Oduu Haaraya

Dhaabota Qabsoo Bilisummaa Oromoo Jedduutti Araara Bu’e Ilaalchisee

Dhaabota Qabsoo Bilisummaa Oromoo Jedduutti Araara Bu’e Ilaalchisee  Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo  irraa Kenname!!

Caamsaa 02/2016, Finfinnee

Mariin Araara buuse, Ararri Wal Hubachiisee Tokkummaa Hawwamuun Gaha.

Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo walitti dhufeenyaa fi araaramuu dhaabota qabsoo bilisummaa  Oromoo (ABO, KWO, ADO, ABO tokkoomee) Yeroo dhageenyu bilisummaa Ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa dhiyeessuun Umurii gabroomfataa gabaabsee,  Injifannoo maayyiin nu gahuutu  nutti dhagaa’ame.

Tokkummaan Uummata Oromoo akka sabaattis ta’ee akka qabsoo bilisummaa Oromootti lafee fi dhiiga gootota qaaliin ijaaramee ture. Qabsaa’onni Oromoo haalota adda addaan wal hubachuu dhabuun gargar bahanii diina innikaa kan taate sirna Wayyaanee irratti qabsaa’urra gufuu wal jala kaahuun fedhii fi dantaa Ummata Oromoo miidhee kan gabroomfataa gabbisaa turuurraa Oromoon hin aarre, hin gubanne hin turre. Har’a garuu sun hundi seenaa ta’ee akka hafutti dhaaboleen Qabsoo Bilisummaa Oromoo walitti dhufanii mari’achuun dantaa saba Oromoof dursa kennanii araara buusuu isaanii yommuu dhagahamuu nu hundaaf akka sabaatti gammachuu gammachuu oliiti. Kanaaf yeroo ammaa kana Oromiyaan gammachuu keessa jiraachuu ibsuu barbaanna.

Ararri bu’e gaafii Ummata Oromoo fi qabsaa’ota Oromoo maraa kan ta’e tokkoomuu jaarmayoota Oromoof bu’ura akka lafa kaahametti hubatna. Akkuma ibsa bakka bu’oota dhaabolee bilisummaa Oromoo araaraman irraa dhagame wareegamni nuti Qeerroon bilisummaa Oromoo, dargaggoo fi shamarran Oromoo, abbootii fi hawwan keenya FDG – FXG  yeroo dhiyoo as baasaa turree fi jirru, akkasumas injifannoolen cululuqoon mooraa QBO keessatti galmeeffame Araara kanaaf dhiibbaan uumne jiraachuu amanna. Ammas akkuma abbootiin keenya dhiigaa fi lafee isaaniitiin tokkummaa Ummata Oromoo mirkanessanii nuun gahan hubachuun nuti Qeerroon bilisummaa Oromoo mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo tasgabbeessuun tokkummaa Jaarmayoota Oromoo bu’urri taa’e kana fiixaan baasuu keessatti gahee nurraa eegamu akka bahannu beeksisuu feena.

Akka Oromootti aadaa bareeda qabnu keessaa tokko waldhabdee ilaa fi ilaalmeen hikkachuu danda’uu keenya. Manguddoonni keenya jabeessanii qabeenyi nuuf tiksuu qaban aadaa bareedaa fi qabsoo bilisummaa Oromoof murteessaa ta’e kanaa dha. Manguddoonnii fi hayyoonni Oromoo araara kana milkeessuuf dadhabdan dirqama keessan sirnaan bahattaniittuu gaalatoomaa jechaa ammas daandiin hedduun akka isin hafee jiru yaadachiisuu barbaanna.

Nuti Qeerroon Oromoo warraaqsa biyyoolessaa bifa qindaa’ee fi ijaarameen Ebila 11/2014 ifaa fi labsiin eegalle yeroo irraa gara yerootti muuxannoo horanneen Ummata keenya ijaarrataa, humna keenya jabeeffachuun sochii keenya bal’ifatnee wareegama qaaliin abbaa irree kan ta’e Wayyaanee raasuun dhaadannoo aanga’oota wayyaanee “likki Inaasgabaachawaallen” jedhanitti akka gaabban taasisuun dandeenyeerra; kana irra kan nu boonsu akeeka kaaneef galmaan gahuuf afaanii fi afuura tokkoon dhaaboleen Qabsoo Bilisummaa Oromoo nu waliin dhaabbachuu keessan.

Kanaaf tumsi guddaan isin irraa barbaannu afuura tokkummaa, ilaalcha tokkummaa, jaalala Oromummaa kan walitti nu ijaaruu fi wal nu abdachiisu eegaltan hojiin nutty mul’isuu keessan. Kun jiraannaan karoorri FXG  marsaa 5ffaa Qeerroo Bilisummaa Oromoon  qophaa’ee gara balbala bilisummaa Oromootti nu geessu daandii sirrii qabatee ariitiin galma keenya akka dhyaataa jirru yaadachiifna.

Maayyiirratti  dhaamsi dhaabolee bilisummaa Oromoo oduu gammachiisaa fi hamlachiisaa kana nuun geessan arfaniif qabnu  miseensotni fi deeggartootni keessan hundi,  waliigalattii uummata Oromoo sabboonaa fi sabboontuun, Qeerroo fi Qarreen, qabsa’onni  dirree fi gootota barattootni Oromoo hundi karoora FXG kan marsaa 5ffaa, bara 2016 fiixaan baasuu keessatti gaheen keessan olaanaa ta’uu hubattanii qabsooftanii qabsoofsiftan dhaammanna.  Warraaqsaa FXG marsaa 5ffaa gaggeessinu cinattiqabsoo bilisummaa Oromoof eeggannoo cimaa akka goonuu fi lootee galtuu ergamtuu diinaa dammaqinsaan akka of irraa eeggannuu dhaammachuun walitti dhufeenyi fi araarri  ABO fi dhaabolee qabsoo bilisummaa Oromoo gammachuu guddaa nutti dhaga’amee fi gaaffii uummataa keenyaa fi sabboontoota Oromoof deebii kennuu keessaniif galatoomaa jechaa, dhimma araaraa fi tokkummaa kana ilaalchisee fuunduratti ibsa bal’aa uummata keenyaaf akka kenninu beeksifna.

Injifannoon Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Tokkummaan Humna!!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo

GaraGalchaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …