Oduu Haaraya

Ololli WBO irratti Oofamu haa Dhabbatu!

Hubataa Dubbii tiin

Qabsoon Oromoo tooftaa hundatti dhimma bahuu qaba: Qabsoo nagaas, kan hidhannoos.

ABOn WBO, WBOnis ABO dha! Addadummaan WBO fi kaayyoo ABO isa ganamaa gidduu hin jiru. Waanti jiru, hooggansi siyaasaa ABO keessaa hammi tokko nagaan qabsaa’uuf heeraa Xoophiyaa fudhatani biyyatti galuu isaaniiti. Kannen hafan ammoo qabsoo hidhannoo isa ganamaa itti fufan. 

Haala haarawaa kana keessatti Hayyu Dureen ABO,  jaal Daawud Ibsaa, “nuti karaa nagaa qabsaa’uuf gallee waan ta’eef, WBO saba Oromootti kennineerra” jedhee labse. 

Hoogganoota seera Xoophiyaa tti masakamanii qabsaa’uuf biyyatti galan kunneen  keessa hammi tokko diinatti harka kennatan. Murni gantuu kun  Itti aanaa HD ABO, Araarsoo Biqilaa, fi miseensota Shanee Gumii ABO shan dabalata. 

Kanneen hafan ammoo gatii barbaachise kafalanii mootummaa nafaxanayaa irratti seera fi nagaan falmii siyaasaa gaggeessuu/qabsaa’uu itti fufan. Osoo hin turin, gareen kun mana hidhaatti guuraame. Ummata isaaf sagalee ta’uun hafe ofiisaaf iyyuu sagaleensaa ukkaamamee, itti roorrifamaa jiraata.

Haala miseensonni Shanee Gumii harki wayyabni ABO gananii diinatti harka keennan, fi haala HD fi jaallan hafan mana hidhaatti guuraman kana keessatti, qabsoon siyaasaa boodatti hafe. Kan diplomaasiis ni laamsha’e. 

Has ta’u malee, jaallan dirree qabsootti hafaniin qabsoon hidhannaa jabaachaa dhufe. Hojiin qabsoo hidhannaa, siyaasaa fi kan diplomaasii deeggeruuf karaa adda addaan hojjetama. Bakka qabsoon siyaasaa fi kan diplomasilaamsha’etti, qabsoon hidhannoo, qobaasaa kaayyoo QBO bakkaan gahuu hin danda’u. 

Gaafa humni garii haala nagaan qabsaayuuf Finfinneetti ol gale WBO dandamachiisuu fi QBO finiinsuun driqama ture.  Waanti kun dhaabichi, haala haaraa isa mudate irratti hundaayee hooggana waraanaa qofaa osoo hin taane, hooggana siyaasaas qabaachuu isa feesise. 

Kanaaf, miseensonni Gumii Sabaa ABO, qabsoo hidhannootti cichanii  hafan dirree qabsootti Kora Sabaa geggeeffatan. Korri kun seeraan hoogana ABO-WBO filatae. Ajajaa ol-aanaa ABO-WBOn akka geggeeffamus waliigalame. 

Oromootni biyyaa alaa jiran, yoo qabsoo bilisummaa hoogganuu fedhan, akka Oromiyaatti deebi’anii, WBO tti makamanii, qabsoo bilisummaa Oromoo itti fufanis waamichi godhameefii ture. Garuu kanneen yeroo ammaatti biyya ambaa keessaa deddeemanii “miseensa ABO” ofiin jedhan keessaa namni affeerraa ABO-WBO fudhatee Oromiyaatti deebi’e hanga ammatti hin jiru. 

Jarri biyyaa alaa taa’anii “remote control”n ABO-WBO hoogganuu kajeelu. “Beektootni” Oromoo tokko-tokko, waa’ee waraanaa hin beekne hundi, byya ambaa taa’anii WBOf gorsaa ta’uuf hawwu. Ofii dhaqanii WBO tti makamuu hin fedhan. 

Walumaa galatti, Oromoota biyya alaa taa’anii hooggana  ABO ta’uuf hawwan kanatu, tooftaalee asiin gadiitti fayyadamee, ABO-WBO deeggersa ummataa dhabsiisuuf sosso’aa jira.

  1. Akka ABO fi WBO gidduutti lolli jiruutti dhiheessu. “WBOn ajaja ABO jalaa bahe” yaaddoo jedhu facaasu. “WBOn, hooggana ABO kan nagaan heera mootummaa Xoophiyaa jalatti hojjechaa jirurraa ajaja fudhacuu qaba” jedhanii ololu.  Hoogganni ABO hidhaa mootummaa nafxanyaa jala jiru ajaja kennuu akka hin dandeenye otoo beekanii, ajaja kennuuf yoo yaales  akka gaaga’amni guddaan mootummaa nafxanyaan isaan irra akka ga’u otoo beekanii ummata Oromoo gidduu nokkoroo hin barbaachifne facaasuuf jecha afaanfajjii uuumu.  
  2. Tumsa hooggantooti WBO Humna Ittisaa Tigraay (TDF) fi qabsaa’ota ummatootaa hiree ofii ofiin murteeffachuutti amanan waliin godhan ni mormu. San duras dhaabbatu.. Tumsa mootummaa nafxanyaa kuffisuuf jaarame ifa-ifatti dura dhaabbachuun, beekaa ykn wallaalummaan, mootummaa PPf gargaarsa godhu. 
  3. “Hooggansi WBO dandeettii hin qabu, wallaalaadha, TDF dhimma itti bahuuf deema” jedhanii ololu.  Ummata Oromoo WBO irraa abdii kutachiisuuf hojjetu. Tumsa WBOn TDF waliin qabu akka waan hin jirreetti dhiheessu. Akka hin milkoofnes hawwu.
  4. Burjaajii asiin olitti tarreeffaman uumuu irra darbanii, WBOn akka tokkummaan hin qabsoofnes, WBO gidduutti, hojii diigumsaa hojjechuu eegaluun isaaniis bira ga’ameera. Karaa dhokataa fi beekamaan farra qabsoo bilisummaa Oromoo taa jiru. 

Sabni Oromoos ta’e sabboontonni Oromoo, biyaa keessaa fi biyyaa alaa jiran, waan kana beekuu qabu. 

Jarreen qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti burjaajii uuman kana, adda baasanii baruu of irraa ittisuun feesisa. Hojii dabaa akkasii irraa akka deebi’aniif akeekachiisuun barbaachisaa dha. Yoo hojii farra qabsoo bilisummaa kana irraa of hinqusatan ta’e garuu, hojii isaanii kana saaxiluu fi sabatti mul’isuun dirqama ta’a. 

Horaa bulaa!   

Check Also

toophiyaa31

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do …