Oduu Haaraya

Irreechaa fi Wayyaanee

Baarentuu Gadaa Irraa//

Duraan Dursa Baga Ayyaana Irreechaa Bara 2017tin Nu Gahe!

Akkuma beekamuu fi hunduu quba qabutti Sirna irreechaa kun  weerara
minilikiirraa kaasee  amma    kufaatii Dargiitti akka  aadaa Oromoo
ganamaa fi dhuudhaa Oromoottichaatti kabajamaa hin turre, asii fi
achitti dhoksaan kabajamaa ture, sirnoonni Oromoo weeraranii bita
aturan kun  aadaa, duudhaa, afaan, seenaa fi eenyummaa Oromoo
balleessuuf  waan danda’an hundaa raawwachaa waan turaniif sirna
irreechaa addabaabaayii bahanii kabajuuf baayyee rakkisaa ture.
Haa ta’uutii Qabsoo  walirraa hin cinne  ummanni Oromoo dhaaba isaa
ABO waliin taasiseen  abbootiin irree  kun kufaanii  ummanni Oromoo
guutuu ta’uu baatuus  aadaa fi duudhaa isaa darbees afaanii fi seenaa
isaa kabajechuu eegale.  Kan kufaatii dargii  hordoftee shiraa fi
afaan qawweetiin aangoo humnaan qabtte wayyaaneen garuu deebitee
ukkaamsaa eegalte, afaaniin aadaa, seenaa fi afaan saboota aguddisaan
jira jettus  dhugaan qabatamaan jiru garuu akka aadaan, seenaa fi
afaan ummattootaa hin guddanne dhiibaa taasisuudha. Keessumaa irreechi
Oromoo bakka Oromoo kaabaa kibbaa, bahaa lixaa irratti wal gahu waan
ta’eef kan soda guddaan itti bule  wayyaaneen waggoota hedduuf akka
irreechi kun hin kabajamnee fi  namni irratti hin hirmaanne danqaa
hedduu taasisaa turte. Sirni Guddaan kun akka  aadaa fi dhuudhaa
Oromootti akka hin kabajamanee fi Oromoon fedhutti  hin gaggeeffamne
iddoo siyaasa ishii itti hololattu taasisuuf carraaqaa turte.
Haa ta’uutii  ayyaanni irreechaa kun guyyaarraa gara guyyaatti  bakka
tokkotti karaa Oromoo fi jaalattoota Oromoo fiduun kabajamaa jira,
galanni kan sabboontootaa, galanni kan qabsaawoota dhiiga isaanii
dhagalaasanii  kanaan nugahanii haa ta’uutii Oromoon itti boonaa jira.
Wayyaaneen  guddachuu sirna kanaa fi ummata Oromoo biratti jaalatamuu,
Oromoo walitti fiduu isaatti inaafurraa kan kaate  waggaa waggaan
shiroota adda addaa  uumtee, uffata namarraa yaasuurraa eegaltee  akka
namni bakka irreechaa hin dhaqqabneef uggura adda addaa keechuus,
sirnichi dagaagaa ummanni Oromoo fi jaalattoonni  aadaa isaa
guyyaarraa gara guyyaatti  sirnicha caalaatti miidhagsaa , namoonni
miliyoonaan lakkaawwaman  irratti hirmaachaa turaniiru.
Keessumaa hayyoonnii fi abbootiin gadaa Oromoo Sirna Kana Hambaa
addunyaa taasisuuf  jabinaan rartti hojjecha aturaniiru, hojjechaas
jiru.   Mootummaan wayyaanee garuu mootummaa shiftaa, mootummaa
saamichaa waan ta’ee fi waan ummata Oromoorraa  hin rafneef  akkuma
hunduu quba qabu uffata namarraa baasuu faaya nama saamuu , akka bakka
irreecha hin dhaqane nama danquu bira darbee   bara darbe jechuunis
bara 2016 waraana isaa  bobbaasee ajjeechaa jumlaa sukanneessaa ta’e
nama nagahaa, harka qullaa jirurratti raawwateera.
Daa’imti, manguddoon, dhiiraa dubartiin dhibbootaan lakkaawammanis
kuun rasaasaan , kuun  bishaanitti namuun, kuun  hallayyaa  seenuun
dhumaniiru.
Dhugaa kanammoo Dhaabbnni mirgna namaaf falamu human raayi wochillee
osoo hin hafin gabasa kanaan duras, tibba kanas  ibiddatti biinzina
naquu jedhuun baaseen  ragaa baheera.
Egaa sirni akkanaaa kun irreecha dhufu irrattis waan walfakkaataa
hin raawwatu jedhanii eeguun  rakkisaadha.  Ammumaanuu   kunoo
abbootiin Gadaa waliin wal mormii seeneera.
Abbootiin gadaa  nuti waraana sirnichaa nageenya  keessannan tikasa
jedhee  numarsee nugooluu hin barabaannu, irreechi aadaa, irreechi
ofii isaatiifuu nageenya,  nageenya keenya ammoo akka aadaa Oromootti
Fooleedhaan eegsifanna jechaa jiru,  Wayyaaneen ammo  karaa dubbi
himaa ishii  ergamticha Nagarii Leencoo jedhamuu lakkii anumatu
hidhataa taankii qabu bobbaasee isin eega jechaa jira.
Maal akka irreecha barnaa irratti akeekkate ammo  ishii fi ishii
qofatuu beeka.  Haa ta’uutii ummanni Oromoo maaliyyuu dhufu akka
irreecha isaarraa hin hafne, akka aadaa, fi duudha aisaa dhugoomnfatu
haalli Oromiyaa keessa jiruu fi qophiin abbootii gadaa ifatti
mirkaneessaa jira.
Uumanni Oromoo keesumaa qeerroon Oromoo hundumaa akka dhufaatii saatii
deebisuuf qophii ta’uun  mirkana.
Mootummaan  wayyaaneen kun  sirna abbaa irreeti, sirna humrii isaa
dheereeffachuuf waggoota 26n darban ummata Oromoo fixaa tureedha,
sirna saamichaati.
Sirna akkanaa  kanarraa ammo yomiyyuu nageenyi hin eegamu, Oromoon
eegaas hin turre. Amma wayyaaneen jiruttis  yoomiyyuu nageenyi  hin
jiraatu. Amma kan ta’aa jiru umkmanni Oromoo nurraa bu’I jecha ajira
wayyaaneen ammo lakkii gateettii keerraa hin bu’u jettee ajjeechaa
raawwachuudha.
Sirni kun sirna hamaa fi  sirna dhiiga bareeda. Kan biraa haa hafuutii
ajjeechaa bara darbe irreecharratti raawateefillee  yoo ummatatti
qoosu afiifi hallayyaa bu’anii dhuman jedheeti siida afakkeessii lafa
irreecharraa fageessee dhaabe. Kun qoosaadha. Gongumaa ajjeechaa inni
raawateef kan  bakka hin buunee dha.
Har’a Oromoon wayyaaneerraa siidaa hin eegu, Oromoon wayyaaneen yoom
nurraa baaii eegacha ajira. Qabsoon gaggeeffamaa jirus kanumaa fi.
Kun ammoo amma dhugoomutti sobaa fi sossoba kamiinuu kan duubatti
deebi’u hin jiru.

Irra deebidhaan irreecha gaarii irrecha milkii fi injifannoo nuuf haa
ta’u jenna@!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …