Ummanni Oromoo Dhugaa namaa dabsuuf, haqa namaa sarbuuf qabsaawaa hin
turre, qabsaawaas hin jiru, Oromoon haqa isaaf qabsaawaa ture. haqa
isaaf qabsaawaa jira. Kan dhiigni ilmaan Oromoo kumaa kitilaa
dhangalahaa jiru haqa ummanni Oromoo akka sabaatti dhabe deebisuuf
malee akka iccitiin biraa hin jirre eenyufuu ifaadha. Qabsoon kun
ammoo amma mirgi abbaa biyyumma, walqixummaa fi bilisummaan Oromoo
kabajamutti kan itti fufu ta’uunis akkasuma ifaadha.
Qabsoon keenya, qabsoon haqaaf , wal qixxummaaf, mirga abbaa
biyyummaa keenya kabachiifachuuf taasifnu kun, akka argaa fi dhagahaa
jirru baayyeen keenyas akkuma irrattis hirmaachaa jirru sadarkaan
har’a irra jiru akkaan boonsaa fi abdachiisadha, diina rifaasisee
lammii gammachiisaa jira. Dhiigni gootoota keenyaa, lafeen ilmaan
Oromoo akka bade hin hafin ragaa bahaa jira. Injifannoolen gurguddoon
galamaahaa, qabsoon keenya barootaaf itti dhiignee fi itti cabne firii
naqachaa jira. Qayeen gabroonfattootaa, qayeen saamtootaa barbadaawaa
fi dukkanaawaa qayeen Oromtichaa ammoo ifaa jira. Qayeen Oromoo
saamtootaa fi ergamtoota irraa qulqullaawaa jira.
Har’a diinni keenya kan waggoota 25n darbaniif nu garoonfata fi
nujjeesaa, kan nu hidhaa fi nu saamaa turte wayyaaneen FXG ummanni
Oromoo gaggeessaa jiruun dhiphuu hamaa keessa jirti. Dhiphuu hamaa
kanarraayis kaatee gutummaa Oromiyaa keessatti waraana ishii
Aga’aazii bobbaaftee dhalataa Oromoo dhiiraa dubartiin , xiqqaa
guddaan jumlaan fixaa jiri. Keessumaa erga FXG gutmmaa Oromiyaa
keessatti finiinee ka’ee as wayyaaneen waraana ishii ajjeechaa
muxeeffate aga’aazii bobbaaftee ajjeechaa fi dararaan raawwataa
jirtu akka malee hammaateera. Baatilee 11n darban keessatti qofa
osoo ajjeechaa jumlaa Hora Arsdiitti onkololeessa 2 bara 2016
raawwatte hin dabalatin namoota 1000 ol dhukaaftee fixxee jirti. Kan
onkololeessa 2 bra 2016 hirmaatoota ayyana irreecjhaa irratti
raawwatte ammoo akkaan sukanneessaa fi kan amma ammaatuu lakkoofsi
isaa adda hin bahin yoo xiqqaate namoota dhibba 500 ol ta’uudha. Kan
Ergasii asiyiis guyyaa guyyaan dhumaa jiran ilmaan Oromoo hanga hin
qaban.Kanneen mana hidhaatti manakaraaraa jiran hayyoonni Oromoo
danuudha. Biyyaa kan baqatan, kanneen bakka buuteen isaanii dhabame
akkasuma manni haa lakkaawu. keessumaa yeroo ammaa kana gutummaa
Oromoomiyaa keessatti duguuginsi sanyiiti wayyaaneedhaan ummata
Ooromoo irratti raawwachaa jira. Ajjeechaan jumlaa, Namoota
ukkaamsanii essa buutee dhabamsiisuun akka sirnichaan akka fala
xumuraatti fudhatameera. Qabeenya Oromoo saamuunis kan yeroo kamiituu
caalaa babbalatee jira. Walumaa galatti yareeoo ammaa kana sochii
wayyaaneen bara bittaa fi saamichaa dheereeffachuuf taasiftuu fi
FXG ummanni Oromoo murna tanarratti gaggeessaa jiruun impaayeerri
Itiyoophiiyaa dhiphuu hamaa keessa jirti jechuutu danda’ama.
Ummanni Oromoo ajjeechaa, hidhaa fi darraaa akkasumas saamicha
wayyaaneen barootaaf gaggeessaa jirtu kana ofirraa kutuuf fincilarra
jira. Fincilli kun akkuma dirreetti muldhachaa jiru firii naqachaa
saboota biraafuu fakkeenya guddaa ta’aa jira. Wayyaaneen waan qabduu
fi gadi dhiiftu wallaaltee ajjeechaa jumlaa raawwchaa jirti, kan fagoo
dhiifne ajjeechaa jumlaa nama nagahaan irreeffannaaf baheerratti
dhukaasa banteen yakka sukanneessaa Bishooftuu Hora arsadee irratti
onkoleessa 2 bara 2016 gaggeessitee yoo kaafnee ilaalle ammam akka
badii kutatte ifatti muldhisa. Qarqara boollaa gahuu sirnichaa
argisiisa. Qabsoon ummata Oromoo FXG egalle akka bara garbruummaa
nurraa kutuuf dhihaate muldhisa. Osoo ajjeefamnuu .. osoo hidhamnuu
akkuma eenyuyyuu ragaa bahuu danda;utti balbala bilisummaarra
geenyeerra.
Onkolooleessa 2 bara 2016 qeerroom dargaoonni kutatoon lammii
isaaniif dhaabbatan, kan seenaan isaan hin daganne, waltajjii
wayyaaneen irraa holooluuf qopheeffatte Bishooftuu Hora Harsadeetti
argamuun daawoon daawoon TPLF, daawoon …wayyaanee jedhaniiru. Qabeenya
diinaa gubuun, lukkeelee wayyaanee miseensoota OPDO fi kanneen biroo
irratti tarkaanfiin WBO fi qeerroon fudhatamaa ergamtoonniis
Oromiyaa keessaa baqachaa jiru. Kanneen akka Fayyisaa Leellisasaa fi
atleetonni biroo ammo akkuma hunduu quba qabnu ennaa olompikii Riyoo
Dabalatee ennaa iddoo gara garaatti kaatanii injifatanii galanitti
dhugaa Oromoon qabu addunyaa hubachiisuun seenaa dalaganiiru.
Dalagaas jiru. Kan sabboontoota Artiistoota Oromoo ammoo silaa
lakkaawamee hin dhumu. Hawaasi Oromoo biyya alaas achittis lukkeeleen
wayyaanee dhabamuu baataniis hojii deeggarsaa, hojii dippiloomaasii
lakkaawwamee hin dumne raawwachaa jira. Walumaa galatti alaa-manatti
qabsoon ummata Oromootin wayyaanee irratti gaggeeffamu cimeera, gara
balabala bilisummaatti kalaayeera. Caalaatti cimuus qaba. Akkuma “
ilkaan socho’e osoo hin buqqaane hin hafu” jedhamu san, sirni
Wayyaanee buqqayee baduuf qaraqara gaheera. Mootummaan faashsitiin
nufixaa bahee fi jiru kun sochiin isaa ammaa martuu sochii abdii
kutannaa ta’uu ifatti mirkaneessaa jira. Haata’uutii dadhabaa jira,
ykn dadhabee jira jennee daqiiqaaf of dagachuu hin qabnu, qabsoo
keenya FXG bakkayyuttuu fininsinee itti fufuu qabana. Holola
riifoormii jettee Wayyaaneen odeessitu kamuufuu gurra kennuuraayis of
eggachuun akkaan barbaachisaadha. Alaa manatti irreen keenya tokko
ta’ee qabsoo ummanni keenya irratti dhiigaa fi dararamaa jiru kana
firii itti horuun dubbii Fardiidha! Kan gabrummaa jalaa nubaasee
bilisummaa nu gonfachiisuus isuma///
IUOf!
Check Also
OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA
Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …