Oduu Haaraya

Imaamata dhoksaa wayyaanee fi waraana Itiyoophiyaa

Tarii ennaa barruu xiqqoo kana dubbiftan amanuu fi hubachuun nama edduuf rakkisaa akka ta’e tilmaamuun nadhibu. Dhugaadha dhala namaa ta’ee nama akka uumama ilma namaatti sammuun yaaduuf yaadichi rakkisaa dha. mootummaa qumaara (kasaaraa) tabatuuf garuu gamnummaa bineessumaa ti. Akkuma irra deddebi’amee beektotaa fi hayyoota siyaasa xiinxalaniin dubbatame, mootummaan wayyaanee dhimma biyyooleessaa irraa badada hin qabdu. Wayyaaneen maqaa Itiyoophiyaatiin kan daldaaluuf amma dhimmi ykn imaamati dhoksaa TPLF galma gahuuf duwwaatti. Abjuun TPLF yeroo gabaabaa keessatti dhalataa Tigray kan miseensa TPLF ta’e dinagdeen jabeessuu fi Tigray gara olaantummaa dinagdeen sadarkaa biyyoolessaa ykn giddu gala dinagdee biyya sanaa taasisuu dha. yeroo haalli itti jabaate dinagdee biyyattii harka caalu dhuunfachuun adda bahuu dha. abjuun kun ni dhugoomaan waan biraa ta’ee garuu, ija baaftee kan itti deemaa jirtu kanumaa dha.

Fakkeenya kanaa kan nuuf ta’u sadarkaa biyyoolessaatti kan Itiyoophiyaan jedhamtu qabdu hunda Tigara keessatti gadi dhaabanii jiru. mootummaa kan mootummaa jechisiisu hunda naannoon tigraay akka qabaatu duwwaa otoo hin taane, sadarkaa Africa fi addunyaatti dorgomaa kan ta’an caasaa dinagdee ijaarrattee jirti.

Mee gara dubbii ijoo ka’eefittan deebi’a. wayyaaneen maqaa ittisa biyyaa jedhuun qabeenyaan ykn baajati ittisa biyyaa hark 80 ol Tigray keessatti dhimma itti bahama. Waggaatti baasiin Humna Ittisaa wayyaaneef ramadamu kan dhoksaan baasiin ta’u dhiifnee ifatti (officially) gara malaqa Itiyoophiyaa Biliyoona 15 (15,000,000,000) ETB dha. kana keessaa hark 80n naannoo Tigarayitti baasii ta’a. kanaaf jecha maalaqini guddaan kun dhiheessii waranaaf kan oolu, kan bitamu Tigaraa fi warshaa TPLF keessaa duwwaa dhihaata. Dhiheessiin waranaa (Nyaata, Huccuu, Spare parts, qoricha, waanta clab waranaaf olaalan dhimmoota bashananaa, construction materials and machineries, food staffs , hojattoota akka ummataatti hojii dhaabbataa fi yeroon qacaramii fi miindaan waraanaa baatii baatitti kaffalamuu kamuu miseensi waraanaa Tigray keessatti fixata. Kanaaf asiratti daldalaa kamuu kan biyyattii keessa jiru dorgommii kana keessa hin galu. Warshaan Tigray keessa jiran dorgommii tokko malee waanta ittisa biyyaaf dhiheessaniif kasaaraan jedhamu isaan bira hin gahu.

Kanaaf wayyaaneen yeroo hunda Eritrea wajjin akka lollis nagaanis hin jiraanne waanti isheen yeroo dheeraa barbaaduuf naannoo sanatti maqaa ittisa biyyaan baajati ramadamee deemu Baajata naannoo Tigrayif ramadamuun oli waanta argattuuf. Kan akka biyyaatti baajataan saaman akkuma jirutti ta’ee garuu guddina naannoo Tigaraayif kan qooda olaanaa kennaa jiru Baajata ittisa wayyaanee karaa ashaaxiraan naannoo tigraayiif ramadamuu dha. bajati ittisa waraana wayyaanee inni dhoksaan ramadamu ammoo walakkaa bajata ittisa waraana wayyaaneef ramadamuu oli ta’a (gara biliyoona 7 oli) ETB ta’a.

Wayyaaneen yeroo ammaa kana bifa harawaan project harawaan naannoo Tigaray guddisuuf karoorfattee jirti. Sadarkaa biyyoolessaatti Hospital( Ayder Referral Hospital ) jedhamee Mekele University maqaa dhahatee ijaarame kun galiin isaa inni guddaan sadarkaa biyyoolessaa duwwaa otoo hin taane sadarkaa Afrikaatti akka referral hospital ta’ee hojatuu fi madda galii guddaan irraa argamuuf kan ijaramee dha.

Ayder Referaal Hospital kaayyoon isaa yeroo gabaabaa keessatti Honnee, kulaalita, ijaa fi waantota qaama namaa keessa jiran sadarkaa olaanaan jijjiruu fi yaaluu danda’uu dha. kun yeroo akkasitti ilaalan salphaa fakkaata. Garuu gabaa argamsiisuu malu giddu gala taasifamee kan ijaaramee dha.

waraanni wayyaanee hark 80 Tigaray qubatee jira. waraana kana keessaa sababa gara garaan balaa qaqabuun, waggaatti kumaatama edduun kan lakka’aman lubbuun isaanii ni darba ykn madahee hospital gala. Egaa ashaaxirri wayyaanee asirra jira. leenjii irratis ta’ee sababa waraanni dhaleen dargaggoon kumaatama lubbuu isaanii ni dhabu ykn ni madahu. Kun hunduu qaamni isaanii karaa iccitawaa ta’een qalamee madda galii Hospitala kanaa ta’uuf deema. Miseensa waraanaa ta’ee nama waraana irratti mada’ee du’e gara biyyaatti hin ergamu. Kanaaf maatiin isaa tasa argachuu hin danda’an. Yoo xiqaate waggaatti honnee, kale ykn ija loltuu kumaatamaa qalanii keessaa baasuudhaan gabaa warra dhihaaf dheessuuf deemu. Kan achitti bakka buusan irra kan export godhuuf deematu guddaadha. Sababa kanaan doolarri biliyoona eddu galii tigarayif oola.

Kanaaf Ayder Referral Hospital jedhamee maqaa University Mekele jalatti kan banamee jiru bakka qalma ilmaan cunqurfamaa raayyaa wayyaanee keessa jiraatanii ta’ee jira. bara lola Eritrea wajjin wayyaaneen goote loltuu kuma dhibbaa oltu dhume. Kun hunduu qaama guutuu wajjin awwaalamuu ykn alaattiin nyaachuun isaa akka sirrii hin taanee fi gara gabaatti geeddaramuu akka qabu eega erreeganii booba mala dhalatee dha. ilmaan cunqurfamaa du’aniis Tigiraayi misoomsu. Kanaaf Qeeraan Ilmaan cunqurfamaa raayyaa wayyaanee keessa jiraatan ifatti dhaabbatee jira. kun sammuu namaaf suukaneessaa dha. wayyaaneef garuu gamnummaa dha.

Kanaaf ilamaan cunqurfamaa keessumaa ilmaan oromiyaa raayyaa wayyaanee keessa jiraattan du’a seenaa hin qabne wayyaaneef du’uu irra darbee qeeraa namaaf dhaabbatetti qalamtanii akka gabaa addunyaaf dhihaachuuf deemtan of irratti beekuu qabdan. Wayyaaneen qabeenya keenya saamuurra darbee akka loonii qalamnee gabaa addunyaatti dhihaachuu irraa of baraartan dhaabsa kiyya dabarsa.

Camadaa Hundee

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …