Oduu Haaraya
jaarmayoota4

Jaarmayaaleen Oromoo waliin hojjachuu danda’uu qofa kan Oromoo injifannotti geessu

Ilmaan Oromoo bahaa-dhiha, kaabaa-kibba dhimmi isaan walitti hidhee jiru Oromummaa fi Oromiyaa dha. Wanta hunda dursuu kan qabu, dhaabbileen maqaa Oromoon ijaaraman, faaydaa nama dhuunfaa fi garee keessaa bilisa ta’anii wanta akka sagantaatti baafatanii jiran gara hojiitti jijjiiruun dirqama yeroo ti. Maqaa qabsoo Oromoon dhaabbileen ijaaramanii jiran yoo ilaalle, bifa barruun sagantaan isaan waraqaa irraa qaban, Oromoo abbaa biyyaa gochuu fi bilisummaa sabaa dhugoomsuuf akka ta’e, barruu irraa ni dubbifama. Hoogganootii fi miseensi dhaabbilee siyaasa garuu, wanta akka sagantaa siyaasaa irratti maxxanfatanii fi baafatan hojiitti hiikamaa akka hin jirre tolchanii beeku. Wanti akka sagantaatti wixinatanii jiranii fi wanti hojiin muldhisaa jiran faallaa sagantaa isaanii ti.

Oromoo ta’ee qabsoon keenya maaliif dadhabe kan hin jenne jira hin se’u. Falaa fi malas namni hin akeekne hin jiru. Hoogganootiin qabsoo Oromoo hoogganaa jiran, midiyaa fi waltajjii ummataa gara garaa irratti yoo dhihaatan, waadaan isaan galanii ummatatti lallaban yoo jiraate, qabsoo sabaa jabeessuuf hunda dura Oromummaa fi tokkummaa mooraa qabsoo Oromoof akka hojjatan dhaammatu. Qabatamaatti garuu faallaa kanaatu muldhata.

Rakkoon kun amma iyyuu hin dhaabbanne. Rakkoon kun ummata Oromoo ykn miseensa dhaabbilee siyaasa Oromoo bira hin jiru. Rakkoon hamtuu fi ijoon kan jirtu hooggantoota dhaabbilee siyaasaa bira jira. Kanaaf hooggantootiin dhaabbilee siyaasaa rakkoo amma harkaa nuqabdu kana hiikkachuuf of irratti murteessuu qabu. Dubbii dandahuudhaan, waliin dhahuudhaan, fakkeessuudhaan, natu caalaadhaan, maqaa hin taane waliif kennuudhaan. Kana booda ummata Oromoo joonjessuu fi ofiifis joonja’anii mooraa alagaa yeroo itti jabeessan dhaabbachuun dirqama ta’a.

Karaa biraatiin rakkoo mooraa qabsoo Oromoo keessa jiru yoo ilaalle, dhaabbileen siyaasa Oromoo, dhimmoota irratti garaa garummaa qabanii fi wantoota irratti waliin hojjachuu danda’an adda baafatanii mataa isaaniitiin beekuu dadhabuu dha. Xiinxala guddaa otoo hin gaafatin sagantaa siyaasaa dhaabbilee Oromoo amma yoonaa jiran (nama tokkos haa qabaatanii nama lama) harka saddeetama kan ta’u dhimmoota waloon isaan hojachiisuu danda’an qabu. Garaagarummaan isaanii harka 20 hin caalu. Garuu hooggantootiin dhaabbilee siyaasa Oromoo, dhimma sagantaa siyaasaa qaban ilaalanii waliin hojachuuf fedha horachuu irra, isa harka 20 hin caalleef dursa kennuudhaan akkaataa waldhibdee isaanii furatan irratti danqaa ta’u. Bifuma wal fakkaatuun bilchinaa fi dandeettii hoogganummaa akkasuma, siyaasaa dhabuudhaan haaloo walbahuuf kulkulfatanii hojjatu. Kun dadhabbina keenya isa guddaadha.

Yaanni namni tokko dhiheessu, gaariis ta’ee hamaa yaada irratti xiyyeefachuu irra eenyutu jedhe (Tolasaa moo Mohaammadi) bifa jedhuun namaan nama danquutu dursa argata. Garaa garummaan dhaabbilee siyaasaa Oromoo harka 20 hin caalle kun, yoo diriirsinee ilaalle, harka 10 kan ta’u hoogganni mataa isaanii walitti dhufanii kan fala itti kennuu danda’anii fi rakkoo isaan dhalchanii dha. Harka 5 kan ta’u, waliin waldhaggeefatanii waliin mari’achuu irraa kan madduu dha. Harka shan kan ta’u ammoo kan ummatni Oromoo akka sabaatti boru murteeffatuu fi aangoo ummata Oromoo ta’ee osoo jiruu dhaabbileen Oromoo dursanii murteessuufiidhaan madda danqaa godhanii argamu. Danqaaleen kun hunduu kan fala argatu yoo ilaa fi ilaameedhaan jibbiinsa siyaasaa keessaa bahee egeree sabaaf jecha waliin dubbachuu fi rakkoo Oromoo furuuf ofirratti murteessine duwwaa dha.

Akka sadaffaatti kan kaasamuu danda’u, collummaa wal gowwoomsuu keessaa baanee, dhaabbileen siyaasaa gaggeessaa jirru rakkoo hedduun xaxamee kan jiruu fi fala kan barbaadu ta’uu isaa ofitti himuu qabna. Keessi dhaaba siyaasa keenyaa rakkoon xaxamee otoo jiruu rakkoo jiru ifatti baafnee fala itti kennuu irra, fayyaa jirra jennee ummatatti dubbachuun, ummata gowwoomsina otoo hin taane, wallaalaa ta’uu keenya ummataaf labsina. Rakkoo jiru irra dibaa tokko malee ifatti dubbannee fala itti kennuutu beekumsaa fi ulfina namaaf kennisiisa. Kanaaf collummaan arrabaan dubbachuu dhaabbachuu qaba. Rakkoo keenya akka sabaattis ta’ee akka dhaaba siyaasaa Oromootti qabnu hiikkachuuf ifatti dubbannee daboo itti kadhachuu qabna. Kun aarsaa nama gaafatu qaba. Kana kaffaluuf qophii ta’uutu qabsa’aa nama jechisiisa.

Hoogganni dhaabbilee siyaasaa guddinaa fi sochii ummata Oromoo fi addunyaa wajjiin of ammayyeesaa fi of jabeessaa deemuun murteessaa dha. Qabsoo sabaa galmaan gahuuf haala waltajjii tokkoo keessatti toftaa fi kallattiin qabsoo maddisiifame haala waltajjii biraa keessatti ammoo dhimmi wal simuu fi sirraa’uu qabu, ykn akka yaadameeti yoo deemuu baate, sirreessuu fi badii yoo ta’es badiidha jedhanii balfachuun beekkumsa. Hoogganni dhaabbilee siyaasa keenyaa harki caalu kanaaf of kennaa miti. Kun qabsoo keenya heddu miidhe. Siyaasa karaa cabeen haa yaasuu keessaa baanee, dhimma hojiin muldhachuu danda’u irratti waliin deemuun murteessaa dha. Kanaaf kaleessa kanatu ture hardha ammoo haala biraatu jira, kana keessatti of madaksaa fi qabsoo gara fuulduratti haala tarkaanfachiisu uumaa deemuun bilchina hoogganaa gaafata.

Badiin otoo jiruu sobanii wal faarsaa fi wal jajaa waliin deemuun qabsoo sabaa duwwaa otoo hin taane, gareedhuma abbaa dhimmaatu dhuma irratti hallayyaa buusa. Kanaaf nama si faarsuu fi sijaju irra nama siqeequu fi nama yaada haarawaa siif gumaachu ofitti qabuun aadaa hoogganoota dhaabbilee siyaasaa ta’uu qaba. Namni yeroo hunda sifaarsuu fi dadhabbina otoo qabduu sijaju, diina kee beekamaa caala gara badiitti si oofaa jira.

Dhuma irratti mooraa qabsoo Oromoo tasgabbeessuuf, akkasuma tokkummaa qabsaa’otaa jabeessuuf hunda caalaa dursa kennuufii qabna. Aldureen wal xaxuu irra, ilaa fi ilaameedhaan dhimmoota waloon qabnuu fi garaa garummaa jiru dubbannee dhuma irratti fedhii fi hawwii Oromoof abboomamnee tokkummaa sabaa cimsuu qabna. Kun salphaa miti. Aarsaa gaafatu qaba. Isa kaffaluuf qophii ta’uun murteessaa dha. Siyaasa jibbiinsaa fi haaloo wal bahuu irraa fagaannee fedhii fi hawwii saba keenyaaf abboomamuun murteessaa dha. As irratti wanti dagatamuu hin qabne, siyaasa jibbiinsaa fi haaloo wal bahuudhaan kan injifatu dhaabbileen siyaasaa kamuu akka hin jirre beekuun gaarii ta’a. Qophaa injifachuuf yaaluu irra waloon dhimma waloon injifachuuf qophii ta’uun gahumsa hooggana siyaasaa muldhisa. Garaa garummaa faarsuun yeroo hundaa of jiraachisuu fi ni jirra jechuuf dhama’uu irra murtee siyaasaa kan hawwii ummata Oromoo fi saba keenyaa gitu fudhachuun murteessaa dha.

Barreessaa  mahdiidris@yahoo.com qunnamuu dandeettan.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

One comment

  1. Ennaan suuraa jara kanaa argu oromian yomiyyuu bilisummaa waan argattu nattii hinfakkaatu.
    Maaloo surraa jara kanaa nun hinagarsiisinaa.Jarrii kun oromia fi qabsoo oromoo irraa fagaatanii juru. Abdiin Bilisimmaa Qeerroo qofa. Oromoon abdii warra biyya alaa jiru irra tuuluu dhiisee Qeerroo hidhachiisuu qaba!!!!!!!