Oduu Haaraya

Mormii Oromiyaa Keessaa Irratti Tokkummaan Uummatni Oromoo Agarsiise Dhaabota Siyaasaa illee Walitti Fide

Dhaabonni siyaasaa Oromoo afur walitti-dhufanii mari’achuun, Dilbata dabre kana jechuun Caamsaa tokko, bara 2016, waliin hojjechuuf walii-galtee wal-hubannaa mallatteessanii jiran. Dhaabonni walii-galtee kana mallatteessan Adda Dimookitraatawa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo, Kallacha Walabummaa Oromoo fi ABO Tokkoome jedhamani.

Kutaa Michigaan keessa ka jiru, Keetering Yunivarsitii irraa hayyuun seenaa fi xiinxalaan siyaasaa, Dr. Iziqeel Gabbisaa akka jedhanitti, uummatni Oromoo bal’aan biyya keessaa mirga isaaf falmachuu irratti tokkummaan inni baatiilee dabraan keessa agarsiise madda kaka’insa marii geggeeffamee fi walii-galtee tolfamee ti.

Dhaabonni kun sagantaalee siyaasaa adda addaa ka qabanii fi walaba ta’an iyyuu waa’ee abbaa-biyyummaa Oromoo, waa’ee lafa Oromoo fi waa’ee eenymmaa Oromoo irratti adda addummaa hin qaban, ka jedhan, Dr. Iziqeel, kana irratti waliin hojjechuuf walii-galuun isaanii tarkaanfii gaarii ta’uu isaanii dubbatu. Dhaabonni kun akka dhuunfaattis tahe akka walootti haalawwan keessa dabran irraa muuxannoo argatan walii-galtee ammaa kanaaf gumaachuu isaa illee eeran.

Dhaabonni siyaasaa Oromoo haga itti-galli yokaan galmi isaanii tokko ta’etti adda-addummaa tarsiimoo fi toftaa qabaachuun isaanii wal isaan lolsiisuu hin qabu. Wal-hubannaan jiraannaan dhaabota adda addaa biyya tokkos tahe uummata tokko keessaa qabaachuun uummtichaas carraa keessaa filachuu ba’aa waan kennuuf gaarii dha, jedhu, Dr. Iziqeel Gabbisaa.

Check Also

alaabaa

Bulchiinsa gabrummaa diddaaf wal’aansoon godhaamaa turte tan ifatti mul’atte, bara 1962.

Abbaa Urjii tiin: Hawaasa Oromoo kanneen bulchiinsa gabrummaa Minilik jalatti buluu diddaaf lolanii injifataman keeysaa …