(QAMALEEN ABBAA HARBUU ARI’ATTE) | May 13, 2014
Ummanni Oromoo erga bara Minilikiin cabee gabrummaa jalatti kufee kaasee salphina hiriyaa hinqabne keessatti argama. Salphinni mootummaa amma aangorra jiruun irratti raawwatamaa jiru ammoo kan hundumaa caalu akka ta’e waan ijaan argaa jirruuf ragaa tarreessun barbaachisa natti hinfakkatu. Oromoon Bar Dhibbee 21ffaa kana keessa Adunyaa kanarratti ummattoota gabrummaa jalatti hafan qubaan lakkaawwaman keessa’is isa gudaadha.
Hidhaatti guurramuun, dararamuun, qaamaa hir’achuun, sammuu laamsha’un, hukkaamfamani dhabamuun, doorsifamuuf mirga ofii akka hingaafane maqaa shororkeessummaatin moggaafamuun, qee ofirratti ajjeefamuun, lafarraa buqqa’un baqaataa ta’uun, biyyaa ari’amuun,……Minilikirraa kaasee mootummota biyyatti bulchaa turan hundumaanu kan raawwatamma ture yoo ta’u gochaa kanneen hundumaa dachaa hedduun kan caalu garuu shiftaa amma mootummaa ofiin jedhu kanaan raawwatamaa jira. Oto rakkinoota kanniin hintuqin fiigetumaa dubbi nakaasetti darbuun rakinnoonni kunniin akka hinjirretti akkan ilaale akka najalaa hinfakkaaneff malee yaadni koo kana ibsuu miti.
Dubbiin amma harkaa qabnu dubbii Finffinneeti, dubbii ilmaan Oromoo murtii lafa Oromiyaa naannoo Finfinneerratti murtaa’e balaaleffachuuf harka duwwaa hiriira bahanii qe’e saanii keessatti duguginsi sanyii irratti raawwatameeti. Dubbii ariitidhaan Oromoon yoo ofirraa faccisuu (revers gochuu) dadhabe jireenya biyya Oromiyaa jedhamtufii ummata Oromoo jedhamu qoruudha. Kuni ammoo dubbii hirriba nama dhoorku, garaa nama waaddu, mataa nama naannessu, qaama nama suukannessuudha.
Mootummaan TPLF erga masaraa Minilk qabatee maqaa misoomatiin Finffinneen eessaa kaatee eessa akka geesse dhaloota haar’a kana yoo ta’e malee kuuwwan keenya miidhaksinee beekna. Bara jalqaba “misoomni” manaa (real-estate) jaarmiyaa Hayaat jedhamuun jalqabamu Oromoota naannoo Kotobeetu lafarraa buquffame. Ummata sana walitti qabanii akka lafa sana gadi dhiisani sokkan yoo itti himan maanguddoon tokko akkas jedhee abaare. Hunda hinyaadadhu,
“Qeerraa nubuqqiftu, hundeen keessan lafarraa yaa buqqa’u
Yoodeemtan bubbee ta’aa, faanni keessan lafa hindhaabbatin,
Yoo teessan gurchu ta’aa qucaraa hafaa,
Yoo ciiftan reeffa ta’aa, goggogaa hafaa……….” jedhee imimmaan isaa harcaasuun qee itti dhalatee daa’imummaa keessa itti burraaqee guddatee, keessa jiraatee daa’imman itti horee guddise gadi lakkisse sokke. Araddaan suni guutuun akkasumatti buqqifamee bade. Eessa qubatani? Maal argatani? Maaltu irra ga’ee? Lubbun jiru moo dhumani? Warra rakkoon suni irra gahe malee namni biraa kan quba qabu nijira natti hinffakkatu. Yeroo san odeeffannoon suni SBO tti ergamee qilleensarra ooluu isaa barreessan kuni niyaadata. Kan sana darbe waa tokko akka hinraawwataminis quba qaba.
“Qeerraa nubuqqiftu, hundeen keessan lafarraa yaa buqqa’u
Yoodeemtan bubbee ta’aa, faanni keessan lafa hindhaabbatin,
Yoo teessan gurchu ta’aa qucaraa hafaa,
Yoo ciiftan reeffa ta’aa, goggogaa hafaa……….” jedhee imimmaan isaa harcaasuun qee itti dhalatee daa’imummaa keessa itti burraaqee guddatee, keessa jiraatee daa’imman itti horee guddise gadi lakkisse sokke. Araddaan suni guutuun akkasumatti buqqifamee bade. Eessa qubatani? Maal argatani? Maaltu irra ga’ee? Lubbun jiru moo dhumani? Warra rakkoon suni irra gahe malee namni biraa kan quba qabu nijira natti hinffakkatu. Yeroo san odeeffannoon suni SBO tti ergamee qilleensarra ooluu isaa barreessan kuni niyaadata. Kan sana darbe waa tokko akka hinraawwataminis quba qaba.
Erga gaafasiiti kaasee Oromoon daangaa Finffinnee keesa jiraatu ta’e godina adaa naana’a Finffinnee fii saniin alarree jiraatu qee saarraa buqqifamee ari’amuun gochaa gyyyuu raawwatamaa ooluu akka ta’e beekkama. Manneen meeqa akka manca’an maatiin meeqa akka faca’e namni beekus, himus hinjiru. Hundi keenyayyuu hidhii xuuxurra dabarree wanti hojjenne waan hinjirreef.
Warra raawwatuuf kana galmeessuun yeroo “misooma” saanii balleessuun barbaachisaa miti. Ajandaan saanii ummaticha buqqisanii laficha fudhachu malee wayee warra buqqifamee miti. Seenadhaaf, siyaasadhaaf, bara barri jijjirame yakkamtoota kana seeratti dhiyeessuuf,… warra hubaatiin suni irra gaheefi hawaasa oromoo dhugaa saa barbaadaa jiruuf garuu baayyee barbaachisaa ture.
Wanti qabatamaatti beekkamu, Oromoo kumoota kurna hedduu qeerraa buqqifaman keessaa kan humna qaban magaalaa Finfinneefi magaalota naannoo jiranitti baqatani dhakaa baachaa, simintoo bukeessaa gamoowwan warra sooriyi Tigraayi ijaaru. Mindaan argachaa jiran guyyaatti altokko quufanii nyaacuuf gahaa waan hin taaneef hojjachaa du’aa wajjin qabsoo keessa jiru jechaadha. Kuuwwan ammoo waardiyyaa ta’uun karra sooreyyii kanaa eegaa jiraatu. Shamarrannis balaa kana jalaa hinbaane. Hedduun saanii akkuma warra dhiiraa dhakaa baatu, simintoo bukeessuu-hojii guyyaa hojjatu jechaadha. Kan hafan ammoo hojjattu manaa ta’anii soorrii kana kunuunsaa jiraatu.
Kana hubachuuf Finfinnee iddoowwan humni namaa itti bardaamu (iddoowwan gabaa namaa jedhamuun beekaman) garaa garaa dhaqanii laaluun nidanda’ama. Ilmi namaa akka guca(daamotii) birraa gurguramuu saniitti karaa gubbaatti yaa’ee ijaajjuun hojii eeggata. Kuni egaa iddoo tokko oso hinta’in lafoota mijatoon gandoota adda addaa keessa jiran hundumtuu gabaa namaati. Namnii waa hojjachuuf humna namaa barbaade gabaa san dhaqee akka meeshatti haree deemaan jechuudha. Har’a Oromoon ala miseensi saboota biraa hojii guyyaa yoo hojjatan hinmul’atan, yoo jiraatanirree hudduu xiqaadha. Maanguddoonni humna hinqabne aadaa salphaa olloota keenyaa fudhatanii kadhaatti bobba’uf dirqamanii jiru. Wanta hanga ha’rraatti saba kana keessatti hinmullanne nama afaan Oromoon kadhatu karaarratti dhagahuun baratamaa dhfee jira. Saba guddaa biyya sooreetti qabuu kanaa salphinni kana caale jiraa laata?
Oromoo Finffinneen dhiiga Oromoo dhuguu erga jalqabdee waggoonni dhibba lama guutuuf deemaa. Dhiigini kuni garuu diina achi irraa siiksuu hindandeenye.Oromoon qoncooraa dinni baballachaatuma deemu. Mee bu’ura daba kanaa wajjin haalaallu.
Oromoon Tuulamaa keessattu kan daangaa Amaaraa qubatan weerara itti aggaammamaa ture ofirraa qolachaa daangaa Oromiyaa tiksaafii kabachiisaa bar-dhibbee hedduu jiraate. Yaata’u malee gara wadhakkaa bar-dhibbee 19ffaa keessa meeshaa waraanatiin caalamee gidiraa guddaan irra gahuu jalqabee. Mootummoonni Amaaraa Oromoota olaa jiran irratti olaantummaa meeshaafii gurmuu (meeshafii gorsa warra Auroopaa raa ) erga argatanii boodaa gara handhuura Oromiyaa lafa jiidhaa Finfinneeti duuluu karoorfatani. Akka kanaan gochaa suukanneessaa waggoota 170 dura(1843-1844 keessa) Oromoo Ekkaa, Gullallee , Galaanifii Meettaarratti raawwatan seenan akkaa kanaa gadiitti kaa’a.