Oduu Haaraya

Hayyoota Oromoo guutuu Pilaanetii ‘Lafa’ jedhamtu kanarra jiraattan maraaf!

 

Qorannoon mata duree ‘XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO jedhu kun taajjabbiifi qeeqa magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee marsanii jiran keessatti manneen daldalaa garaagaraa Qubee sirrii Afaan Oromoo gargaaruu dhabuusaaniitiif akka sirreeffataniif taasifamedha.

Hayyoota Oromoo!!  Afaan keenya afaan saba Miliyoonota hedduutiin kan dubbatamaa jiru ta’uun waan ifa jiru. Haata’u malee akka afaan kun miidhaginasaa gatuuf beeksisaafi Taappeellaawwan manneen daldalaa garaagaraarratti barreeffamanii jiran waan afaan keenya quucarsaa jiran ta’uu akka ogeessaafi barataa afaanii tokkootti qeequun waan narra jiruuf qeeqeera.

Haaluma kanaan gudunfaan armaan gaditti siniif erge kana hiiktanii akka gadi fageenyaan dubbistan abdiin qaba.  Warreen carraa marsariitii (website) garaagaraa qabdanis akka irratti gadi lakkistaniifi Oromoo ta’ee nama muuxannoo kana fuudhatee rakkoo kana maqsuu barbaadu maraaf akka dabarsitan haata’u.

Hayyoonni magaalaa Oromiyaa keessa jirrus namoota dogoggoraa Afaan Oromoon taappeellaa barreessuun afaan keenya akka burjaaja’u taasisan kana akka qajeelchinuufi gargaarsa ogummaa goonee biiroo aadaaf turizimii naannichaa faana akka heera mootummaa jiruutiin akka qajeelchinuuf dhaamsa Oromummaan dabarsadha.  Akka heera qabnuutiin Oromiyaa keessatti maxxansi kamuu kan dhabbatu Afaan naannichaatiin ta’uu beekna laataa? Kanaafuu yeroo afaan keenya akkas waliin laaqamu kana teenyee ilaaluun sirriidhaa?

Hanga Qorannoo dabalataatiin torban kana keessa deebinee wal arginuutti nagaan isiniif hawwa.

Hubadhaa!  AFAAN SABA GUDDAA GUDDAADHA!”

Beekan Gulummaa Irranaa Mardaasaa
PhD Candidate, Documentary Linguistics and Culture
Addis Ababa University
Email:  beekanguluma@gmail.com
             Skype name:  misganu.guluma
Face book. facebook.com/beekan,guluma   or
                             beekan.guluma@facebook.com
          Tel.          +251(0)911074437
                          +251(0)0939508211

 

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …

One comment

  1. Jabaadhaa walumaan jirra