Oduu Haaraya

Jaal Jaarraa Duuti Nusaamtuus Yaadni Isaa Abadiif Nu Waliin Jiraata

Hoggaa Ciro dhaquu “Sheeytichi naannoo sanitti akkaan beekkame ka darasaa 200 ol barsiisu, ka Sheek Muussaa Ciroo ja’amu darasaa 11 wajji Galamsotti hidhanii baatii sadii gaye” jechu dhagaye. Isa kana baasuudhaaf Cirotti deebi’e. Sheektichi kuni maallaqa birrii 4500 waani harka qabuufi hidhame. Ja’an Galamso dhaqeewaassiidhaan hiikuu gaafatullee hayyama hin arganne ture. Yeroo tana Cirotti deebi’ee Dajjaazmaach Ahmad Alii Xaseetti dhaqee, isaa wajji bulchaa Awraajjaatti dhaqanii xalayaa “badii isaa ibsaatii gama keenya dabarsa” jettu fuudhee Galamsotti itti deebi’ee, adeemsa saniin sheektichi gadi lakkifame.

 

Sheektichi kuni nama tokkicha amanamaa qabsoo qawwee waliin jalqaban tahuu dandaya. Sheekticha kanaa wajjin qabsoo qawwee godhuurratti waltahanii namootahaga tokkoo wajjin shiftoota gara Diida’aa jiran dhagayanii itti dhaqan. Garuu shiftoonni san “maalaa ya’anii” saaminsaafii ajjeechaa malee kaayoo takkalleehinqaban ture. Kanaafuu, ifirra gara-galanii Micata dhaqan. Achitti warra Baaleedhufee deeyamaa – dhadhaa gurguratu, kani Habashaan mana hidhaatti guurtedhagayee, mala dhawee hidhaarraa baasuuf poolis xaabiyaa dhaqe. Akka ayyaanaatahee jara hidhame kanaaf

afaanumaan falmee mana hidhaatirraa baasaniif. Warra hidhaarraa bahan kanarra lolaBaalee odeeyfata. Oduu lolaa isaanirraa dhageenyaan sheekitacharraa nama karaaagarsiisu nama lama fudhatee, isaan sadeen waliin qarqara Waabeerraan gara Baaleeqaceelan. Yeroo tanatti Jaarraan, haala qabsoo olloota keenyaa, kan falasxiiniifii kan Aljeeriyaa, kanneen biraa, akkasummattillee qabeenya biyti teenya

qabdu, bosonaafii daggala isiillee dabalatee, bal’inaan if barsiisee ture. Baalekeeysatti Oromoota hidhatanii sossoohan kanneen akka Hussein Bunee Dararaa, Adam Jiloo, Waaqoo Guutuu, Mahmoud Rubee… faadhaan walqunnamee lolaqawwee kani isaan sirna Habashaarrtti geggeeysanirratti qooda fudhate. Boodainuma loltoota Baalee waliin Soomaliyaa dhaqee meeshaafii Kaameraa faadhaanqophaawee lammada Baaletti deebiee jeynummadhaan lolarraa qooda fudhachuu qofa osoo hin tahin, qabsoo Baalee san qabatamaan addunyaa barsiisuu ifirrattifudhate. Hojii ifirratti fudhate kanaas soda malee dalagaarra oolchee jira.

 

Soomaliyatti Oromoota achi jiran waliin if jaaran. Yeroo Jaarraan Soomaliyaa seenunamoonni isa dura turan, nama maqaa Mohammed Yousf ja’amu jalatti, jaarmayamaqaan “Soomalee Dhihaa” ja’u fudhatanii turan. Ajandaan Mohammed Yousufajandaa Oromoorraa adda ture. Haala san jijjiiruurratti

 

 

Jaarraan tarkaanfii Oromoota achi turan amansiifachuutiifii, tan Mohamm Yousu kop[hxoomsuu hojjatee ture. Jaarmaya maqaan Soomalee Galbeed kana akkaagoobaraatti dhunfachuun waani isaan barbaachiseef, nama ifiif amanan, hayyuu,qabsaawaa nama, jeynicha Mohammed Omer Ahmed ja’mu filatan. Akkasitti jaarmaya maqaan Somalee Galbed kana Oromoonni dhunfatan. Lafa jalatti akka mootummaan Soomalee hin hubannetti garuu Oromummaan waldammaqsaa turan. Waldammaqsuun isaanii haga Soomaaliyaa keessa jiran maqaa Soomalee Galbed mootummatti himanii lafa jala Adda Bilisummaa Oromoo jaarrachuudha ture. Akkasitti Soomaliyatti Afraasa 12, bara 1969 tti, Sabboontoonni Oromoo gameeyyiin kanneen magaalaa Maqdishoo jiraatan kuni walitti dhufanii, jaarmaya maqaan AddaBilisummaa Oromoo (ABO) ja’u moggaafatan. Jaarmyni kuni Dura Taa’aa namabiyya sanitti beekkame, kan qabeenya guddaa qabu, Mohammed Umar Qaadiigodhate. Barreeysaan jaarmaya Sanii Husseen Suraati. Jaarraan Mataa Waraanaati. Bakki walgahii gaafasii, magaalaa maqdishoo, garaaja Abdullahi Lungoo keessatti. Yeroo tana Soomaleen akka duraatti qabsoo qawwee Baalee gargaaruu waani dhaabdeef, hamileen Oromoo caphuu agarraan gargaarsa barbaadufi biyya alaa, Adan dhaqan.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …