Oduu Haaraya

Ibsa Koree Hojii Raawwachiiftuu ABO (KHR-ABO)

 

 

 

 

 

 

 

ADDA BILISUMMAA OROMOO                     OROMO LIBERATION FRONT

 

 

Ibsa Koree Hojii Raawwachiiftuu ABO (KHR-ABO)

 

 

Gaafa: Sadaasa 29, 2013                                                                                               Lak: SAD/022/2013

Date: November 28, 2013                                                                                            No. SAD/022/2013

——————————————————————————————————————————————

Koreen Hojii Raawwachiiftuu  ABO teessuma isaa idilee taasifateen dhimmoota dhaabaa,  naannoo  fi guddina  siyaasa  oromoo  gadi fageenyaan  xiinxalee  jira. Adeemsa  qabsoo sabaa ABOn  durfamu  jabinaa fi anqinoota  qabu baldhinaan gamaaggamamee  jira. Muldhati  dhaaba keenyaa qabsoo sabaa galmaan gahuuf murteessaa  ta’uu fi dhalooti  haarawaan  dhimma  qabsoo sabaa keessatti  qooda isaaf malu  akka fudhatu,  muldhata  ABO  haala  anjawaa  kan  uume  ta’uu isaa gadi fageenyaan ilaalamee jira.

 

Muldata  dhaaba keenyaa  galmaan  ga’uuf anqinoota  akka hoogganaatti  qabnu irra aanuuf  madda rakkoo mudatiin  baldhinaan  ilaalamee falli hunde  qabeessa itti  kennamee  jira. Hojilee karaa siyaasaa, ijaarsaa fi hojii dippilomaasii  turan baldhinaan   xiinxalamee   jira.  Koreen  Hojii  Raawwachiiftuu   ABO  adeemsa qabsoon  keenya  keessa  jiruu,  ciminaa  fi  dadhabbina  akka  dhaabaattis   ta’ee mooraa  qabsoo oromoo  keessa jiru roga hundaan  xiinxalee  jira. Tokkummaa Oromoo fi Qabsa’otaa jabeessuun guyyaa bilisummaa Oromoo kan shaffisiisuuf murteessaa ta’uun isaa ilaalamee jira.

 

Akkasuma  hariiroon  dhaabni  keenya  dhaabbilee  siyaasa  Oromoo  fi kan  biro wajjin  qabu  xiinxalamee   jira.  Hariiroon  dhaabni  keenya  ABOn  dhaabbilee Oromoo  fi  dhaabbilee  siyaasaa  kan  boroo  wajjin  qabu  hunde  qabeessaa  fi dhimma  tarsiimoo  ta’uu isaa hubatamee  jira. Bifuma kanaan  muldhata  keenya galmaan  ga’uuf haariroon  dhaabbilee  siyaasaa gidduu  jiru, keessumaa dhaabbileen  Oromoo  walitti  dhiheenyaan   hojachuun  murteessaa  ta’uun  isaa irratti  waliif galamee jira. Kana irraa ka’uudhaan murtee kanaa gadii dabarsuudhaan  teessuma isaa injifannoon xumuratee  jira.

 

1.    Muldhata  dhaaba keenyaa  galmaan  ga’uuf  tarsiimoo  fi toftaa  waltajiin yeroo gaafatutti  dhimma  bahuudhaan  muldhata  dhaaba keenyaa galmaan ga’uuf hooggansa  bu’a qabeessa kennuuf  murteerra  ga’amee jira.  Kana gochuuf hooggana dimokraatawaa  fi hirmaannaa qabsa’otaa akksumas deeggartoota mara karaa mirkaneessuun hojiitti hiikuuf  qophii ta’uu isaa murteessee jira.

2. Jaallan kana dura qabsoo sabaa keessatti gumaachaa fi gahee olaanaa qabaachaa turan,  eessa iyyuu haa jiraatanii,  kan lubbuun jiranis ta’ee kan haarsaa  kaffalan  kabajaa  fi  ilfina  isaaniif  malu  kennuudhaan imaanaa isaanii galmaan  ga’uuf akkuma  kana dura irratti  hojatamaa  ture  ammas goototaa fi duree qabsoo keenyaa kabaja olaanaa kenninaaf.

3.   Afuura oromummaa  (normalization)dhaabbilee siyaasaa oromoo fi caasaa hawaasa  oromoo  gidduutti  fiduuf  alduree  tokko  malee  dhaabni  keenya ABOn  ni hojata. Akka hoogganaatti  kaayyoo eebbifamaa kana galmaan ga’uuf murannoon hojanna.

4.  Dhaabbilee   siyaasa  oromoo  gidduu   garaa  garummaan   siyaasaa  jirus dhaabni  keenya  galii isaan  dhaabbataniif  kabajaa qaba. Dhimma  waloo irratti   waliin  hojachuuf  ABOn  qophii  dha.  Garaagarummaan  keenya akkuma  jirutti  ta’ee dhimmoota  irratti  waloodhaan  hojannu  tokkos ta’ee lama  dhaabni  keenya hojachuuf  qophii dha. kanaaf  dhaabbileen  siyaasa oromoo  adeemsa  wal  diineffachuu  fi  wal  qoollifachuu  keessaa bahanii dhimma  qabsoo sabaa irratti  qabxilee waloon hijachuu dandeenyu  irratti tumsaa fi irree tokkummaa  qabsoo akka jabeessinu waamicha goona.

5. Jaallana kana dura sababa gara garaan dhaaba isaanii ABO irraa of moggeessan  ykn  qeeqaa  fi  ilaalcha  gara  garaan  mufatan,  akka  dhaaba isaanitti   deebi’anii  gahee  isaanii  gumaachan  waamicha  goona.  Jaallan qabsoo kana keessatti gahee olaanaa qabaachaa turan akka ammas dhaaba isaanitti   deebi’anii  gumaacha  isaanii  bahan  hooggani  keenya  alduree tokko malee isaan simachuuf qophii dha.

6.  Caasaleen hawaasaa, beektotii, haayyotii  fi jaarsoliin oromoo akkasumas qabsoo  sabaa  kana   keessatti   gumaacha   muldhataa   fi  umurii   isaanii namootiin  itti fixan tokkummaan mooraa qabsoo oromoo akka jabaatuuf gahee isaanii akka bahan waamicha dhiheessina.

 

7. ABOn gochaa sukkaanneessaa  mootummaan woyyannee  Ummatoota Itoopiyaa biyya keessaa fi biyya alatti   irraan gayaa jiruu   jabeessee balaleefata.

8.   Jaarmiyoolee  sirna  woyyannee  hiddaan  buqisu’uun  sirna  dimokiraasii dhugaa,  mootummaa   sagalee wayaaba  irratti  hundayee  (majority  rule) mirga    ilma  namaa  fi  ol’aantuumaa  seeraatiin     bulu  ijaarutti  amanu hundaa woliin hojjatuuf waamicha goona.

 

 

 

 

Injifannoon ummata oromoof

 

Sadaasa 2013

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …