Oduu Haaraya

Hoggansa fi Miseensa ABO Biyya Hambaa: Fira moo diina QBO ti?


Hubataa Dubbii tiin=====================================================
Hoggansi fi miseensotni ABO biyya hambaa jiraatan tokko-tokko, hojiin isaan guyya-guyyaatti
raawwatan, diina dhaabichaa isaan fakkeessa yoo jedhame dogoggora hin qabu. Ummatni Oromoo
ABO irratti abdi guddaa akka qabu falmisiisaa miti. ABO fi kaayyoo ABO’n dhaabateef, ummatni
Oromoo akka agartuu ija isaatti ilaala. Ni mararfata, ni tikfata. Waan dhaabichi itti hime otoo ija
hin sukkuummatiin, mamii tokko malee fudhatee hojii irra oolcha.
Ummatni Oromoo, ABOn gaaf tokko bakka dhiibamee moggeeffame irraa, diina isaa of irraa
rukutee, as baya jedhee obsaan eeggata. Oromoon iji isaa akka ijoollee haati gabaa deemtee gara
bakka hoggontootni “jirra” jedhan hunda, fi gara bosonaa, bakka loltootni WBO lubbuu isaanii
qaalii aarsaa godhanii wareegama itti kafalan ilaala.
Har’a irra dhaabatnee yoo ilaallu garuu, ABOn Oromoon abdii irraa godhatee eegaa ture fi waanti
qabatamaadhaan, kanneen hoogganoota fi miseensosta ABO ofiin jedhan, biyya alaa kana keessatti
raawwataa jiran waliin-wal faallaadha.
Hojii hoggantoota buleeyyii, miseesnsota fi deeggartoota ABO biyya ambaa, Ameerikaa,
Awurooppaa fi Australia, namni itti dhiyaatee ilaale, tasuma jarri fira qabsoo Oromooti jechuuf
ni rakkata.
Hoggansa Ol’aanaa ilaalchisee
Hoggansi ol’aanaan warra duraa kanneen akka Magarsaa Barii fi jaallewwan isaanii, kanneen
akka Baaroo Tumsaa fi Nadhii Gammadaa faa yoo yaadannu ni boonna. Garuu jarri hin jirani. Yoo
isaan faa yaadannu “maal abaarsa qabnaa?” nama jechissisa.
Abaarsi inni cimaan garuu, warri dhaabichas, ummata Oromoos ganan caasaa ABO keessatti
dagaaganii, sodaa tokko malee gaaffii ummata Oromoo keessoo isaa irraa burkuteessuu dandayuu
isaaniiti. Jarri gaafa dhaabicha keessa jiran maqaa jijjiiramaatiin dhaabicha dadhabsiisu.
Miseensota jijjiirama dhugaaf dheebuu qaban dhaabicha keessaa erga fottoqsanii baasianii booda,
isaanumti yoo fedhan araarsituu ykn gurmeessituu ta’anii afanfajjii uumuudhaan jara garaa-gar
facaasnii gurmuu Oromoo facaasu. Erga kana godhanii booda namootni hedduun, sadarkaa
hoggansa guddaa irra turan kunoo PP waliin ijaaramanii hojjechaa kanneen jiran kanaaf ragaadha.
Ammallee, “meeqatu ABO keessa of dhoksee shira wal-fakkaataa xaxaa jira?” gaaffii jedhuuf
deebii hin qabnu.
Jaruma kana keessaa kanneen hafan ammo, biyya ambaa kanatti, miseensota ABO biyya ambaa
jiran keessatti dabalatee, duula afanfajjii tolchaa jiru. Jarri ammallee hidda isaanii gadfageeffatanii
jiru.
Fakkeenyaaf, sochii isaan itti jiran fi duula isaan samoona kana godhan muraasa yoo kaafne:

1. Jaallan hoggantoonni ABO mana hidhaa nafxanyoota keessatti itti roorrifamaa jiran, fi H/Dn
ABO manasaatti daangeffamee jiru, akka hiikaman tarkaanfii tokkollee fudhachaa hin jiran.
Biyya ambaa kanatti hiriira nagaa hin qindeessan. Mootummoota addunyaatti osoo iyyatanii
hin mul’atan.
2. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi ABO-WBO gidduutti wal dorgommii uumuuf jecha,
miseensotni ABO mana hidhaatti ugguramanii jiranis akka hidhaa irra hin baane gochuuf itti
yaadanaii “ABOn ‘qabsoo nagaa’ geggeessuf biyya keessa jiru fi ABO-WBO tokko, har’allee
WBO tiin ABOtu hoggana” jedhanii lallabu.
3. Gaafa WBOn ijaarsi isaa cime mootummaa PP dhiphisu gammaduun hafeetu, isaanis akkuma
aangawoota mootummaa rifatanii ykn raafamuu irra darbanii yoo WBO irratti ifaaf-ifatti
holola gaggeessan argina. WBO Tigree jala gale, hoggansi WBO ganeera jedhu. San irra
darbanii humna biraa irratti ijaaranii diiguuf ifatti duula irratti banani.
4. Oromoo keessatti jaarmaan isaan hin to’anne, kan ogeesstotaas ha ta’u kan hawaasummaa,
biqilee akka hin lalisne, kichuutti balleessuuf cimanii hojjetu. Maqaa xureessu; abalu ABO ykn
WBO hin jaallatu, hooggansa hin fudhatu, PP dha jechuun sobaan nama yakku. Yaroo baay’ee
ammoo namni sun dhiigaan Oromoo miti jedhanii olola sobaa nama nagaa irratti gaggeessu.
5. Miseensota isaanii afaan adaba hin qabne fi sirna wayiituu hin beekne bobbaasanii namoota
yaada qajeeltoo dhiyeessan yaadaa fi gorsa isaaii gara dabarsu.
Miseensota fi Deeggartoota ABO biyya Ambaa
Miseensotni fi deeggartootni ABO biyya hambaa kun hojiin isaanii inni guddaan nama fi saba
salphisuu fi arrabsuudha. Hoggansi ABO yaroo garii isaanuma ergateetu hojii badaa akka
raawwatan itti fayyadama. Kana irraa kan ka’e hogggansi dhaabicha (yoo kun hoggansa jedhame)
jarri waan dhaabichi hin feene yoo dubbatan “irraa dhaabbadhaa!” jechuumaafuu haamilees,
dandeettiis hin qabu. Miseensi arrabsoodhaan muuxannoo horate kun isaanumattuu gargalalee
mucuq godhee isaan arrabsa. Jarri, ofiif danqaa of galchaniiru. Danqaa san keessaas of baasuu hin
barbaadani; otoo barbaadaniis waan dandayan hin fakkaatu.
Ummatni Oromoo kana hubatee mala barbaaddachuu qaba. Yaroon maqaa ABO fi Kaayyoo ABO,
gaaffii hiree murteeffannaa fi gaaffii bilisummaa, of dura qabanii ummata Oromoo burjaajessan
dhaaabachuu qaba. Waraana mootummaan PP Oromoo irratti bane of irraa qolachuuf yaaluu
cinaatti waraana jarri kun Oromoo keessoo isaa irraa diiguuf tolchanii ittiin deemaa jiran kana
irratti dammaqanii saalfii tokko malee dura dhaabbachuu fi sochiisaanii kana fashalsiisuun,
kaayyoo ganamaa qabsaayotni hedduun lubbuu isaanii aarsaa itti godhan, har’allee wareegama
itti kafalaa jiran, san baraaruun barbaachisaadha.
Yaroo gabaabduu keessatti walitti deebina
Nagaa Turaa! Horaa Bulaa!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …