Oduu Haaraya

Jabana xibbaa-xibboo

Seena Oromoo keesati jabana xibbaa-xibboo jedhame kan beekamu bara sirni gadaa laafatee gadaan lagati gale,bara abbootiin gadaa aangoo irra umurii isanii turfachuuf yaalii gochaa turan,bara Oromoon diinati duulu dhiisee walii isaa loluu jalqabe,bara beekan walaala ta’e,bara walaalan beeka ta’e,bara jaarsii ijjoollee ta’e,bara ijjoollee jaarssa ta’e,bara gootii dabeessa ta’e dabeesii immo goota ta’e fi bari safuun bade bara xibbaa-xibboo jedhamee beekama.

Egaa Oromoo haala kana irra kan ka’e tokkumaan isaa laafee halagaan booji’amee gita bita habashaa jalati kufe.Giti bittootii habashaa kunis akka Oromoon Oromumaa isaa walaalu,akka afaan isaa lagatee kan hormaa dubatu fi habashaaf garba ta’e jiraatu ta’e.Haa ta’u garu haalii kun akka wari gita habashaa itti yaadan ta’u hafee gootootin Oromoo bilisumaa saba isaanii deebisaanii goonfachuuf qabisoo bilisumaa geggesuu jalqaban.Haala sabin Oromoo aadaa isaa ,afaan isaa fi safuu isaa dhiisee keessati qabisoo bilisumaa Oromoo geggesun baayyee rakkissa ture.Haala kana irra kan ka’e sochiin yeroo gara-gara gootoota oromoo geggefama ture osoo bakkan hin ga’iin fashalaa ture.

Jalqaba bara 1970 keessa yeroo jalqabaa fi sochii bilisumaa Oromoo bifa jaarmiyyan maqaa ABO jedhu mogafachuun saganta siyaasa qopheefate qabisoo hidhannoo jalqabe.Haali kunis yeroo biraa caala kan nama jajabeesuu fi Oromoo kan waalteese ture.Akkuma bara Haile Silaasee keessa waa’ee Oromoo fi falmuun cubbu gudda ta’e jaginnoota heddu galaafate, bara dargii keesatiis maqaa Oromoon qabisaa’uun bala gudda qaba ture.Kanaafiisi qabissoon bilisumaa Oromoo bara dargii keesati geggeefama ture haala rakkisa fi dhokissa guddan geggefama ture.Bara dargii keessa qabissoon ABOn geggeefama ture Oromoota heddu fi keesumaa ture.Dargiin guyya tokko illee Oromoon na lola jira jedhe yeroo inii itti dubate hin jiru.Kunis kan ta’ef sabin Oromoo hubannoo ga’a waa’ee qabissoo kana akka hin arganee fi ture.Dargiin qabisoo ABOn geggefama ture maqaa waanbadee fi shiftaa itti kenne waama ture.ABOn egaa haala rakkissa akkasii keesati dargiin wal-falmaa ture.

Haa ta’u garu bara 1991 Seena Oromoo keesati kufaatii dargiin wal-qabatee carran guddan argame.Bara 1991 ABO mootumaa ce’umissa seenuun carraa argame kanati gargarame akka sabini Oromoo Oromumaa isa baru,akka Oromoon afaan isaan dubatu ,akkasuma illee daanga Oromoo Oromiyaa jedhamitee akka beekamitu godheera.Haa ta’u garu ABOn mootumaa ce’umissa kana keessati dhiiba guddan waan irra ga’e fi mirgoota armaan olii saba Oromoo goonfachiisee mootumaa ce’umissa keesa ba’u dirqameera.

Egaa akkuman armaan oliti ibisuu yaalee ABOn mootumaa ce’umissa seenuun isaa carra gudda saba Oromoo fi akka argamisiisee eenyuu iyyuu haaluu hin danda’u.Keesumaa haala saba Oromoo bara dargii keesa ture namooti siriiti adda baafachuu danda’aniif namootii yeroo kana keessa qabisoo irra turan bareechanii beekuu.Haala ABOn ittin dirqame mootumaa ce’umissa keesa ba’esi namootii yeroo kana qabisso kana irra qooda fudhachaa turanii fi haalii qabisoo kun keessa ture beekan hubachuu danda’u.Haa ta’u garu yeroo kana kaasee namootiin dhimmi isaa illaalu caala namootiin haala qabisoo kana gadi fageenyaan hin beekinee ABO irrati qeeqa fi olola geggesuu jalqaban.Keesumaa namootii hubana siyaasa ga’a hin qabine waan hooganttootii Wayanee fi OPDOn itti himitu duwa dhaga’un maqaa ABO fi hogganttoota ABO xureesu jalqaban.

Namootiin guyya tokko qabisoo kana irra qooda hin fudhanee fi seena qabisoo Oromoo illee hin beekine mana mashataa fi mana caatii ta’anii ABO isa mana isaanii dhufee Oromumaa isaanii isaan barsiise irrati ololuun jalqabame. ABOn mootumaa ce’umissa keesa ba’uun irra hin ture ,abaluutu nu gurgure deemee,abaluutu moora nu gashe fi kan kana fakkatu diina irraa isaa dhagaa’an deebisanii Oromoota hubannoo siyaasa ga’a hin qabine abdii kutachiisuun hojjii guyya guyya ta’e.Ololi kunisi moora qabisoo keessa seenuun akka wal-shakii fi wal dhibideen qabisaa’oota gidduti dhalatu godhe.Keesumaa Oromoon biyya ambba bakka gara garati argaman olola kana babalisuuf qooda gudda qabu.Hanga harratis hojjii akkasii irra osoo ofi hin qusatiin itti fufanii Oromoo addan baasuu fi wal jibisiisu hojjii isaanii godhatanii jiru.Haa ta’u garu wagga digidama darbe calissanii ta’anii nama irrati ololuu irra kan hafe ofii isaaniif injifannoo ABOn argame irra dhaabatan qabissoo kana finiinsuuf tataafii isaan godhan hin mulatu.Biyya alaa ta’anii jireenya mijataa jiraachaa nami bira bilisummaa akka manati isaaniif fiddu barbaaduu.Oromiyaa ishee nami bira itti wareegame keessa bashananuu barbaadu.Ofii isaaniif immo maalaqan illee qabisoo bilisumaa kana jabeesuu fi fedha hin qaban.

Qabisoon kami iyyu bu’a fi bahii heddu keessa darbuu ni danda’a.Haalii ABO mudatees kana ala mitti.Bor haalii jijiramu ni danda’a.Haa ta’u garu wali irrati ololuu fi hamillee wal buusuun hojjii diinummaa malee hojjii ijjarssa mitti.Keesumaa haala qabisoo keenya yeroo amma irra jiru, kan jabana xibba-xibboo waliin wal fakkata.Yeroo itti Oromoon safuu walaalee jiruudhaa.Hundumitu waan hojjetu waan walaale fakkata.Harra tokko maqaa tokko bixillee asi ba’a,bori immo isa tokkotu as ba’a.Oromoo bakka dhaabatu walaale jira.Beeka fi wallalan walii walaalameera.Goota fi lunisi walaalameera.Hundumituu karaa mata isaa deema malee tokkumma kan fedhu hin jiru.

Jaarsii Oromoo nama araarsuu yeroo itti dhibeedha.Safuun badeera, hundumitu akka itti dhufe haasa’a akka itti dhufe olola.Haali akkasii immo eessan nu hin ga’u.Giddu kana dhaabii Oromoo ODF jedhamu hoggonttoota ABO duraniin bu’urefamee asi ba’uun isaa hangam harras wal-dhibidee fi wal –hubana ga’an akka Qabissoo bilisumaa Oromoo giddu hin jire agarsiisa. Haala kana hunduma kan fide wal-dhaga’u dhabuu fi olola wal- irrati oofuudha.Osoo wal-dhageenyaa ta’e waggoota digidama darban kana keessat bilisumaa keenyaa goonfachuu ni dandeenyaa ture.Kanaafiisi maaloo wal haadhageenyuu!!Wal haa gorfanuu!!Wali irrati qabisaa’uu dhiisinnee diina irrati haa qabisoofiinu!!Harca’uu dhiisinnee tokkumaa keenyaa haa jabeefanun jedha.


I.U.OF
QANNOO WAAQJIRAA IRRA

 

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …