Oduu Haaraya
irreechaa 201609022

Hidhamaa fi Ajjeefamaatuma  Balbala Bilisummaarra Geenyeerra.

Ummanni Oromoo Dhugaa namaa  dabsuuf, haqa namaa sarbuuf qabsaawaa hin
turre, qabsaawaas hin jiru, Oromoon haqa isaaf qabsaawaa ture. haqa
isaaf qabsaawaa jira. Kan dhiigni ilmaan Oromoo kumaa kitilaa
dhangalahaa jiru  haqa  ummanni Oromoo akka sabaatti dhabe  deebisuuf
malee  akka  iccitiin biraa hin jirre eenyufuu ifaadha. Qabsoon  kun
ammoo amma  mirgi abbaa biyyumma,  walqixummaa fi bilisummaan  Oromoo
kabajamutti kan  itti fufu ta’uunis akkasuma  ifaadha.
Qabsoon keenya, qabsoon  haqaaf , wal qixxummaaf, mirga abbaa
biyyummaa keenya kabachiifachuuf taasifnu kun, akka argaa fi dhagahaa
jirru baayyeen keenyas akkuma irrattis hirmaachaa jirru  sadarkaan
har’a irra jiru  akkaan boonsaa fi abdachiisadha,  diina rifaasisee
lammii gammachiisaa jira.  Dhiigni gootoota keenyaa, lafeen ilmaan
Oromoo akka bade hin hafin ragaa bahaa jira.  Injifannoolen gurguddoon
galamaahaa, qabsoon keenya barootaaf itti dhiignee fi itti cabne firii
naqachaa jira. Qayeen gabroonfattootaa, qayeen saamtootaa barbadaawaa
fi dukkanaawaa qayeen Oromtichaa  ammoo ifaa jira. Qayeen Oromoo
saamtootaa fi ergamtoota  irraa qulqullaawaa jira.
Har’a diinni keenya kan waggoota  25n darbaniif nu garoonfata fi
nujjeesaa, kan nu hidhaa fi nu saamaa turte wayyaaneen FXG ummanni
Oromoo gaggeessaa jiruun   dhiphuu hamaa keessa jirti. Dhiphuu hamaa
kanarraayis kaatee  gutummaa Oromiyaa   keessatti waraana ishii
Aga’aazii bobbaaftee  dhalataa Oromoo dhiiraa dubartiin , xiqqaa
guddaan  jumlaan fixaa jiri.  Keessumaa erga  FXG  gutmmaa Oromiyaa
keessatti finiinee ka’ee as  wayyaaneen  waraana ishii ajjeechaa
muxeeffate aga’aazii bobbaaftee  ajjeechaa fi dararaan  raawwataa
jirtu  akka malee hammaateera.    Baatilee 11n darban keessatti qofa
osoo ajjeechaa jumlaa Hora Arsdiitti  onkololeessa 2 bara 2016
raawwatte hin dabalatin namoota  1000 ol dhukaaftee fixxee jirti.  Kan
onkololeessa 2 bra 2016  hirmaatoota ayyana irreecjhaa irratti
raawwatte ammoo akkaan sukanneessaa fi kan amma ammaatuu lakkoofsi
isaa adda hin bahin yoo xiqqaate namoota dhibba 500 ol ta’uudha. Kan
Ergasii asiyiis guyyaa guyyaan dhumaa jiran ilmaan Oromoo hanga hin
qaban.Kanneen mana hidhaatti manakaraaraa jiran hayyoonni  Oromoo
danuudha.  Biyyaa kan baqatan, kanneen bakka buuteen isaanii dhabame
akkasuma  manni haa lakkaawu. keessumaa yeroo ammaa kana  gutummaa
Oromoomiyaa keessatti duguuginsi sanyiiti wayyaaneedhaan  ummata
Ooromoo irratti raawwachaa jira.  Ajjeechaan jumlaa, Namoota
ukkaamsanii  essa buutee dhabamsiisuun akka sirnichaan  akka fala
xumuraatti fudhatameera. Qabeenya Oromoo  saamuunis kan yeroo kamiituu
caalaa babbalatee jira. Walumaa galatti yareeoo ammaa kana sochii
wayyaaneen bara  bittaa  fi saamichaa dheereeffachuuf  taasiftuu fi
FXG ummanni Oromoo murna tanarratti gaggeessaa jiruun  impaayeerri
Itiyoophiiyaa  dhiphuu hamaa keessa jirti jechuutu danda’ama.
Ummanni  Oromoo ajjeechaa, hidhaa fi darraaa   akkasumas saamicha
wayyaaneen barootaaf gaggeessaa jirtu kana ofirraa kutuuf  fincilarra
jira. Fincilli kun akkuma  dirreetti muldhachaa jiru firii naqachaa
saboota biraafuu fakkeenya guddaa ta’aa jira. Wayyaaneen waan qabduu
fi gadi dhiiftu wallaaltee ajjeechaa jumlaa raawwchaa jirti, kan fagoo
dhiifne ajjeechaa jumlaa nama nagahaan irreeffannaaf baheerratti
dhukaasa banteen yakka sukanneessaa Bishooftuu Hora arsadee irratti
onkoleessa 2 bara 2016 gaggeessitee yoo kaafnee ilaalle ammam akka
badii kutatte ifatti muldhisa. Qarqara boollaa gahuu sirnichaa
argisiisa. Qabsoon ummata Oromoo FXG egalle akka  bara garbruummaa
nurraa kutuuf dhihaate muldhisa. Osoo ajjeefamnuu .. osoo hidhamnuu
akkuma eenyuyyuu ragaa bahuu danda;utti balbala bilisummaarra
geenyeerra.
Onkolooleessa 2 bara 2016  qeerroom dargaoonni kutatoon lammii
isaaniif dhaabbatan, kan seenaan isaan hin daganne,  waltajjii
wayyaaneen irraa holooluuf qopheeffatte Bishooftuu Hora Harsadeetti
argamuun daawoon daawoon TPLF, daawoon …wayyaanee jedhaniiru. Qabeenya
diinaa gubuun, lukkeelee wayyaanee miseensoota OPDO fi kanneen biroo
irratti tarkaanfiin  WBO fi  qeerroon fudhatamaa  ergamtoonniis
Oromiyaa keessaa baqachaa jiru.  Kanneen akka Fayyisaa Leellisasaa fi
atleetonni biroo  ammo akkuma hunduu quba qabnu ennaa olompikii Riyoo
Dabalatee  ennaa iddoo  gara garaatti kaatanii injifatanii galanitti
dhugaa Oromoon  qabu addunyaa hubachiisuun seenaa dalaganiiru.
Dalagaas jiru. Kan  sabboontoota Artiistoota Oromoo ammoo silaa
lakkaawamee hin dhumu.  Hawaasi Oromoo biyya alaas achittis lukkeeleen
wayyaanee dhabamuu baataniis hojii deeggarsaa, hojii dippiloomaasii
lakkaawwamee hin dumne raawwachaa jira. Walumaa galatti alaa-manatti
qabsoon  ummata Oromootin wayyaanee irratti gaggeeffamu cimeera, gara
balabala bilisummaatti kalaayeera.  Caalaatti cimuus qaba. Akkuma “
ilkaan socho’e  osoo hin buqqaane hin hafu” jedhamu san, sirni
Wayyaanee buqqayee baduuf qaraqara gaheera.  Mootummaan faashsitiin
nufixaa bahee fi jiru kun  sochiin isaa ammaa martuu sochii abdii
kutannaa ta’uu ifatti mirkaneessaa jira.  Haata’uutii  dadhabaa jira,
ykn dadhabee jira jennee daqiiqaaf of dagachuu hin qabnu, qabsoo
keenya FXG bakkayyuttuu fininsinee itti fufuu qabana. Holola
riifoormii  jettee Wayyaaneen odeessitu kamuufuu gurra kennuuraayis of
eggachuun akkaan  barbaachisaadha.  Alaa manatti irreen keenya tokko
ta’ee qabsoo ummanni keenya irratti dhiigaa fi dararamaa jiru kana
firii itti horuun dubbii Fardiidha! Kan  gabrummaa jalaa nubaasee
bilisummaa nu gonfachiisuus isuma///
IUOf!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …