Oduu Haaraya

Ibsa Ejennoo Dhaabota Bilisummaa Oromoo.

Nuyi Jaarmayootni qabsoo bilisummaa ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa afur haala warraaqsaa Oromiyaa walgahee bulchiinsa yakkamaa Adda Bilisummaa Ummata Tigray (EPRDF/TPLF) rooraase, cimsuu fi, hegeree qabsoo bilisummaa, mirga hiree-murannaa Oromiyaa fi hariiroo ummatoota naannoof addunyaa waliinii irratt, hojiif dirqama keenya wal-hubannoodhaan akkaataa itti fiixa baafnu marii xumurachuu keenya ibsna. Warraaqsi Oromiyaatti ji’oota shanii- ol adeemaa jiru, itti fuffinnsa qabsoo bilisummaa Oromoo kan sirna abbaa-irrummaa EPRDF/TPLF, sirna saaminsaa fi cunqursaa daanga-dhableen diduu irraa akka tahee ifaadha. Sababaan samicha lafaa naannoo Finfinnee haa-tahuu malee, warraaqsi ummataa hundeedhaan, gaaffii mirga abba-biyyoomaa, mirga dhala-namaa, mirga hiree-murannaa fi dhabaminsa dimokraasii dhugaa irraan kan dhoohe. Bulchitoonni EPRDF/TPLF gaaffii ummatni mirga heera ittiin biyya bulchina jedhaniin beekkame, hiriira nagayaa bahuudhaan gaafatu, karaa nagayaa deebii kennuu mannaa, ka’ima jaarsaa jaartii, daa’imman odoo hinhafiin, ummata hidhannoo hinqabne, rasaasa itti roobsuudhaan, hanga ammaa dhibboota baay’ee ajjeesani, dhibboota baay’ee madeessanii, kuma baayyee hidhaatti guuranii dararaa jiraachuu gaddaa fi aarii guddaan yaadanna.

Badii tanaaf gaafatamni sadarkaa duratti kan matootii EPRDF/TPLF ti. Namoonni badii hojjatan, seeraan akka gaafataman taasisuutti humnoota kana deeggeran wajjiin hojjachuun dirqama. Kunis tahee, dhibdee politikaa maraaf ammayyuu daandiin nagayaa soqamuu itti fufuu qaba jenna. Akeeka kanaan, ummata Oromof, EPRDF/TPLF, ummatoota Itophyaa fi humnoota dantaa Ganfaa Afrikaa qabaniif dhaamsa dabarsina.

Yaa ummata Oromiyaa!

Qabsoon tee qabsoo haqaati. Ajeechaan, sobaa fi gochi yakkaa si- hin injifatu. Lafa bulchiinsa xuraawaa EPRDF/TPLF irraa haqxe irratti shanee bulchiinsaa jaarrattee nagayaa fi tasgabii uumuun kee boonsaa dha. Kanas akka itti fuftu hin mamnu. Dhiigni EPRDF/TPLF dhangalaasee fi lafeen isaan cabsan dhagaacha-xuubii galma bilisummaa, dmokraasii jaaramuun, walabummaa Oromia akka ta’u amanna. Qondaalotiin EPRDF/TPLF badii hojjataniif itti gaafatamuun isaani hinhafu. Lubbuun isaan qisaasan, kan madeessanii fi hidhaatti guuran ragaan galmeeffamuu itti fufuu qaba. Warraaqsaa kankee qaamaa qalbiin utubuu fi humnoota badii hojjatan gaafatamatti dhiheessuu maqaa wareegamtootaatiin deebisnee mirkaneessina. Jaarmoni qabsoo bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaa qabsoo isaanii bifa hundaan si cina dhaabachuu itti fufna. EPRDF/TPLF lubbuu fi qabeenya jiraattota dhalootaan Oromo hintahinii balleessuu faa fi galmoota amantii faa gubuun sabootaa fi hordoftoota amantii garagaraa walitti naquudhaan, badii humnoota Oromoti jedhee maqaa kee fi maqaa keetiifi warraaqsa
keetii yakkuu yaaluu hin lakkifne.

Bonbii ofii awwaale humna biraatu hojjate jedhee odoo sobu qabamuun EPRDF/TPLF ni yaadatama. Warraaqsa kee gaggeeysaa, lubbuu fi qabeenya hundumaaf tikni gochaa jirtu nu boonse. Gocha addunyaan dinqisiifatee, mararfannaa siif burqise akka itti fuftu mamii hin-qabnu.

Hooggana EPRDF/TPLF,

Akkuma bulchitoota gabroomfatoo dabran geeddarama gaaffii ummataa deebisuu xiyyeeffate lagachuudhaan, galaani warraaqsaa akka si-nyaachisuuf jiraatu isin akeekachiisna. Daandii haasawaa fi marii hordofuuf carraa yoo ofii kennitan’mmoo,humnoonni bilisummaa Oromo dhibdee politikaa hundumaa daandii nagayaatiin furuuf qophiidha. Kun ta’uu hafuun qabsoo bilisummaa Oromoo bakkaan gahuuf godhamaa jiru
bifa hunadaan kan itti fufnnu ta’uu mirkanneesina. Seer-dhablummaa fi abbaa-irrummaa EPRDF/TPLF kan ummata Oromiyaa huffisiisee odoo
xiyyitii itti facaasuu mirga dhala-namaa fi dmokraasiif falmaatti kaase, isinis miidhaa akka jiru waliin beekana. Humnootni mirga dhala-namaa fi dmokraasiitti amanan, sochii ummanni Oromiyaa godhu waliin dhaabbachuun ofii keessanis gargaaruudha. Dhiibbaa EPRDF/TPLF bir’achuudhaan ummata Oromiyaa wajjin ifaan hiriiruu baattanis, gatiin mirga dhala-namaa, dmokrasii fi hiree-murannaadhaf ummanni Oromiyaa kafalaa jiru, mirga cunqurfamoota maraatiif tahuu carraa kanaan isiniif mirkaneessina.

Humnoota Gaanfa Afrikaa irraa dantaa qabdaniif!

Sirnichi akka jaamaa dukkana keessa qareetti deemuu daddaaqaa waan jiruuf, badii daangaa-dhablee oolchuuf, EPRDF/TPLF daddaffiin daandii nagayaa akka hordofu,wakkiilota Ummata dhugaa wajjin marii akka jalqabuu EPRDF/TPLF irratti dhiibbaa akka gootan gaafanna. Yoo kun tahuu hanqate gaaga’ma biyyoota ollaa garii faa mudatterra hammaadhaa Itophyaa hagoguuf akka jiru beekuu feesisa.

Jaarmayoota Bilisummaa Oromoo afran:

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Adda Bilisummaa Oromoo, “Tokkoomei”
Adda Dimokraatummaa Oromoo
Kallacha Walabummaa Oromiyaa

May 1, 2016
South Haven, Minnesota

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …