Tikeeta irbaaata WBO irra argame gara $10,000.00 ol, akkasumas galii gurgurtaa meeshalee adda-addaa irra bakka dirree kubbaatti taasifame irra argame utuu hin dabalatin ta’uun beekamee jira.

Bara kana Torban Oromoo miidhagsuu fi milkeessuu irratti qindoominni ABO fi OSFNA waliin godhame kan fakkeenya ta’uu fi kan nama boonsu ture. Qophiilee adda-addaa torban guutu deemaa turan keessa hanga danda’ametti kan ABO fi OSFNA akka wal-irra hin buune tattaaffiin taasifame qindeessitoota gama lachuun turan kan galata gudda isaanif taasisu ta’uun hubatame.

Qindoomina kanaan bakka Stadium OSFNAn wal-dorgommii Kubbaa Miillaa geggeessaa ture keessatti galii Waraana Bilisummaa Oromoof kan oolu meeshaaleen asxaa ABO qaban garaa garaa akka gurguramaniif ifatti kan buufata ykn Suuqi qabaachuun hayyamameef buufata ABO/WBO ture. Bifuma kanaan guyyaa 8 guutuuf (Haggaya 1 – 8) gurgurtaa meeshaa geggeeffatuun galii guddaa WBOf maddisiisuun akka danda’ame kanneen Koree Dinagdee WBO geggeessan addeewssan.

Sirni cufiinsa Kora Gamtaa ABO Amerikaa Kaabaa kan bara 2015 kan xumurame Jimaata Hagayya 7, galgala Hawwissoo Aadaa fi wallee warraaqsaan dhiichisaa Artistootni Oromoo hedduun irratti argamaniin ture.

Injifatnoo Ummata Oromoof!
ABOn Kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromooti!!
Koree Qindeessituu Kora Gamtaa ABO Amerikaa Kaabaa
Hagayya 8, 2015
Minneapolis/Saint Paul, Minnesota

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …