Oduu Haaraya

ILMA NAMAA AYII JECHUUN DU’A HIN OLCHU

 

Jiruun adduunyaa kanaa baayyee waan nama yaachiftuudha,keessaayyuu yeroo amma wal caccabsaa biyya ethiophiyaa irraa godaansi goodanamaa jiru isa isa baasuu osoo hin taane isa lubbuu isaa karaatti hambisee fedhiif bakka gahuu barbaadu hanqisee argamu ta’e argamee jira.
Bara beelaa 77 yeroo jedhamu wayii gahee arguu baadhus namni biyya keenyaa maati dabalatee yeroo baayyee hamaa akka tae dubbatama garuu yeroon tae ilaaluu inni isa bara kanaatin wal gita natti fakkaatu inni bara sanaa biyyuma keessatti nyaanni karaatti duuti karaatti inni ammaa garuu osoo jiruu isoo qabanu akka itti nyaatan dhabanii akka itti tolfatan dhabanii itti wallaalanii biyya irraa baqatanii dachee bishaan irratti argamee hin beekne saahaaraa dachee yeroo umamu waaqni jidha dhowwate uume keessatti beelaa hamaadhaan dhumaa jiru baqa mootummaa gabroonfataa habashaa ilmi namaa raafuu cirame aduun gubaan itti bahe taate kunoo soollaate bakkee duwwaatti duduutee maati garaa gubdee yaaddoo seenoo hamaa keessa galchite.kanaaf immoo furmaanni “Ayiiiiiy jechuun du’a isaan olchuu hin dandeenyu,yeroo heddu amala ilma namaati dursa osoo gorsee durqiseetuma waa gochuu danda’u dhisee yeroo sana yeroo namni waa ta’e yookaan karaa irraati du’e qomborore ayiiiy guyyaa gaafa sanaa illee wajjinan olee wajjinin akkas taana naan jedhe ture jechuun seenoo daddabaa lammata waan sana arguu hin dandeenye dubbata kun sirrii miti kan dhume dhumeera boolla isaa daadhiin haa guutu namni hin duune hin jiruu garuu wanti isinitti hin fakkaanne tokko du’a ilma namaatif sababa akka hin taaneef beekumsa qabduun hammeenya waan sanaa itti odeessuu ni dida taanaan carraan isaa kunoo du’e qoonbororuudha.
Ilmi namaa jiruu baqattummaa oggaa jedhamu dhugaadha biyya irra waan gaarii itti fakkaata miti garuu,jiruun baqatummaa yeroo hundaayyuu badduudha jiruun baqatummaa garba nama taasifti garbummaa sana immoo maallaqa itti argattu irraan kaate itti gammaduu dandeessaa garuu doolaarri $100.000 dhugaa dubbachuuf hamma biyya jiraatte haadhaaf abbaa kee harkaa qarshii 1000 fudhattu siin gahuu namoonni nii caalaayyuu jechuun natti falmuu dhuftanuu jiraachuu ni dandeessu garuu falmitanus an anumaa isinan morma ergaa waan tokko dabarsuuf dhugaa qabadhu tarkaanfadhu,maaf akkas jette jechuun keessan waan hin oolle qarshi doolara amerikaa amma hedduudha jettu tarii qarshi hammatti maati harkaa fudhattu sanaa gad-akka taate ammas irra deeddebi’e sii beeksisuun barbaada,biyya namaatti manni bittaa,nyaanni bittaa,dhiqannii bittaa,manni fincaanii bittaa barnoonni bittaa,ta’umsi biyya sanaa bittaa wanti dhufee nama ilaallatu hundumtuu bittaa $doolaarri kee ittin boonaa turte baabbuuuuu si duraaa jeteettii,manatti nyaanni mana uffanna manaa si bitama barnoota kafalti yoo tae mana manni fincaani lafa abba keeti irratti dhugaattin kee mana bishaan qulqulluu utuu hin bitin dhugda waa hundaanu milkii manaa maati biraa argatta deeme wanti nama rakkisu jiraatus firaa fira biratti jedhaa osoo waa tokko of harkaa baafte hin jedhin jiraatta.
Dhugaa rabbii baqattummaan inni immoo biyya keenyaa akka inni fokkisaa jiruu waan inni fokkisaa jiru gochi waayyaane godhaa jirtu hamma dallaalli karaa biyya sudaan fi biyya misiraa gidduu dalagaa jiru rawwataa jiru hin fokkisu,abbaan barbaadde as irratti keessa kesssaan waan barbaadde nan jechuu dandeessa garuu dhiigaaf lubbuu ilmaan oromooti karaa gubbaatti akkana baduu callisee ta’uun fi waa dubbachuu dhiisuun na guba,
Dursa hiriyaa ykn fira warra dhuumaa jiranu irraan ka’a

” namicha karaa misiraa dhufuuf jecha jiru=yaa obbooleessa kiyya biyyi suudi kun yeroo hundaa nama qabani iqaamaa nu gaafataa jiranii karaa keessan sanan dhufaafani mee maal jetta?

“Obbooleessa isaa=kanan dura sitti hin himnee kottuu biyyi kun bareedduudha asiin ameerikaa Awuroppaa Awustiraaliyaa UNCHR galmoofte deemtaa?

“Nama karaa misiraa dhufuuf yaala jiru=amerikaa jettaabboo maal bareedaadha kaa nan dhufaa torban kana riyaala 700 ykn 1000 kenneen of qabsisee gala nan dhufaa dallaala karaa sanaa naa qopheessi .

“Obboleessa=atumti kottu male waa tokko rakkoo dallaala hin qabaatin dallaala akka ajaa’ibaa wayiitu jiraa kanan ittin dhufe .

“Nama karaa misiraa dhufuu jedhu
Baayyee sii galateeffadha obbooleessa koo waan gaarii naa yaadde naa jiraadhu,garuu qarshii meeqa walumaa galatti biyya keenyaa ka’ani achi gahuun?

“Obboleessa=waa xiqqoodha isaa hin rakkatin isii of harkaa qabduu qabadhuuti biyyumq gali ati .

“Namicha karaa misiraa dhufaaru =hayyee jedhe miira gammachuun biyya gale
Obbooleessi koo kun maal natti hima laata amma immoo?

“Namicha isa karaa misiraa deemuuf jedhu=yaa obboleessa koo amma kunoo mana gahee maati koo biran jiraa mee natti himikaa birri meeqaan dhufama waliti dabaladheen ka’a?

“Obboleessa=ilaamee qarshii 40,000 walumaa galatti

“Namicha isa misira dhufaaru=Oh maal natti baayyatekaa egaa kana hunda hin qabu itti naaf dabali 20,000 ati ofii keeti,?

“Obboleessa=bar dhirrii hojii hin qabuu kanaafu immoo birrii argachuu hin dandeenye maati keenya harkaa fudhadhu kottu.

“Namicha isa misira dhufaaru=bar maatiin keenya horii lafaa hin qabanu sangoota arfan sana male.

“Obboleessa lamman sana itti gurgurii kottu jara kadhadhuuti isa bira deemaa jiraa yoo rabbi jedhe awuroppaa amerikaa deemuuf obboleessa koo walin abbaa naa gurguraa sangoota lamaan kana.

“Abbaa=maal anoo arfanitti kana male waa hin qabuu maal koon sii ta’a?

“Mucaa isa misira deemuuf jedhu=maal abbaa koo dhugaa amman deeme isini deebisa sangoota keessan hojiin jira hedhani achi.

“Abbaa=egaa bor gabaa geeffadhu sangootatti naa deebisaa manatti kanas narratti ijaartanii wal gargaartanii.

“Mucaa isa misira dhufuuf jedhaaru=hayyee abbaa galatomaa.

“Mucaa isa misira deemaaru=milkaaheeraam nan dhufaa dallaala naa ergiikaa obboleessa koo.

“Obboleessa=dallaala wama ta’etti dubbate karaa sudaan kaase
……
…..
…..
Amma immoo dallalli maal akka gootu asuma irraan ilaalla dallaalli ilmaan oromoo enyuu?enyuutu ilmaan oromoo fixaa jira?
Dallaalli ilmaan oromoo ilmaanuma oromoo warra horiin lubbuu namaa jijjiruudha.dallaala jechuun durumaa sobduu gantuu jijjirtuudha,ammma teesee waa hundaan sii jijjirti,jaraaf biddeena namni birri irratti obboleessa ofiyyu ni jijjiraa jira jedhama bara ammaa kana,keessayyuu dallaali ilmaan oromoo kan egypt kaayiroo karaa suudan irraa biyya misiraa kana galchaa jiruu ilmaan oromoo biddeena ifi qajeelchuu yoo barbaadan dallaala sirrii xiqqoo namaa yaadu danda’utti nama haa kennanu ,filannoon biyyaa bahuu dhisuu yoo dhabame jechuu kooti,yoo danda’ame immoo warrumti nuti dallaala ofiin jettanu osoo qarshiidhaa jettanii lubbuu qaqaalii kana horiin jijjiruu dhiftaani gaariidha,sammun namaa waan gaarii yaaduu irraa bilisa ta’e jira yeroo ammaa kana dhugaa dubbachuuf osoo walitti baane waan ilmaan oromoo kana biyya kana keessatti dubbanne namoota harki caalu kan ija laafuudha maaloo ykn sirritti hojjedhaa yookan immoo dalagaa kana dhaabaa,nama ilmoon obboleessi obboleettiin jalaa karaatti dhuman kan badaa warra keessain barbadeessuuf information ciccimaa waa’ee keessanii gurrataa jiru meeqaatamatu jira yoona dhiisaa madaa hin fayyine walitti gochuun kun diinummaadha walii yaaduu dhabuun kun gadhummaadha.
Mee waan kana namuu irratti yaaduun furmaata itti kennuun gaariidha.yeroon kana jedhu namoonni karaa sudaan irraan misirii deemaa jirtanu kan karaa libiyaa deemaa jirtanu asuma irraan ummata sahaara sudaan keesssaa sahaaraa misiraa keessa qaxxaamuruuf dhume kana sirnaan ilaalaa,namni karaa lafa hongee irra baqaaf deemu dheebuun beelaan dadhabinaan waa hundaan saaxilama.kana hambisuuf dursa osoo wayyaanee maaloo maaloo qinshamire qinshamiro osoo hin jenne oromoo ta’a kan oromoo yaaduu dhabee qoonqoo isaaf jecha oromoo gurguraa jiru irratti tarkaanfi gorsaa ykn waan barbaachifnu haa fudhannuu.
-Itti aansuun ummata karaa sahaara kana irratti daandi goodaansumma godhachuun irra darbanu waan isaan qabachuu qaban gamanumaan beeksifna,maal yoo jettaan ,bishaan,keeka,timira,baaqela,koshiroo,wantoota karaa afaanitti ol deeman wantoota haphi haphi.
-karaa uffannaa yoo lafti qorra ta’es yoo gubaa ta’e max fuulaa ykn uffata fuula irraa gad uffatan uffata fufurdaa gawont harkaa.
Oromoo tokko duunaan anaa ajjeesu jedhanii hidhi xuxachuu irraa akka hin godaanani akka waan kanaaf hin saaxilamne gorsuudha.waa hundaayyu wal bira qabani itti himuudha yaa jarana dikkaan biyya ofi irratti dhumanu hin jiru biyyi ofii haadha ofiti biyyi ofii ija ofiti.
Ammaa waa hundaayyu dhiisaati warra kanatti biyyeen haa salphatu jechaa fira keessan keessa ilaala ebbifamaa nagaan turaa. Beekan Gulummaa Irranaa Argan Beekan Elemo Abanega Abamecha Kabul AwolHawwii Say NO dhumneem yaa biyyaa mala nu malaa male.

Barreessaan Sabaan-boon Firrisaa
16/6/2016

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …