Oduu Haaraya

Gadaameessa Qabsoo

Aaruu,dhipachuu, gidiraa,rakkina,obsa dhabuu,jechaan,sammuun naanna,uu,harka qalina,dhugaan mo,amuu,ofiin gungumuu,maraatuma ayii nama dhiba. jaaalala dhugaa unatanii dhandhamachiisan, dhiisanii taa’uu. Ija dura fiigdi ,jaalala dhugaa love streat ,dhugaan jaallatanii utuu wal dharrahaani gargar cituun, nama dhiba kaayyoo ofii abdii daawitii jireeenyaa fiixaan bahuu hafuu, burqaan sammuu wixineen jalqabame utubaan jireenyaa bakkeetti haftee.nama gaddisiisa ;obsuun yeroon dheerannaan kaayyoo dhugaa dhiisanii callisuun baay’ee nama boossisa .Oromummaa hidda dhaloota koo hundee uumama koo ishee kan eenyummaa, gaaffiin deebii hin qabne yoo jiraate inni kun isa hangafa.kaayyoo Oromummaa kaayyoo uummatichaa saba bal’aa kana namni cinqamuu aariin waadamanii waxalamuu abdii kutachuu kanneen abdiin ta’u, kaan wal gurguru .qarshiif jedhanii, kannen dhugaa irratti du’u kanneen fakkeessanii bulu ittin jireenya soba garaa furdifachuu,dhugaa lammii bay’ee nyaachuu,safuu wallaaluu namni baay’een isaaf jechuun haftee anaaf jechuu baayisu salphina ! kun ummaticha keessa taa’ee xuxxuuxuu ,abdii kutachiisuu ,wal qoodinsa garaagaraa lagan, biyyaan, kun abaarsa dha moo maali?

Nama wallaalchisa, kaayyoon oromummaa fi eenyummaa koof har’allee bariillee hangan gaafan du’uutti qabsoo koo ittin fufa ,oromoonni baay’een jiraatanis abdii naa in kutachiisu. Kana jechuun koo oromoota bakka sadiitti qoodnee ilaaluu ni dandeenya.innis

1.Oromoo dharaa:kan oromoo hin taane ilmaan guddifachaa kan biyyee oromoo keessa taa’anii itti wal horani dhiiga ilmaan oromoo xuxxuuxanii fixani qabeenya abba biyyaa itti fayyadamanii quufuu dadhabani dhiiga barataa kan beektotaa xuxxuuxuutti ka’ani xannacha hidda gaarii keessatti dhalate “silmii” naga’aan hin jiru. haadha gaarii kan muchi ishee hin guune ,argatanii bonaaf ganna nyaatu. otuu hin qotatiin ,otuu hin aramiin nu gaha ni deemnaan hin jiru. lafa abbaaf haadha hin qabne argatanii warra akkasii funaannee qe’ee keenya biyya keenya keessaa baasuu qabna.

Muka cobaa qabuu kan midhaan keessa jiru aramaa ,muramee hin badu taanaan ,hin aramu tanaan midhaan ija tokkittillee hin argannu jechuudha . kun fakkeenya guddaa nuuf ta’uu danda’a. inni lammataa

2.Oromoo garaa: warra jedhamanidha.dhaloota badu osoo hin taane dhalatanii baduu jedha mammaksi biyya keenyaa .garaaf jiraachuu kaayyoo dhabuu kaan mana hidhaatti darbatanii garaa furdifachuuf jedhanii kaan hojjaa isaa irraa ar’achiisani bakkeetti hambisuu kanneen biyya abbaa isaa qabeenya isaa gadhiisisanii,ajjeesisuu,reebsisuu,kaan maraachisuu ofiif garaaf,udduu furdifachuu. salphoo akkasii nu irraa haa kaasu waaqayyo .kana irraa nu barari ya baraa jedhu mitiiree?inni sadaffaaniif inni dhumaa,

3. Oromoo dhugaa dha: abbaa seenaa, abbaa dhugaa, abbaa biyyaa, hidda kuush, abbaa qabeenyaa ,dhaloota har’aafis boruu fis yaadu.garraamummaan waaqeffattota uumamtoota waaqayyoo tokkichaa. dhala namaa dhugaa warra haqaaf jiraatu, kabajamtoota kaadhimamtoota oromiyaa baayee nama gammachiisu.handhuura abbaa seenaa warra kijiba hin beekne dhugaaf jiraatanii dhugaaf warreegaamuu, ajaa’iba uummata kanneen waliin hin lakkaa’amani garuu maal godhu anis jara keessaa tokkon ture imimmaan ija guutee, garaan dhuriirihee, obsa dhabee, boo’ichaan gadi taa’e, wayyoo ya garaa koo! Ayii! Ayii!

Qabsoo maal taate ?bo’uu hin qabduu? Boo’ichi sirraa hin eegamuu?ati bar nama guddaadha haati oromoonniif uummatni ishee baay’ee sirraa abdii qabdi jabaadhu! Qabsoon erga mana hidhaa gale wagga hedduu lakkoofsise jira . bara 1996 barataa jimmaa universittitti seera (Law) barachaa ture .haata’u malee waggaa lammaffaa isaatti dhuma bara 1997tti mana hidhaatti darbatamee taa’un isaa kaayyoofi maatiisaa barnoota saba isaa jijjiruf baay’ee abdii qaba ture har’a garuu haamileen waan cabde fakkaatee dhiiga ijoollummaa isaatiin erga gidiraa mana hidhatii galee waggaa 8 fixee jira. Biyyi dhaloota isaa godina qeellam wallaggaa magaalaa dambidoolloo ganda 04 keessatti kaniini dhalate. wagga hammaa kana yeroo mana hidhaa taa’u haati isaas, abbaan, isaas obbolaan, uummata dambidoolloof qabsoon du’eera .namni jiraachuu isaa quba qabu hin jiru garuu abbaan isaa obbo Fufaa Moosisaa yeroo hundaa waa’ee mucaa isaanii baay’ee garaa nyaata .ni boo’uu, wawwaatu ,waraabessi mucaa koo nyaate yuusuu dide beekaa koo furmaata oromoo anaa nyaatu jechaa obbolaansaa fi haadha isaaf obsa laatu turan.

Qabsoon yaada dhalli nama maatiin tokko dhala isaf yaadu caalaa saba isaaf yaada ,garraamummaan nama gorsuun gaafa namni gaddu gammachiisuun baay’ee beekamaa fi jaalatamaa ture . haa ta’u malee har’a mana hidhaatti nama gorsuun isa haa boochiftuu malee,guyyaan itti imimmaan isaa irraa dhiqamtu guyyaan tokko ni jirti jedhe ni amana ture. Guyyaan isaa gaafaa sanbata guddaati hunduu hirribaa ka’ee waariin qaama isaa dhiqata.guyyaan sun hidhamtootaaf guyyaa bashannanaati. kaan maatii isaafi fira isaa arga waan ta’eef guyyaa sana baay’ee jaallatu. Qabsoo fi hiriyyootii isaa baay’eef garuu guyyaa gaddaati. guyyaa iti gaaffiin sammuu cinqitu aariin wargaamaa cannaqaamaa onneetu waadama, guyyaan sun daftee hin deemtu.

Barri isaa qabssoon akkuma durii namoota isaa waliin oduu itti fufee jira<<elaamee ijjoollee qabsoon hadhooftuu dha ,baay’ee nama miiti, kaan mana hidhaatti darbattee, haadhas ,abbaas, dhowatti warra akka keenyaa ,dhuguman isiniin jedha oromummaan cubbuu dha/ laata moo? nuti maalidhaaballeessaan keenya? kaayyoon keenya kaayyoo sabaati? Maaliif akka warra kaanii mirga maatii keenya argachuu nuuf hin laatamnee?maaliif mirgi keenya sarbamaa?maaliif gaafannees deebii dhabnaa? Kun gaaffii koo yeroo dheeraati.maaloo naaf deebisaa moo gaaffii keenyatu sirrii miti?akka seera biyyattiti namni tokko mirga nyaachuu,dubbachuu ,mirga afaan isaatiin aadaa isaatillee guddifachuu qaba nuti garuu kana argachuu maaliif dhabna?maaliif sarbamna ,nama dhiba ,utuu wanti godhamuuf, wanti jedhan jiru akka itti godhaniif akka itti jedhan nama wallaalchisa jedhu mitiiree?jedhee lafa ilaaluu jalqabe.hiriyaan isaa kan wal jallataan universitii dha jalqabaani hanga mana hidhatti waluman jiruu caalaa: maal sitti fakkata qabsoo nu akka nama fakkessuu hin dandeenyu metii dhaaf warqee dhanis saba keenya hin gurgurruu. dhugaa qabannee dhuma deemna . Inni lmmataa immoo tokkummaa hin qabnu walin kaanee dabarsine wal lanna garaaf jiraachuu filanna , ni yaadatta yoo ta’ee ijoollee raga nurratti ba’aan sana nuu fakkata’ani ka’ani deebi’aan nu nyaatani soba raga nurraatti ba’aan argoo argataani oromummaa fi enyummaa dabarsani gurguran. malaan godha utuun gaafa sana meeshaa qabaadhe jiraadhe fudhadhe dhuman biyyoo of nyaachisa ture. maal godhu hidhamuun keenya furmata taate kaayyoon kenyaas utuu tate hafte . obsi sanyii turee, sanyiin haraamayaa univeristii Electirical inginering wagga 4 ffaa utuu baratu qabame dhufe yaada bilchataa nama umridhaanis isaan caccaluu ture obsuun waanta hunda caala abdii kutaachuun hin barbaachisuu dhugaan ni qallatti male hin badduu ykn hin dutuu hin dhabamtu waggaa dheeraaf cunqursamuu gidiraamuu ni dandeessi suni immoo amaluma qabsooti. me fudhadhaa ilaalaa barsisaa addunyaa kana irratti wallalaa dhabamsisaa haqaan si barsisaa, bekumsa horachiisaa ,mindaan isaaf kaffalamuu xiqqoo dha .garuu bu’aan isaa itti dhama’ee wallalummaa kessaa baasuu isaatti garaa isaa baay’ee gammada. bu’aan isaa isuma kanadha . Akkasumas hati ilmoo ishee gaafa deessu albatii isaa irra haqaa , gufuun dhahamte bute baate ni guddifatti .beeloftes, dheboottes dhala sheef abdii hin kutaattu ykn qottee boolla hin buuftu,dhaamaate beelofte dhuma guddifaatti sana dha bu’aan she kanaafuu nutiis abdii kutaanne obsa dhabuun nurraa hin eegaamu.matii gaarii kessatti gadheen akkuma dhalaatu beekuu qabna. Wantii inni guddaan tokkummaan bu’uura abdii kutaachuun nu hin barbaachisuu .

Utuma isaan mariataani sa’aatii laqana isaani gessenaan garaa kutaa kutaa tti galuu deemaan , nyaatan malee hin jiraataan jedhu mitiree kan dhalli nama nyaatuu ta’uu baatuus dirqaama jiraachuuf nyaachuun baarbaachisaa dha.har’aa guyyaan qabsoof deemaa jirti. baatii 3/sadii fi / guyyaa 26 tu isaa hafti warrii kanneen garuu yeroo baay’eetu isaan hafa. Garuu qabsoo fi waanti gaffi ta’uu baay’eetu jira qabsoon biyyaa fi maatii isaaf du’ee jira .obbolaan isaa fis akkasuma gaafa guyyaa mana hidhaati ba’uu akkaman godha , isaan deema ? isaan dhufaan jedha? hanga harra’atti jarrillee jitaachuu koo maal naan jedhu garuu yeroon xinnoon jirti yeroo baay’ee maalifaan mana ba’ee maaltu nama mijoofnan gala deebie jedhe ofiin gungumaa mana hidhaati ba’uu osoo hin taane har’aas booris sabni ko maal narra barbaada yoon mana hidhaati ba’ee warraa mana adabaatti hafaanif maal gochuun qaba ?

asii ba’ees maaltu na eggata? gaaffii isaa dhuma hin qaabnee dha kun samuu nanneessuu isa itti fufuu laqaanaaf gadii ta’ee yaadan waxalaame garaan osoo hin barbaadiin lama afaan kawwate gadi ba’e. Qabsoo baay’ee waan aruuf waan garaa isaa kessaa dubbate dhuma bafaata baay’ee kabajamaa jalltamaa dha hiriyaa isaa biraatti safuu bekaa afaan isaa keessa tasa wanti hamaan hin ba’uu yeroo baraataa ture hiriyaa jalaallee tokko ni qabaata ture lalisee hidhaatu gargaar baase, baay’ee issaa jallatti ishee yadaate waggaa saddet /8/ hanga har’atti eessa jirti? isaa hirranfatti laata ? lubbu dhanoo jirti? Laaliseef qaabsoon du’eera barbaadde barbaadde dhabdeetti. Inni garuu har’aa ille hin irranfanne sammuu akkasi fi obsa hamaa kana qabaachuu, kuni baay’ee ajaa’iba laalisee waalin yeroo turaan isheen waadaa seente qabdi hanga gaafan du’uu ykn dututti sirra gargar hin ba’uu jettetti dhuguma wadaa ishee ni egdi lata? Namam?
Guyyaan ni dhiiti, ni bariiti, beektonni fi baraattonni oromoo har’aas akkuma duraa hidhaamuu murtiin waggaa dheeraan yakka tokko malee itti murta’uu itti fufee jira dhaabi hin qabu . Qabsoon murtii isaa xumuraa jiraa dirqaamni itti lataamuus akkasuma waggaa saddetif ji’a ja’a fixuun baay’ee ulfaata .

Qabsoon mana hidhaati ba’uu osoo hin ta’inyaadni is baay’ee dha . Akkamitti beekaa oromoof barataa oromoo hidhaati bararuu dand’aa ? kana booddee akkamittis jiraachuu danda’a? gaaffii saba baay’ee akkamittin deebii laachisa essa dhaabadheen eessa dhaqeen , eenyuutu na duukkaa hirira ? deebie yoon hidhame hoo akkaman godha ? gidiraa bu’aa malee rabbi na haa olchuu gaaffii deebii sammuu nanna’uu guyyaan baatii isaa dhiyachaa dhuma jirti.

Hiriyyonni isaa imaanaa isaanii itti himaatani geggessuf karaa karaa ta’aani yaadaan ba’uu hiriyaa akkasi irraa gargar ba’uun baay’ee na gaddisisa garuu isaaf gaarii waanta ta’eef duwwaa callisaani imimmaan ijaa guutee kaan dhoksee bo’a kaan hudhaame yaadaan dhabama kana jiddutti qabsoon gara mana fincaaniti utuu ba’uu itti dhufee. malii maaliif yadaan badduu misirroon cidha demuuf jedha gala isaaf ta’u qopheessa fi malee mali maal taanan qoosaaf fakkeesse itti kolfa, aarees gammadees qabsoo irraatti namnu hin beeku bukkee gadi taa’ee imimmaan ija isaa keessaa dhaquu dhaquun gadi cob cob godhe ! maali maal taate ? dhirrii garaa deemati lencaa garaa kutaadhu ,bossee nu hin bossisin kun guyyaa gammachuu keenya hundaati hin beekamu furmaata karaa ke argaachuu akkaa dandeenyu ta’uus dand’a.Qalbeessa ture . sanyii :- ani walaaaloon sif qaba kana dhaggeffadhu bo’uu itti dhisi bashaanansisuuf ture , bo’icha irraanfaachisuuf, abdii itti laachuuf walaaloo cimaa hadhaa’e mi’awaa karaa itti agarsisa . walaaloo isaa eegalee sanyiin

Jalqaabe hin dhiisuu
Ittin fufa qabsoo
Bara jireenya koo ano takka hin teenye
Utuu utuu jedhu waggaa baay’ee darbe
Tasallee hin dhifne abdii koo muraa dhe
Dhaamsaa guddaan qaba ani sabaa kootiif
Silaa qaabsoo dhisnaan anoo baduu kooti
Gaffiinan jalqaabe xumureetaan dhiisa
Sila isaa irranfaannan ciruma badiisa
Ka’umsa koo ilaalee gaafuma xinxaalu
Inni anaf jalqaaba bu’aan isaa itti aanuu
Kanaafuu sabaako abdii hin kutinaa
Utuu utuu jettaani tasuma hin badinaa
Kanaaf inni guddan tokkummaan bu’uura
Kana ta’uu bannan tasa baduuf jirra
Jalqaaba koon kaasa bilisummaan farsaa
Daddafe arguu dhaaf qabsoo koon geggessa
Jedha adurren hantuutaan mana keessa
Jedha mana hidhaa keessa qabsoo dha maqaansa
Qabsoo biyyaa isaaf lubbuu isaa wareegsaa
Hamilee isaa guddaa nama ajaibsiisa
Sabaakoof jiraadhe adda koos guddise
Afaan koo ballisee human itti godhuuf
Lammummaaf dirqaama mirgaaf bilisummaa
Afaan oromoo dirqaama enyummaa
Mana ba’een deema qabsoo walabummaaf
Oromiyaa bilisomsuuf yeroonsa ammuma
Naaf milkeessi yaa waaq abjuun koo kanuma
Sobduun saba hin taatu itti fakkeessuuf malee
Jedhe mammakeera qabsoo fufaan illee
kanaaf dhugaa hin baana
Naaf milkeessuu hin dhiisiin abdii koo ijoollumma
Hanga har’aatti kan dhagadhe
Seenaa koo isaa dhugaa kanin irranfaadhe
dhugaan isiinif hima warri hin baraatiin
Gaafa guyyaa sana gafataamuuf jirtaani
Jedheen itti hima bakka dhaqee fiani
Nuti gowwaa miti kutaannee kaneerra
Imimmaan saba keenya nutti mul’aateera
Dhugaadhaaf jiraachuu narraa egaleera
kanaaf dhamsan qabuu ani saba kootiif
Of fakkachuu amantii godhati
Dhugaa dhaaf jiraadha bakka jirtaanitti
Iyyaa iyya dabarsaa bakka dhaqxanitti
Jedha abban kiyya kuni dhamsa koo ti
Gootni ko sabbonaa oromooti
Ergaamni koo inni guddaan lammii oromotiif
Tokkummaan jiraadhaa bakka jirtaanitti
Biyyaa bataani hin faca’ina
Hedduu isiin abdatu hati oromoota
Mo’ichaan hin galtu hin hin haftan biyyarra
Guyyaa darbuuf jiruu maaf abdii kutaanna
Dhaamsa beeka keenya maaliif hirranfanna
Goota hedduu qabdi haati oromoota
Kanaaf maaliif tessuu ka’aa nurraa lolaa
Jedhe abbome du’ee Naggaasee Waggii dha
Nuti abdiin teenya tokkummaan bu’uura
Ergaan isa cimaa dha goota oromoo dhaa
Kanafaan si faarsaa har’allee sabbonaa dha
Osoo kan beeknu maaliif irranfanna
Hidda kush ishe ganama kaane jabeessina
Jedhaaati qabsa’aa oromiyaan keenyuuma
Hedduu si yadaanna sin dagannee Ebbisa
Kanaafuu qabsoo jabaadhu abdiin keenya suma

jedhe Sanyiin yaada ergaa isa dabarsef. caalaan sirba jaallatti sagaaleen isaas baay’ee barede namatti tola .inni akka armaan gaditti sirba ebbisaan ergaa dabarfaate :-
Bacaaqii boraafaadheetaan
Dhakaatti hirkaadhe
Bosona oromiyaattaan gala
Qawwee koo fudhee
Kopheen lukaatti na dhume
Gufuun na dhahee
Biyyaa koon bilisomsadha
Wardiyyaa ta’ee
Ergaa cimaa qaba sirbisa kuni kana caala rakkaachuun, beela’uun ,gidiraamuu si qunnaamuu danda’a. garuu waanta nurra ga’uu ilaalee abdii kutaachuu hin barbachisu hammaa bu’aa dhamaane sana argaannutti kanuma dha galaan sif galasuu, lafa dhaqxuu hundumaattu milka’aa ta’ii adeemsa ke hundumattus namnille namuuma lafarra ejjetullee shakkii suutaan tarkaanfaadhuu aritii hin barbachisuu nunis nu yaadadhu dhaamsaa gababa caalaa irra ture

Qabsoon bo’uuf dhaggeffachuu irraa kan darbe deebii laachuu hin dandeenye ijii sadanuu dhiiga uffate jira ni hudhamani, gargar ba’uu nama jallatanirra ,foonin tokko , yaadan gaaffiin ,enyummaan,baay’ee ulfaata, boo’uu miti nama marachisa ,garuu maal godhure manni hidha shawaa Robit kan galuu simaachuu fi kessummeessuu kan ha baahu jedhaan baasuu rakkina mana hidha sana gidiraa fi rebicha dukkana fi qoree ifaa arguun hin jiru .kana kessa ba’uun wanta gudda dha .gumaachuun isaanis isuma kana duwwaa dha. Jalabultii gesse guyyaa tokko duwwatu isa hafe ,ba’e dhabamuuf , waregaama enyummaf kaffale dirqaama hidhaa isaa xumure dawwitii jireenya takka jedhe jalqaabuuf ergaa dhaamsaa isaatti laataame dirqaama xumuruuf abdii isaaniif kayyoo isaani galmaan gahuuf, bilisuummaa unachisuuf ,garaan isa xiqii qabaaate, jaraan yoo gargar ba’ee bo’ee gododunis furmaata akka hin taane beeke onnen dhikkifaatte, furmaata argaamsisuuf kufate kaate .Qabsoon akkuma maqaa isaa qabsaa’uu isa itti fufuu waan of akeekkachisee fakkataa gaafa fuula isaa ilaalaan

Jala bultii guyyaan dhuma geesse lakkomsaaf hundu garaa kuta kuta ti waal hammataani nagaadhaan wal gessisaani adeemaan. Qabsoon lakkawaame ha galuu malee iddoo cisaa isaa hamma gahutti waan tokko ille hin beekne ture.yaadaan onneen isaa garaa keessatti bilchattee bahuu bahuu jetti. Ofin gungumuu jalqaabe duddaan gadi ciisee ,amma anumatu gadhifamuuf jira yoo si hin gadhisnu naan jedhaan hoo malaan godha dhugaa natti hin fakkattu gaaffii baay’een sammuu cinquu hin hafne baay’ee ulfaata osoo oliif gadi yaada busee basuu sa’atiin irbaata ga’ee nyaachuufis afaan isaatti dhiga dhiga jedha ,dhisuuf garaan baay’ee bela’ee dhuma jira, humnumaan gadi ta’ee lamaan tokko afaan kawwate dhuma ka’e gara cisicha dhaqe duddaan gad haa cisuu malee hirribni gonkuma qabuu hin dandeenye dhakaan wagga saddeti (8) akka cisicha gaariitti tajajile ille har’aa quqququu jalqabde yaadaan waxaalamuu hiriyyota isaa irra gargar ba’uun asi ba’ee eessaan dhaqa ? maal gochuutu narra eegaaama ? maal yoon godheen gidiraa saba dhugaa irraa hambisuu danda’aa? warraa ijollummaan barnoota fi hojii isaani irraa hidhaan umrii gutuu itti murta’ee akkamitti gadhisuu dand’aa? angoo gadhisuu kaan qabuu enyuu? akkas yaaduu mana maraachuu wayya ituu irribni ija isaa walitti hin qabachisiin laafti bari’ee wardiyyaan ulaa tokkoffaa banaa jira ollaan bultee beeka akka itti buluu abbatu beeka sanyii Caalaa Qalbeessa har’aa garaa kutaachuu hin olle misirroo geggessuf waan kutaatani ka’aan fakkatuu Qabsoon waan akka rafee bule fakkate ija susuukummachaa gad ba’e harka fune jedhani nagaa wal gafaataani waliin gara mana fincanitti ya’aani ol debia’ani cire isaani nyaataani ulaa ulaa ilaaluu jalqabaani dhiirri dirqaama xumuraate ba’uuf qopha’ee ka’e osoo isaan waliin ta’ani taphachaa jiranu Qabsoo Fufaa Mosisaa tafachi silehonk tolo bile wuxa kan jedhamu sagaaleen dhagahaame . hunduu imimmaan isa calaale Qabsootti marmani bo’ichaan akka nama du’eetti geggessuufi ka’aani , hundu nib o.a garatu wadaame , obsa dhawwate, bo’aani geggessuun furmaata taate ilma abbaaf hadhaan tokko fakkatu mana bo’icha godhani,ni gadoodaani , wal gadhisuu didaani kana jidduutti sanyii akka nama warere ka’e ta’e <<maali? Maal gochaa jirtu ? gadhisaa haa deemu maaliif bossani bossiftu dhaqi agaa dhaqii nagaatti nutiis yoo lubbun jiraanne guyyaa tokko ni dhufna imimmanin hudhamaa kanuumaan wardiyyichi dhufee balbala bane gadi baase isaanitti balbala cufe kanuma dha gargar ba’uun wagga saddet gutuu ukkamamani ta’aani har’a waal dhabuun kan warra hafaani furmaatni maal tati egaa ykn du’aani ba’u ykn qabsoon furmaata sirba Bashadaa Hayiluu yadaattani cidha bara dhufuu abdii itti latti tasa bo’icha dhisaani of jajjabeessani , ni kutaatan yaadan tamsa’ani cidha bara dhufuu akka filmiitti dawwachuutti ka’ani abdi hin qaban turaani abdi isaani guddatte qabsoo taate Qabsoo Fufaa Mosisaa .

Qabsoon ba’ee qajelee wanti hundumtu isaaf haraa dha lammee dha lachuu du’aani ka’uu ummata isaa beekuuf abjuu dha .abjuu dhuma hin qabe du’aani ka’uu ajaiba ! Qabsoon waan ittin deemu waan tokko ille ofirka hin qabu hojii barbaaduun furmaata taatef. waanti hundumtu abjuu itti ta’us harka hin lanne. ba’aa gara gara baate qarshii funannachuu jalqabe dirqaama qarshiin guyyaan argaatuu xiqqaa waan ta’eef qorraa keessa buluun naamni baayyeen ilaaalchisa akka kashalabbee ta’etti ta’uu danda’a. garuu kana miti beeka rakkinni gabromfaate kayyoof dhama’aani bu’aani ba’uu hagabuu taa’uu rakkina ofi namni itti himataan dhabaamuu iyyaani birmannaa dhabuu waan itti baree fakkata warri mana hidhaatti hafani Qalbeessan Sanyiin yeroo isaa irraa gargar ba’aani kaasee yaada guddaa irra bu’aaniru haa ta’uu male qabsoon bilisummaa isaaniif fiduu danda’a ykn jireenya mataa isaatti deebi’uu danda’aa laata? kaan jedhus gaaffii sammuu isaani xaxu waan dhisuus miti garuu qabsoo dhaan waan jallataanif baay’ee gadduu hin olle.
Qabsoon magalaa shawa Robit kessa rakkachu hin hafne hojiin akka gaaritti nama hin argaamu, nyaatni illee homaa miti kaan qorraa fi ho’aa magalaa sana baay’ee itti ulfachus hin hafne. naannoo sa’a 12 keessa qabsoon qorii itti hammaanaan gara mana namatti siqe kadhate buluuf mana midhagaa kan dhagaa irra ijaaraame tokkotti ol gale afanuma isaanitiin asadiruny jedhe gaafaate jarriis wardiiyyaan isaani waan jala deemeef mana bukken qorqorro tokko keessa akka buluuf erga hayyamanif booda wardiyaa mana sani akka inni itti fufu itti himnan innis garaa guutuu dhaan gammadee fudhate wardiyaa mana nama ji’a tokkon qarshii dhibba lamaf shantama , baay’ee nama dhiba .bu’aa ba’iin mana sana mana fincaani micuu ,uffaata guyyaa guyyaatti micuu,mana kessaa fi dubasa kosii haruu ,guyyaa guyyaatti kan isaaf hin hafnee dha . nyaati isa illee ergaa sareen mana isaani quufte booda kan itti kennamu gidira fi bu’aa ba’ii hammana hin jedhamne ifaannan ,rukunnaan, akka sareetti dhanamuun ,waan akkaa arrabsoo sukkanneessaa , wardiyyaa ta’ee galee hojii fi arrabsoon , rebichi hammana hin jedhaamne irraa ga’aa turuus guyyaa gaafa baatii isaa ga’uu qarshii isa fudhaate akka lakkise deemu gaafatus kan isaaf kaffalaame reebicha ture. Bu’aan inni argaates bo’icha duwwaa ture . kanuumaan harkaa isaa duwwaa mana isaani gadi lakkise deeme . qaabsoon ni bo’ee ,ni wawwaate ,millaa isaatiin magaalaa sana gadi dhisee deemuuf murteffaate . baay’ee nama gaddisiisa ,dhaamaateen bu’aa malee . warraa safuu hin beekne , warra abbaa taayita,waaqa illee warra hin beekne ,baay’ee nama boossisa .

Qabsoon luka isaatiin deemsa itti fufe. Utuu deemaa jiruu yadaan gara biyyaa isaatti imaale . oromiyaa hundaatuu irraa nyaata, hundaatu irraa dhuga,isaa kanan alaagaa dha hin jettu ,isaa kaan jibbite ofirraa hin dhessitu, utuu afaan qabdii taate waa’ee gochaa ilmaan ishee irraatti rawwate ,kan sila alaagaa hunduuma kan guurte qaltu turte . maal godhu gaa jarri haadha gaarii muchii ishee hin guunee argaatani kan gammojji dha , kaabafi kibbaa dhufee irraatti wal hora . kaan immoo hammaa is a ga’uu irraa saame gale biyyaa isaa fi lammii isa ittin guddifaata, ittin misoomsaata . mee maqaalee fudhadhaa ilaala lafi ishee omisha baasuu hin danda’uu , dhagaa duwwaa ,baalli iji tokko irraatti hin dhalaanne , bokkaan iji tokko irraa bu’ee hin beeku ,waaqni illee kan aabaare irra gala gale fakkatti turte waggaa digdaamii shanin dura (25) .ummaanni ishee beelaa’ee lafa itti baqatu dhabe rakkachaa ture ., hongeen dararaamaa ture ,sana booda haadha garraamii argaataan OROMIYAA ,bonaf ganna nyaatu .hin araamna utuu hin cirraa hin jedhiin irratti wal horu har’’aa garu biyyaa isaani fudhanne yoo ilaalle Washingiteenii dc fakkatti .kun hundu garuu qabeenya ilmaan oromoo fi kan oromiyaa ta’uu hin irraanfaatiinaa . nama dhiba biyyaa isaani keessatti afaan oromoo haasa’uun haa turuusi maqaan kan kee oromoo fakkatee jennaan lafeen kee illee hin argaamu .
Qabsoon waan abjuu fakkaata dhugaa hadha’aa, kana keessa tahe yaadaan adeemmii isa itti fufe . ……………….

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *