Oduu Haaraya

Itiyoophiyaatti Nama Miliyoona 8.2 Gargaarsa Barbaada

VOAMallaskaachoo Ammahaa
Akka gabaasa Koreen Balaatii fi Qophaahinaa Sagatnaaa Nyaata Addunyaa Damee waliin baasanitti  Itiyoophiyaatti rakkoon jijjiiramii qilleensaa EL NINO faana dhuftetti akka namii ariitiin gargaarsa eegatu tolche.

Rakkoo tanaa fala barbaaduuf mootummaan qarshii biliyona afurii baasee gargaarsa akka akkaa kennuuniitit jira.

Rakkoo tanaaf fala barbaaduuf gargaarsa doolara miliyoona 595 caalaa eegachuutti jiran.Rakkoo jirtu dhaabbilee biyya gara garaatti himee fala itti barbaaduutt jira.

Akka itti gaafatamaan Koree Ittisa Balaatii fi Qophaahina obboo Mitikkuu Kaasaa jedhetti rakkoon EL NINOn gula dhufte tun rakkoo guddoo taatullee mootummaan hujii jabaatee hojjachuutti jira.

Akka itti gaafatamaan Sagantaa Nyaata Addunyaatti Damee Itoophiyaa Joon Ayiliif jedhetti akka rakkoon tun hin hammaanne addunyaan itti wal gargaaruu malte.

Naannoleen laftii bona itti taatee gargaarsa barbadan Tigraay gama Kibbaa, naannoo Amhaaraa gama Bahaa,Affaarii Zoonii Sirtii, Somaalee,Ummataa Kibbaa keessaa gama Bahaati fi gama kibbaa, Oromiyaa ammoo Haragree Gama Bahaatii fi gama Dhihaa,Arsii gama Dhihaa fi Baalee gama Jalaa fa,

Naannolee horisiisee bulaatii ammoo laftii marraa fi bisaan dhabdee haga tokkoon horiilleen irraa dhumate.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …