Oduu Haaraya

ISIIN KEEKII MURTII UMMANNI BEELAYEE!

Maxxannee maxxantuu alagaa
Alagaa hin beektuu shira irra dalagaa
Alagaan yoomuu alagaa
Shira hin dhabuu dalgaa
Alagaaf maaf bantii laagaa
Alagaan isii godhatee golgaa
Rabbuu isaan kuffisee argaa!!
Alagaa tajaajiluun keessa taree
Ol guuruun tolee/ashangulliitii yeroon irra taree
Kaayyoo alagaa baattaa
Kanaan olii gadi kaattaa!!
Kaayyoo alagaa jallataa
Sabni aaree ofirraa si gataa!!
Alagaan qabeenyaa saamataa
Qabeenyaa hiyyeessaa taa’ee nyaataa!!
Qabeenyi alagaa bakkarra taree
Uummata ammoo hiyyummaan dararee!!
Dararee dararee…………………
Dhugaan ni kaatii alaagaan ni kufaa
Alagaan quufaa, quufaa………..
Kan waan hujuuf dubbate wallaale cufaa
Balaa geesseef ima kufaa
Hiyyeessallee yook ni lufaa
Kun sirna H/Sillasee abbaa lafaa
Kan ofii bacaaruqe quufaa
Sirna dulloomaa moofaa
Kan Tewoodiroosi fi Yohaannis faa
Kana nutti jajaa ooltii laafaa
Sirna nugusootaa hafaa
Hafaa!!
Moofaa,
Doofaa!!!!
Sirnoota nama nyaatu
Kan awree fakkaatu!!
Minilik ammoo bineensa
Harkaa fi harma muru ragaan isaa
Diini kijibaa jiraa dhamaasaa
Kunoo guyyaa adiin isaan faarsaa
Sabni dagadhaa kanniin fokkisaa!!!!
Isiin keekii murtii ummanni beelayee
Rabbiin guddaan lafaan osoo dhayee
Balaa jabaa irraan osoo gayee!!!!
Rabbi isii haa kuffisuu
Worra sabaaf mormu kan dararsu
Kan hidhaan mankaraarsu
Ummata hiyyummaan dararte kana kan ajjeesu
Hidhaa nuu baasaa Pirofeesar Maraaraa
Aaddunyaanuu isinitti aaraa
Kan ajjeefameef hidhamee kaffalaa kaasaa
Rabbiin guddaan yookaan gumaa baasaa
Isinis ni kaffalchiisaa aarsaa
Kan sabarraan geettaniif mankaraarsaa!!!!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …