Oduu Haaraya

Namnni mataa ofii bilisa hin baafnne nama biraa bilisa baasuu hin danda’u

Abdii Boruutiin

Haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo yoon ilaalu ykn itti yaadu waa baay’ee tu sammuu kiyya keessa deddeebi’ee akkan gadifageenyaan hubadhu na godha. Gaafiin ani yeroo tokko tokko ofuma kootiif kaasu: Sabnni Oromoo sabnni bal’aan akkanaa kan uummata guddaa qabu, kan qabeenya hundaa qabu, kan humnna guddaa illee horachuu danda’u maalumaaf qabsoon Bilisummaa isaa akka qancarte dha.

Beekumsa qabnna, qabeenya ormi illee hawwan qabnna, kan barate baay’ee qabnna, ormaa oli malee ormaa gadi hin jirru. Maalumaaf qabsoon keenya kun galii booddee otuu hing’in ture? Akkuma amanamu waliigalteen tokkummaa fida, tokkummaan ammo human uuma. Maaliif waliigaltee dhabneree? Maaliif tokkummaa fi humnna dhabneree? 

Gaafilee kanaaf deebii kennuun baay’ee ulfaataa dha. Otuu salphaa (simple) ta’e dhibdeelee keenyafuu qaata furmaanni argama ture.

Haa ta’u malee, akka ilaalcha kiyyaa itti, sababnni waliigaltee nu dhoowwe (dhabsiise) hundeen isaa mataa (sammuu) keenya bilisa baasuu dadhabuu natti fakkaata.

Mee waan kana ibsuuf akkasumas rakkoon isaan qabaachuu dand’an illee maal akka ta’e hubachuu dhaaf lammiilee Oromoo murna gara garaa itti hiree ilaaluun yaala. Kana ibsuu dhaafis akka natti tolu gara murna sadiitti hireen ilaala. Isaan kunis lammiilee Oromoo:

  • 1ffaa: Warra mataan (sammuun) isaanii bilisa hin ba’in
  • 2ffaa: Warra mataan (sammuun) isaanii bilisa ta’e garuu dhibbaa dhibbatti kan hin qulqullaa’in
  • 3ffaa: Warra mataa (sammuu) ofii bilisa baasani fi qulqulleessan, kan Oromummaan isaanii cimaa ta’e dha.

 

Asirratti wanni hubatamuu qabu sammuu bilisa hinba’in yoon jedhu sammuun isaanii rakkoo fayyaa qaba jechuu otuu hintaane waayee Oromoo fi / ykn QBO kana hubachuu dhaaf yaada fi ilaalcha isaanii sirreessuu qabu jechuu kooti. Jecha kanaan warrin aarse illee yoo jiraatan duraan dursee dhiifama gaafachuun barbaada.

Yeroo ammaa yeroo gaafiin mirga uummata Oromoo bakkee hundattuu bifa adda addaatiin ka’aa jirutti; Oromoon dammaqee dhimma ofiitii eyyachaa jirutti; uummanni keenya of baree diina fi fira isaa addaan baasee argetti; yeroo eenyummaan (Oromummaam) keenya guddachaa jirutti; aadaan keenya kan kufe ol ka’aa jirutti; yeroo Afaan keenya duula balleessaa diinni irratti godhaa ture keessaa ba’ee sadarkaa kana irra ga’etti; yeroo Qabsoon Bilisummaa Oromoo babal’achaa deemutti; Oromoon hunduu kanatti illee gammaduu qabanitti kan nama dinqu lammiileen tokko tokko har’a illee of baruu dadhabuu isaanii ti. 

Lammiileen akkanaa kun eenyummaa ofii hiraanfatanii, dhimma ofii dhiisanii dhimma alagaatii fi diinaatiif lubbuu ofii illee dhabuu kan barbaadani dha. Namoonni akkanaa har’a illee maqaa diinni jibbaan nuu baaseen deebisanii of yaamuu barbaadu. Kan nama gaddisiisu kan kana godhanii argamani illee jiraachuu isaanii ti.     

Jarreen akkanaa kun Oromummaa (eenyummaa) ofii dhiisanii Ethiopi’ummaa ykn abshummaa dhaan boonu. Kuni ammo ammam akka of hirraanfatani fi eenyummaa (dhaloota) ofii akka dagatan agarsiisa. Dhalootaan Oromoo dha ofiin jedhu malee warra sammuun isaanii abashoome (amaarome) dha. Kanaaf Afaan ofii kan dhalatanii ittii guddatan dhiisanii Afaan Amaaraa illee dubbachuu ykn barreessuu filatu. Lammiilee akkanaa murna tokkoffaa kanaa olitti kaase keessan galcha. Rakkoo guddaan murna kanaa rakkoo”eenummaa” ti.

Gaafii: Maaliif sammuun jara kanaa bilisa hinba’in ykn bilisa ba’uu dadhabe, maaliif akkana ta’u? jedhuuf deebii gabaabaa kennuun amma waan hin danda’amneef yeroo biraa itti deebi’ee sababa isaa gadifageenyaa fi bal’inaan ilaaluun yaala.

Lammiileen akkanaa kun mataan (sammuun) isaanii bilisa waan hinta’iniif waayeen Bilisummaa Oromoo hingaluuf; akka galuuf illee waan barbaadan hinfakkaatu. Yoo kana kan barbaadan ta’e tarkaanfiin duraa kan isaan godhuu qaban (kan isaan irraa eegamu) eenyummaa ofii beekuu fi kanatti amanuu dha. Seenaa ormaa irratti cichuu dhiisanii seenaa saba ofii dubbisuu fi baruu dha. Fira fi diina addaan baasanii ilaaluu danda’uu dha. Sammuu ofii bilisa baasuu fi qulqulleessuu dha. Yoo ofiif bilisa ta’an waayee bilisummaa saba ofii beekuu, hubachuu fi deeggaruu illee danda’u.

Karaa biraatiin ammoo lammiileen Oromoo warri dammaqan, of baran, fira fi diina addaan baasuu danda’an kan waayeen QBO galeef, kan kaayyoo kanatti amanan fi qabsoo kana deeggaran, kan ga’ee ofii gumaachuuf qophii illee ta’anii dha. Haa ta’u malee akka ilaalcha kiyyaatti lammiileen kun rakkoo tokko qabu jedheen yaada. Rakkoon kunis firoomaan, wajjin guddinaan, wajjin barachuu dhaan, naannoo fi kutaa tokko keessaa dhufaatii dhaan, akkasumas amantii dhaan ofitti wal dhiyeessuu, walitti siquu, wal barbaaduu, Oromoo biraa qoqqooduu – sababa kanaan kan ka’e Oromummaan (Obbolummaan) akka hin guddanne gufuu ta’uu dha. Lammiilee akkanaa kana ammoo murna lammaffaa kanaa olitti kaase keessan galcha. Rakkoon murna kanaa ammoo “hanqina Oromummaa” ti.             

Lammiileen murna kanaa kun fakkeenyaaf yoo Oromoota biraa wajjin taa’anii waayee Oromoo, waayee QBO haasa’an kaayyoo kanaaf akka waliin dhaabbatani fi qabsoo kana akka deeggaran dubbatu. Ga’ee ofii gumaachuu dhaaf warra qophii ta’anis natti fakkaatu. Garuu yoo gargara deeman wal hamachuu fi akkan kanaa olitti kaasetti wal qoqqooduu faashinii godhu. Kun dhukkuba haaraa dhalate ykn dhalachuuf deemu dha yoon jedhe waanan dogoggore natti hin fakkaatu.

Egaa kun dhukkuba ykn rakkoo sammuu isaanii keessa jiru waan ta’eef rakkoon akkanaa kun baduu qaba. Sammuu ofii qulqulleesuu tu isaan irraa eegama jechuu dha. Yoo kuni hin ta’in waliigalteen hin jiraatu; yoo waliigalteen hin jirre ammoo tokkummaa uumuun hin danda’amu. Yoo tokkummaan hin uumamnne humnis hin cimu, kan jiruu laafaa deema.

Lammiileen Oromoo kanan murna sadaffaa keessa galchu warra damaqina guddaa qaban, kan sirriitti of baran, kan sammuu ofii bilisa baasani fi qulqulleessan, warra ganda, naannoo, kutaa fi amantii dhaan Oromoon akka qoqqoodamu hin barbaadne, kan Oromummaa qofaatti amanani fi warra Oromummaan isaanii illee cimaa ta’e dha. Rakkoon murna kanaa”okkummaa“dha.

Maaliifan kana jedhe? Murni kun sammuun isaan bilisa ta’ee, qulqullaa’ee fi Oromummaan isaaniis cimaa waan ta’eef tokkummaa uumuun isaaniif rakkoo illee natti hin fakkaatu. Warra tokkummaatti amananii dha garuu eenyu wajjin tokkummaa akka uuman waan isaan rakkisuuf rakkoon isaanii kana ta’uu danda’a jechuun barbaade.

Murna lammaffaa wajjin tokkummaa akka hin uumnne amma murni kun sammuu ofii bilisa baasanii dhibbaa dhibbatti qulqulleessanii Oromummaa cimsanitti eeguu qabu. Kanaaf rakkoon murna sadaffaa yeroo dhaaf rakkoo tokummaa ta’a jechuu kooti. 

Lammiileen murna tokkoffaa keessa jiran warra murna sadaffaa keessa jiran wajjin waliigaltee uumuu dhaaf karaa dheeraa tu isaan hafa. Karaa dheeraan kunis: sammuu ofii bilisa baasanii eenyummaa ofii beekuu, kanattis amanuu, achumaan itti fufanii Oromummaa cimsuu, murna biraa wajjin waliigaltee uumuu, sana booda tokkummaa ijaaruu dha.  

Egaa akkuman kanaa olitti ibsuu yaale nuyi lammiileen Oromoo waayee QBO irratti mataan (sammuun) keenya gara gara yaada; ilaalcha adda addaa qabnna jechu dha. Yoo kuni tokko hinta’in, yoo sammuu keenya bilisa baafnnee waan waliin qabnnu fi waliin goonu waliin illee itti gallu tokkotti hin amanin waliigaltee godhuun rakkisaa dha. 

Kan hundi keenya waliin qabnu, kan waaqayyo dhalootaan nuu kenne eenyummaan “Oromummaa”dha. Kuni kafana miti ofrraa baafnnee lafa hin goonu, hin jijjiirrannu, ofirraa achi hin darbinu; xurii qaama keenyaa ti miti ofirraa hin dhiqnu. Uumam keenya jijjiiruu hin dandeenyu jechuu dha. Sammuu keenya qulqulleessinee kana itti amanuu qabnna. Yoo kanatti amanne Oromummaa keenya cimsina; yoo kuni cime ammoo waliigalteen salphaa (simple) ta’uu danda’a. Sana booda tokkummaan ofiif dhufa. Tokkummaan yoo ijaarame ammoo humnni keenya akka cimu mamiin hin jiru. Yoo humnna keenya cimsine Bilisummaan uummata keenyaa fi Walabummaan biyya keenyaa dafanii dhufu danda’u. Oromummaa → Waliigaltee → Tokkummaa → Humnna → Bilisummaa fi Walabummaa

Yoo mataa keenya bilisa baafnne uummata keenya bilisa baasuu dandeenya. Kanaafan mata duree barruu kanaa irratti namnni mataa ofii bilisa hinbaafnne nama biraa bilisa baasuu hin danda’u jedhe. Hundeen waliigaltee keenyaa bilisummaa mataa (sammuu) keenyaa ti jechuu kooti.

Barruu kiyya kan har’aa otuun hin xumurin dura waan tokko isin yaadachiisuun barbaada. Kanaan dura barruulee gara garaa:

  • Maaliif kan dbre irraa hin baranne? (kutaa lamaan)
  • Booda akka (itti) hin gaabbine
  • Guddina Afaan Oromoof maaltu godhame, maaltu godhamaa jira, maaltu godhamuu qaba?

Kan jedhan barreessuun kiyya ni yaadatama. Barruulee kanas dubbisuu dhaaf carraa akka argattan nan abdadha. Barruulee kana ilaalchisee gaafiis ta’ee yaada biraa yoo qabaattan; yoo balleessi keessa jiraate akkan gara fuulduraa qajeelchuu danda’u, yaadni hir’uu ta’e illee akka guutamu, akka wal gorsinu fi wali irraa barannu yaada keessan teessoo emailii kiyyaa kanaa gadii kanatti akka naa ergitan kabajaan isin gaafadha. Oromummaan haa guddatu. 

Amma walitti deebinutti nagaan turaa.

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *