Hatattamaan gadhiifamuuf kan qophaawe
Itoophiyaa: Basaasni Telecomii Mirga Dhala Namaa Balaa keessa galche
Teeknoolojiin biyya ormaa mormitoota biyya keessaa fi alaa basaasuuf oola
(Barliin, Bitootessa 25, 2104) – Mootummaan Itoophiyaa meeshaa hammayyaa halagaatti fayyadamuudhaan basaasa telekoomii daangaa hin qabne hojjettoota mormitootaa, akkasumas gaazexessitoota biyya keessaa fi alaatti argaman irratti basaasa gaggeessaa jira, Humaan Raayit Watch gabaasa har’a gadhiiseen ibse.
Gabaasichi fuula 100 “‘Jarry waan hojjetnu hunda beeku’: Basaasa Telekoomii fi Interneetii Itoophiyaa,” jedhu keessatti akka ibsetti mootummaan itoophiyaa meeshaawwan hammayyaa biyyoota baay’ee irraa argateen hojii basaasaa namoota akka mormitootatti shakkaman irratti aanjeffateen jiraattota biyya keessaa fi baqattoota biyya alaa irratti basaasa gaggeessaa jira. Hojiin basaasaa mootummaa kun mirga dubbachuu fi yaada ofii bilisaan ibsachuu, gurmaayuu, akkasumas mirga odeeffannoo argachuu kan faallessudha. Mootummaan bilbila mobaayilaa hunda fi tajaajila Interneetii karaa mana hojii telekoomiitiin dhunfatee qabatee kan jiru yoo ta’u, Itiyoo-Telekoom kun hojii basaasa kana raawwachuu haala mijeessuu cimsee itti fufee jira.
“Mootummaan Itoophiyaa sirna telekoomii dhuunfatee qabachuu isaa kana sagalee mormitoota ittiin ukkamsuuf akka mala tokkootti itti fayyadama,” jedhe Arvind Ganesan, daarektarri dhimma Huumaan Raayits Wach. “Dhaabbatootni biyya alaa kanneen tajaajila fi meeshaa adda addaa Mootummaa Itoophiyaaf kennan gochaan raawwatan kun sirnichi gama mirga nama ukkamsuutiin gochaa gaggeessu keessatti qooda fudhchuudhaan gochaa yakkaatiin himatamuuf of saaxilanii jiru.”
Gabaasichi miidhamtoota 100 fi angawoota sirna basaasa keessatti hojjetan kan Itooophia fi kan biyyoota biroo 10 waliin baatii sadaasaa 2012 fi Amajjii 2014 jidduu tti gaaffii fi deebii taasise irratti kan hundaayudha. Mootummaan guutummaan guutuutti sirna Telekoomii kna towatu waan ta’eef, angawootni basaastuu galmee oduu telefoona irratti dubbatame hunda argachuuf daangaa malee karaan akka banamuufii ta’eera jechuun ni dandayama. Jarri yaroo hunda fi akka salphaatti bilbila telefoonaa deemsa seeraa wayiituu hordofuu otoo isaan hin barbaachisiin waraabuu dandayau.
Dubbiin maatii fi hiriyyootni yommu bilbila irratti dubbatan waraabame – keessattuu lakkoofsa bilbila biyya alaa kan qabu yoo ta’e – yaroo baay’ee akka maleetti namoota qabamanii hidhamaniif gaafatamanitti dhageessifama, sababuma kanaan akka dhaabota ugguraman keessatti miseensa ta’aniitii fudhatamanii ittiin yakkamu. Sararri mobaayilaa yaroo hiriirri nagaa gaggeeffamutti ni cufama, bakkeen hiriirtotni jiranis sanumaan hordofamee bira gayama.
Miseenssi dhaaba siyaasaa duraanii tokko Humaan Raayit Wachitti akka himetti: “Gaaf tokko qabanii na hidhani, waan hundas natti argisiisani.” Bilbila ani bilbile hunda na argisiisan, dubbii ani obboleessa koo waliin dubbadhe tokkos na dhageessisani. Waayee siyaasaa bilbila irratti waan dubbanneef na hidhani. Bilbilli sun bilbila ani jireenya koo keessatti yaroo duraaf qabadhedha, anoo dura waanuman bilisaan ittiin dubbadhu tokko argadhe natti fakaatee ture.”
Mootummaan kun marsaa odeeffanno (website) kanneen oduu bilisa ta’e dabarsan fi xiinxala siyaasaa gaggeessan hunda ukkamsuudhaan mirga namootni odeeffannoo argachuuf qaban dhiphiseera. Biyyoota xiinxaluuf Huuman Raayit Wachi fi Citizen Lab, wiirtuu qorannoo Univarsitii Torontoo kan haala nageenya fi mirga itti-fayyadama Interneetii qoratu qorannaa bara
2013 gaggeesseen Itoophiyaan marsaawwan odeeffannoo, gabatee miidiaa fi bilogaroota garee mormitootaa ukkaamsuu cimsitee akka itti fufte ibsa. Biyya miidiyaan bilisa ta’e akka malee dhiphatee jirutti, odeeffannoo akkanaa argachuun hedduu rakkisaadha.
Mootummaan Itoophiyaa gama bilbila mobaayilaatiin basaasni gaggeessu yaroo baay’ee ummata
Oromoo irratti kan xiyyeefatedha. Haasawaan bilbilaa teeppii irratti waraabame kun hidhamtootni miseensa dhaabota siyaasaa uggraman keessatti miseensa akka ta’an; fkn Oromootni Adda Biliummaa Oromoo kan mirga Oromoo caalaatti kabachiisuuf ykn bilisummaa Oromoof falmaa jiru keessatti miseensa akka ta’an doorsisanii jecha amantii kennisiisuuf itti fayyadamu. Biyya seerri akka hin taanetti bayee hojii irra oolaa jiru fi maqaa seera farra shororkeessummaa jedhuun seerri hin taane bayee jiru keessatti, akkasumas mallattoon manni murtii seera sirnaan hiiku hin mul’atne keessatti imeelii fi dubbiin bilbila irratti haasawame waraabamee akka ragaatti falmii mana murtii keessatti dhiyaata.
Angawootni biyyattii namoota bilbila lakkoofsa bilbilaa Itoophiyaatiin ala ta’e fi kan galmee Itiyo Telekoom irra hin jirre irraa itti bilbilame jennaan fuudhanii yoo dubbisan jarri nama akkanaa hidhanii qoratu (jecha irraa fuudhu). Sababa kanaaf, biyya lammiin ishii hedduun biyya ala hojiif bayee jiraatu keessatti ummatni Itoophiyaa, keessaahuu ummatni baadiyyaa bilbila biyya alaatti bilbiluufis ta’e bilbila bilbilameefii fuudhee dubbisuuf ni sodaata.
Teeknoolojiin sochii telkoomii to’achuuf Itoophiyaa keessatti hojii irra oolu hedduun isaa dhaabata telekoomii Chaayinaa guddaa tokko maqaan isaa ZTE jedhamu irraa kan argamudha, dhaabni kun bara 2000 irraa eegalee meeshaa kana dhiyeessuu kan jalqabe yommu ta’u bara
2006 irraa hanga 2009 tti ammoo meeshaa akkanaa dhiyeessuuf waliigaltee addaa qabatee hojicha dhuunfatee qabatee ture. ZTEn Aaafrikaa keessaa fi addunyaa irratti gama meeshaa kanaatiin shoora ol’aanaa taphachaa kan jirudha, Itoophiyaa keessattis facaatiin telekoomii akka tamsa’u gochuu keessatti shoora murteessaa taphachaa jira. Hojii isaa waliin wal qabatee bilbibila mobaayilaa seera malee basaasuudhaan mirgi namaa akka hin sarbamne mirkanessuu fi ittisuuf ZTEn tarkaanfiin fudhate yoo jijiraate akka ibsu gaaffii Huuman Raayit Wach dhiyeesseefiif deebiin kenne hin jiru.
Dhaabbatni daldalaa Awurooppaa hedduunis meeshaa hammayyaa hojii basaasaasaaf oolu, kan hojiin isaa miseensota mormitootaa biyya alaa irratti xiyyeeffate Itopphiyaaf kennuu keessatti qooda fudhatu. Itoophiyaan ammaan kana meeshaawwan biyya Unaaytid Kingdam fi Jarmanii keessatti kan hojjetu dhaabbata Gaamaa Internaatshinaal Finfisher jedhamuun kan homishamu fi Xaaliyaanitti kan argamu Haaking Teams Riimoot Koontrool dhaaba jedhamuun kanneen homishaman kan of harkaa qabdu fakkaatti. Meeshaawwan kun dhaabbatootni basaasaa galmee, odeeffannoo, fi sochii kompiitaroota vaaiyrasan faalaman arguuf kan isaan dandeessisudha. Meeshaan kun furtuuwwan komiitaratti fayyadaman fi furtuu iccitii adda addaa itti towtan akksumas weebkaamii fi sagalee dhageessiftuu halaala ta’anii bananii kompiitara otoo abbaan
hin beekiin akka meeshaa sagalee waraabduu ofiitti geeddaranii nama manaa isaatti basaasuuf itti
fayadamuuf kan isaan dandeessisudha. Lammiiwwan Itoophiyaa biyyoota UK, Unaaitid Steetis, Norweey fi Neezerlaanditti argaman meeshaan isaanii vaayirasa akkanaan falamuuf kanneen saaxilaman dha; namoota haala kanaaf saaxilaman kanneen keessaa US fi UK kan tti argaman waayee sarara qunnamtii xalafanii dhaggeefftamuu irratti himatnaa dhiyeessaa jiru. Dubbiin Skaayppii irratti namoota gidduutti gaggeeffame fi koompiitara bifa kanaan faalame irraa waraabame tokko leellistuu mootummaa kan ta’e tokkoon kan qabame gabatee odeeffannoo tokko irratti bayee argameera.
Dhaabbatni Gamma jedhamu biyyoota mirga dhala namaa kabajuu irratti seenaa gaarii hin qabnetti meeshaan kun akka hin gurguramne of eeggannoo wayii gochuu isaa ilaalchisee Huuman Raayit Wach gaaffii dhiyeesseefiif deebii hin kennine. Haaking Tiim kan jedhamu garuu meeshaan isaa gochaa badaa ta’eef akka hin tajaajille of eeggannoo akka godhu ibseera, haa ta’u malee of eeggannoon akkanaa kun jiraatus gurgurtaan Itoophiyaa waliin godhan akka jiru fi yoo jiraates sirna maaliin akka raawwatame hin hin ibsine.
“Itoophiyaan teeknoologii biyya alaatti fayyadamuun miseensota mormitootaa biyya hambaa jiraatan irratti xiyyeeffaatte waanti gootu fakkeenya yaaddessa daldalli addunyaa towannaa malee raawwatamaa jiraacuu isaa argisiisu, namootas balaa hamaaf kan saaxiledha,” jedhe Ganesan. “Homishtootni meeshaawwan kanaa meeshaan isaanii faayidaa hin malleef akka hin oolle tarkaanfii hatattamaa fudhachuu qabu; kunis meeshaawwan kun lammiiwwan Itoophiyaa biyyaa hambaa jiraatan basaasuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu fi ta’uu dhabuu isaa, akkasumas sochiin isaan Itophiyaa keessatti godhan dhiibbaa mirga dhala namaa irratti qabu qorachuu of keessatti dabalachuu irra jiraata.”
Spaayweeriin humna cimaa qabu sadarkaa addunyaattii towannaa tokko malee hojii irra oolaa jiru sirna biyya alaatti ergaman ilaalchisees biyyootni seera towannaa tokko baasanii hin jiran jechuun ni dandayama, jedha Humaan Raayit Wach. Bara 2013 tti, gareen mirga namaa Dhaabaata Walta’insa Dinagdee fi Dinagdee (Organization for Economic Co-operation and Development) jedhamutti himatnaa dhiyeesse keessatti teeknoolojiin akkanaa Baahireen keessatti mormitoota irratti xiyyeffachuun hojii irra oolanii jiru, Citizin Laab dhaabni jedhamu akka ragaadhaan addeesstti meeshaan kun bi yyo ot a 25 ol t a’an keessatti hojii akkanaaf oolainiiru.
Mirgootni dhimma dhuunfaa ofii iccitiidhaan qabachuu dandayuu, walabummaadhaan of ibsu, mirga odeeffannoo, fi mirga ijaaramuu akka addunyaa irratti seeraan tikfamaniitti heerri Itoophiyaa of keessatti qabatee bayeera. Haa ta’u malee, Itoophiyaan sirna seeraa mirgoota kana ittisu fi ummatni basaasa seeraan alaaf akka hin ittisu tolchuu ishii hanqata ykn ammoo akka jiraatu hin feetu. Balaan kun caalaatti yaaddessaa akka ta’u kan godhu ammoo biyya san keessatti reebichi suukkanneessaa fi akka maleetti hidhamtoota qabuun manneen hidhaa hedduu keessatti babal’atee kan gaggeeffamaa jiru ta’uu isaati.
Tasa Itoophiyaan sababa hanqina dandeettii fi ministeerota ishii gidduu wal amantaa jiru xinnaa waan ta’eef meeshaa basaasaa kanatti ittifayyadamuuf carraan qabdu daangeffamuu ni mala, jedheera Huumaan Raayit Watch. Haa ta’u malee akka hanqinni dandeettiin biyyattii fooyya’een lammiiwwan itoophiyaa mobayilaa fi interneetii fayyadaman balaa hamaan fuuldura isaanii jira.
Hordffii seeraan alaa mootummaan godhu cinaatti lammiiwwan biyyatti basaastotni mootummaa kun bakka hundaatti akka argaman amanuu jalqabuu fi sarara teleckomii irratti mata duree hedduu irratti bilisa ta’anii dubbachuu irraa of qoqqobuu jalqabuu isaanii waliin wal bira qabamee haalli jiru yommu ilaalamu waanti caalaatti yaaddessaa ta’e dhufaa akka jiru arguun ni dandayama. Sirni ofumaa of towachuu (self censorship) kun bakka hunda caalaa baadiyaa Itoophiyaa bakka facaatiin intenreetii fi Mobayilaa xinnaa ta’etti babal’atee gaggeeffama. Malli basaasaa mootummaa inni guddaan hidda basaasaa ummata keessa gad-diriiree fi sadarkaa gandaatti irraa jalqabee sirnichi ijaaredha. Aadaan haala akkanaan baadiyyaatti tolfame kun hawaasni baadiyyaa bilbila moobaayilaa fi meeshaawwan qunnamtii biroo hunda akka mala basaasaa biraa ta’aniitti akka ilaalu godheera, jedhe Huumaan Raayit Wach.
“Sirni telekomii Itoophiyaa guddataa dhufuun isaa seerri icciitiin namootaa itti tikfamuu fi mirkanaawu tolchuu feesisa, akkasumas angawootni akka fedhanitti icciitii dhuunfaa namootaa akka daangaa wayii malee akka hin ilaallle mirkaneessuun kan hordofsiisudha,” jedha Ganesen. “Teeknoolojii Inteneetii fi mobaayilaa ofitti fudhachuu waliin meeshaann kun demokraasii akka tiksutti hojii irra oolchuu gochuun barbaachisaa akka hubachuun murtessaadha, yaadni fi ilaalchi namootni qaban bilisaan akka gaggeeffamu gochuu fi odeeffannoo adda addaa argachuu
mirgoota jiran hundaa jajjabeessu fi sirna qajeeltoo tolchuu malee mirgootni ummataa kunniin akka ukkamaman gochuuf itti fayyadamuun sirrii hin ta’u.