Oduu Haaraya

I F L O /A I B O + ULFO/THBO

Gumaan jaallan wareegamanii walabummaa Oromiyaatiin deebi’a

      Akkuma beekkamu Sooreeysi QBO J/J/A/Gadaa du’aan ad

dunyaa kanarraa erga galan kunoo bara 2ffaa isaa xumurree jirra. Akka kanaan  Yaadannoon hangafticha keenyaa kan bara 2ffaa dargaggoota Oromoo kan Sooreeysaaf jaalalafii kabajaa  guddaa qabaniin  kan qophaawe guyyaa 13/03/2015tti milkiin xumuramee jira. Qophiin kun hirmaannaa hawaasfii bakka bu’oonni  dhaabbiileen siyaasaa adda addaa hirmaachuun qophii kanaaf miidhagina addaa kenne jira. Dargaggoonni Oromoo qophii kana qopheeysaniifii kenneen irratti hirmaatan haasawa itti fufinsa qabsoo, Walaloofii dhaadannoo gara garaatiin hegeree walabummaa Oromiyaatiif abdii guutuu mul’isaa oolan. Qophii kanarratti kan hirmaatan bakka bu’oonni dhaabiileefii hawaasaa haala qabatamaa yeroo irratti xiinxala bal’aa eega godhan booda hegeree QBO irratti murtiifii kutannoo qaban dabarfatanii jiran.

   Hayyootaafii manguddoonni Oromoo qophii kanarratti argaman kaayyoo hangafoonni keenya irratti wareegaman galmaan gahuuf dhaabbiilee siyaasaa Oromiyaa marti rakkoolee xixiqqoo jidduu isaanii turan maddumatti dhiisuudhaan diina biyya keenya irratti bifa haarayaan dhaadataa jiru kana hundeen buqqaasuuf qindoominaan akka qabsaawan dhaamsa lammuummaa dabarsanii jiran.

    QBO akkuma qabsoo bilisa baasaa addunyaa hunda guyyaan hundeeffamaa kan bara baraan yaadatamu qaba ture. Haa ta’uu malee hanga har’aatti guyyaan kun yaadatamee hin beeku. Akkasuma Guyyuun gootota qeeyroo ganamaa kan dhukaasa xirroo Seenaa Oromomoo fii Oromiyaa keeysatti iddoo guddaa qaba. Guyyaan Kun guyyaa gootonni keenya seenaa gabroomfata hashaa keeysatti reyfa nafxanyootaa lafarra bal’isanii baaraga zalaalam rifaatu uumaa gabroomfataa habshaatti uuman ture. Guyyaan kuniis GUYYAA YAADANNOO GOOTOTAA, tahee bara baraan akka yaadatmu dhaabotaa fii hawaasa Oromiyaa keeysaafii ala jiran maraaf yaamicha jabaa dabarsan.

Afraasa 12/12/1969 guyyaa hundeeffama QBO (ABO)

Fulbana 5/1974 guyyaa goototaa (Dhukaasa jalqabaa guyyaa lola xirroo) bara baraan akka yaadataman bifa guutuun labsamee jira.

    Sochii qeeyroon bilisummaa biyya keeysaa ittifufaa jirtu dinqisiifachuun dhaadannoon hogganootni TPLF dhageessisan jiran Kun bineensa belbela ibiddaa keeysaa gadooduufii sirna isaaniitiif ijibbaata maayii kan abdi kutannaati, jechuun balaaleyfataanii jiran. Hogganni dhaaba IFLO gama isaatiin afanfaajjii baroota dabran kana keeysa dhaaba keenya mudatee ture xiinxalaa fii marii yeroo dheeraatiin booda furmaata itti kennuun bifa harayaan hoggansa isaa filachuun hujii qabsoo akka itti fufuu bifa guutuun labsee jira. Carraa kanaaniis miseensotaa fii deeggaartoota dhaaba IFLO/AIBO tiin baga gammaddan jechuun dhaamsa isaa dabarsa. Miseensotaa fii kanneen sadarkaa hoggansa adda addaa irra turaniis gara toora odeeffannoo hoggansa haarayaa hordofuun akka hujii qabsootti deebi’tan jechuun yaamicha jaallummaa dabrsee jira.

     Dhumarratti gamtaan koreen IFLO fii ULFO irree tokkoon diina haaleellee Oromiyaa walaboomte arguuf dhaabbiileen siyaasaa Oromoo kan biyya keeysaafii ala jiran maraaf yaamichaa jaallummaa kan hafuura qabsaa’otaa dabarsuudhaan dhaamsa isaanii xumuran.

                          Tokkummaan humna!!!

                          Iznii gooytaatiin Oromiyaan niwalaboomti!!!

                          Koree gamtaa dhaaba IFLO& ULFO

                                        Bitooteysa 15/2015

 

Odeeffannoo dabalataaf

Email:- info.ulfo2012@gmail.com    and iflo.aibo@gmail.com (FC:- iflo)

Facbook :- ulfo/thbo                      

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …